Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Olompikii Tookiyoo: Lattasanbat Gidayiifi Siifan Hasan keessaa dorgommii 10,000m eenyutu injifata?
Atileetiin Olompikii Tookiyootti 5000m'n warqii injifatte Siifan Hasan dorgommii 10,000m irratti ammallee atileetota Itoophiyaa waliin falmii cimaa taasifti.
Kunis, akka isaan 'yaaddessu' atileetiin gurraatti jalqabaa fageenyichaan Olompikii irratti warqii injifatteefi yeroo ammaa immoo Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa kan hooggantu Daraartuu Tulluu BBC'tti himteetti.
Keessumaa Siifan Hasan atileetii Itoophiyaa 5000m fi 10,000m'n abbaa riikardii addunyaa kan taate Latasanbat Giday morkatti.
Atileetonni lamaan ji'a lama dura garaagartee guyyoota lama gidduutti qofa qofaan riikardii addunyaa 10,000m galmeessaniiru.
Lattasanbat Gidayiifi Siifan Hasan waltajjii guddicha addunyaa Olompikii irratti kana dura walarganii hin beekan.
Haata'u malee, atileetonni lamaan fageenya kanaan waltajjii guddaa irratti yeroo wal argan kun seenaa keessattii yeroo lammataafi.
Kana dura Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Dohaa bara 2019 irratti 10,000m'n Siifan warqii yoo fudhattu, Latasanbat lammaffaan xumurtee meetii argatte.
Walmorkiin fiigichaa 10,000m Olompikii Tookiyoo gaafa Sambataa dorgomamu lamaan keessaa tokko olaantummaa akka fudhataniif carraa uuuma.
Fiigicha qaxxaamura biyyaan kan milkoofte Latasanbat, yeroo ammaa 5,000m'n riikardii Xurunash Dibaabaa akkasumas 10,000mn riikardii Almaaz Ayyaanaa cabsitee kan ofii godhatteetti.
Tookiyootti maqaa guddaa kana qabattee deemtus muuxannoon garuu Siifanitu irra jira. Fiigicha duruu biyyoonni Baha Afrikaa itti goobanan dorgomtoota biroos qaba.
Tarii kan baranaa irratti kan Olompikii Riyootti riikardii addunyaa cabsuun injifatte Almaaz Ayyaanaa, akkasumas morkattuun ishee yerosii Keeniyaa irraa Viiviyaan Cheeriyuut hin hirmaatan.
Isaan hafanis garuu fageenyichaan muuxannoo kan qabdu atileetiin Keeniyaa Tookiyootti 5000m meetii argatte Heelan Obirii, Tsiggee G/Salaamaa fi Tsahaay Gammachuu fa'is ni morkatu.
Olompikii waan ta'eefis dorgomaan hin yaadamne irra aanee addunyaa ajaa'ibsiisuu danda'a.
Gareen Itoophiyaa morkattuu isaanii cimtuu atileetii dhalootaan Itoophiyaa amma Nezerlaandiif Olompikii Tookiyootti 5000m injifattee 1,500m fi 10,000m'nis kan fiigdu, Siifan Hasan, akka taate ibseera.
'Siifanis mucayyoo keenya'
Lattasanbat Giday, ganna 23, kana dura Olompikii irratti dorgomtee hin beektu. Ta'us, kan Siifan hin qabne kan Lattasanbat qabdu deeggarsa Daraartuu Tulluuti.
Daraartuun osoo Olompikiin waltajjii guddaa ta'uu isaayyuu hin beekin umurii ganna 21 taatee Olompikii Baarseloonaatti bara 1992 10,000m'n warqii goonfatte, bara 2000 Siidniittis dabalatte.
''Ijoolleen lachuu lammii Itoophiyaati. Ammallee lammii biyya hormaa yoo taate Siifanis mucayyoo keenya. Mucayyoo kabajnu, mucayyoo jaalannudha.
''Akka Federeeshinii Atileektiksittis, akka lammiitittis Lattasanbat ni eegna. Ni deeggarrasi,'' jechuun Daraartuun BBC'tti himte.
Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii ammaa Daraartuun atileet Lattasanbat waliin shaakallii taasisaa yeroo ishee jajabeessitu mul'atteetti.
Latasanbatiifi Siifan
Lattasanbat mana barumsaatti barnoota ispoortii yeroo barattu figicha hin jaaladhu, hin fiigu sababa jetteef maatii fidi jedhamtee turte. Amma garuu fiigicha jireenya ishii godhatteetti.
