Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Olompikii Tookiyoo: Seenaa ajaa'ibaa abaaboo Tookiyootti atileetotaaf kennamu duuba jiru
Waltajjii Olompikittii medaaliyaa argachuun hawwii atileetota hundaati.
Dabalataan, olompikii Tookiyoo 2020 baranaarratti abaaboon atileetota injifataniif medaaliyaa biratti kennamu seenaa adda ta'e qaba.
Taphoota Olompikiifi Paaraalimpikii irratti hidhaan abaaboo 5,000 atileetotaaf ni kennama.
Abaaboowwan kunneen aanaalee Jaappaan sadii kaaba-baha biyyattiitti argamanirra kan biqilan yoo ta'u, bakki kunis kirikira lafaafi sunaamii 2011'n balaan irratti dhaqqabedha.
Buufanni niwikilaraa Fukushimaatti argamuus sababa sunaamiin miidhaan irra gahe miidhaa biraa geessise.
Balaa kanaan namoonni 20,000 ta'an Iwaate, Fukushiimaafi Miyaagiitti lubbuu dhabaniiru.
Hidhaan abaaboo keelloo, magariisaafi cuquliisa atileetota Olompikiifi Paaraalimpikii Tookiyoorratti hirmaataniif kennaman hunduu jechuun sadarkaa danda'amun aanolee sadeen kanatti biqilan.
Abaaboon keelloon hidhaa abaaboo keessa fageenyarraa mul'atan Miyaagitti biqilan. Kan dhaabamanis maatii kanneen daa'imman isaanii balaa qunnameen du'aniini.
Adiifi inni diimaatti siqummoo Fukushimaatti kaka'umsa miti - mootummaan diinagdee bakkichaa kakaasuuf yaalii taasifamen kan biqilanidha.
Balaan kuni oomisha qonnaa bakkichaa haalaan miidhee ture. Abaaboon cuquliisni immoo Iwaateetti biqilan.
Abaaboon magariisni immoo Tookiyootti kan biqilan yoo ta'u magaala adorgommicha qopheessite bakka bu'uf kan filatamedha.