Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Olimipika Tookiyoo: Atileetiin Keeniyaa Eluud Kipchoogee yeroo lammataaf maaraatoonii Olompiikii mo’ate
Atileetiin Keeniyaa Eluud Kipchoogee Olompiikii Tookiyoo irratti erga dorgommii maaraatoonii mo'ate booda, galfata koo fiixaan baaseera jechuun dubbate. Bara 1980 asitti maaraatoonii Olompiikii walitti aansee mo’achuun nama jalqabaas taheera.
Kipchoogeen maaraatoonii Olompiikii walitti aansee mo’achuun nama sadaffaa dha. Dorgommii kanas sa’aatii lama, daqiiqaa saddeetiifi sekandii 38tti xumure.
Atileetii maaraatoonii jabaa yeroo maraati kan jedhamu Kipchoogeen nama ganna 36 yoo tahu, atileetii Neezarlaandis Abdii Nageeyee daqiiqaa tokkoofi sekandii 20 caaleti mo’icha kan gonfate.
Atileetiin Beeljiyeem Bashiir Abdii sadarkaa sadaffaa bahuun dorgommicha xumureera.
Dorgommii kanarratti Itoophiyaa bakka bu'uun kan dorgomaniifi Kipchoogeen morkatu jedhamanii kan eegamaa turan: Shuraa Qixxaataa, Leellisaa Deessisaa fi Sisaay Lammaa dorgommicha osoo hin xumurin hafaniiru.
‘’Maaraatoonii walitti aansee mo’achuun galfata (legacy) fiixaan baaseera jedheen yaada, amma labata natti aanu dammaqsuun deeggaruun qaba,’’ jedha rekardii addunyaa of harkaa kan qabu Kipchoogeen.
‘’Dorgommii Olompiikii Tookiyoo 2020 adeemsifamuunsaa waan guddaadha, abdiin jira jechuudha. Jireenya isa duriitti deebi’uuf karaa sirrii irra jirra,‘’ jechuun BBCtti dubbate.
‘’Injifannoo koo dabarsee otoo hin kennin hafuu koottii fi dhaloota itti aanu ispoortii yoo kabajaniifi kennamuun yoo hojjetan akka milkaa’an agarsiisuu kootti nan gammada,’’ jedhe.
Kun Kipchoogeedhaaf meedaaliyaa Olompiikii arfaffaa dha, bara 2019 immoo maaraatoonii sa’aatii lamaa gaditti galuun ‘ilma namaaf waanti hin danda’amne,’ hin jiru waan jedhu mirkaneesseera.
Kipchoogeen maaraatoonii irratti waggaa torba keessatti yeroo jalqabaaf kan mo’ame Onkololeessa darbe Landanitti ture. Maaraatoonii Jaappaan kana garuu to’annoosaa jala oolcheera.
Atleetiin Keeniyaa kuni rekardiin maaraatoonisaa 2:01:39 yoo tahu, kanas dorgommii bara 2018 Barliinitti adeemsifameen qabate. Kana malees fiigicha meetira 5000 irratti bara 2004 nahaasa (maaldaa) fi 2008 immoo meetii argateera.