Atileetonni lamaan kana dura waliin dorgomanii beeku. Garuu ga'umsa, akkasumas beekkamtii amma jiraniin miti.
Atileetiin Adaamaatti dhalatte, Siifan, bara 2019 Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti 1,500m fi 10,000m warqii lama fudhachuun seenaa kana dura hin turre dalagde.
Atileetiin Nezerlaandiif fiigdu Olompikiif haaraa miti, kana dura 800m'n Riyoorratti hirmaattee 5'n xumurte. Olompikii baranaan garuu dorgommii sadiin seenaa haaraa galmeessuuf kaayyeeffatte.
Ammatti 5000m'n warqii injifatteetti. Kan hafan lamaan irrattis qophaa'aa akka jiru ibsite.
Olompikii baranaa irratti Lattasanbat olaantummaa atileetonni Itoophiyaa fageenyichaan qaban kabachiisuuf, Siifan immoo riikordii deeffachuufillee fiigdi.
Sifan Lattasanbatiif yaachiftii?
''Ee nu yaachisa, maaliifi? Siifan mucayyoo addunyaarratti lakkoofsa tokko taate dhiisitii kan biraatu yoo jiraate tuffatamuu hin qabu. Kanaaf, of eeggannoon barbaachisa.
'Shaakala gahaa ta'e hojjetaa jirti [Latasanbat]. Fayyaan ishee gaarii jira. Sammuun isheetis gaarii jira. Dursinee sirriitti qopheessaa jirra,'' jechuun Daraartuun dubbatti.
Keessumaa Olompikii jahaf kan hirmaataniifi Lattansabat olaantummaan kan leenjisan Komaandar Huseen Shiboonis Siifan morkattuu cimtuu akka taate ibsu.
Itoophiyaa Tookiyootti
Tooftaa Siifan injifachuuf ka'ame
Komaandar Huseen sababoota sadii Siifan atileetota Itoophiyaaf yaaddoo ta'u dandeessu akkanaan ibsu.
''Fageenya 5,000m fi 10,000m irratti muuxannoo akkasumas dandeettiin yeroo ammaa qabdu olaanaa wanta ta'ef morkattuu cimtuu akka nutti taatu shakkiin hin jiru.''
Muuxannoo jechuun isaanii dorgommii idil - addunyaa gurguddoo irratti milkaa'uu ishee ibsuuni.
Inni biraa ''Xumura [fiigichaa] irratti saffisa wal caalu.'' Dorgommii hanga ammaa jiruun Siifan Latasanbat caalaa xumurarratti saffisa qabdi.
Sababa kanaaf gareen Itoophiyaa atileetii Olompikii irratti fiigicha fageenya sadiin injifachuuf yaadde mo'uuf tooftaa kaa'ate qaba.
''Akka taaktikitti Latasanbat kan godhuu qabdu marsaa cimsitee itti deemtee isii ofirraa yoo hin rukutin, walqabatanii dhufanii marsaan tokko lama yoo hafu walitti dhufnaan xinnoo rakkisuu dandeessi.''
Olompikii baranaa irratti Siifan fageenya sadii dorgomuu yaadde keessaa inni xumura dorgomtu 10,000m dha. Kunis, ta'u dadhabbii horatti jechuun ni danda'ama.
''Kuni waan ajaa'ibaati kan danda'amu yoo ta'e. Lama fiigdee sadaffaatti 10,000m'tti dhufuu dhiisiiti lafa ho'aa sana irratti waldorgommii lama godhuunuu baay'ee ulfaataadha.
''Lama fiigdee sadaffaa irratti baay'ee itti cima kan jedhu shakkii qaba,'' jechuun Komaandar Huseen.
Ho'i Tookiyoo garuu isheef qofa miti. Qilleensi Tookiyoo ho'aa ta'uun isaa garee atileetiksii Itoophiyaas yaaddessa.
''Haalli qilleensa isaafi haalli pirotokolii Covid-19 baay'ee yaachisaadha,'' jechuun Daraartuun himti.
Inumaa biyyi Siifan keessa jirtu Itoophiyaarra ho'aadha. Yeroo ammaa Itoophiyaa keessa waqtiin ganna, Awurooppaa bonadha. Gareen Itoophiyaas kana quba qaba.
''Gara Awaash kana akkasumas Matahaaraa deemnee hojjenneerra,'' jechuun Komaandar Huseen BBC'tti dubbatan.
Qilleensi Itoophiyaa jiruufi bakki dorgommii itti taasifamu yeroo wal darbu kuni yeroo duraaf miti. Ta'us, gareen Itoophiyaa ni milkoofna jechuun abdii horateera.