Namni Tiraamp kaadhimamaa pirezidaantii ittaanaa gochuun filatan JD Vaans eenyu?

Doonald Tiraamp nama duraan akka malee isaan balaaleffatuufi senaatara Bulchiinsa Ohaahoo ture, JD Vaans kaadhimamaa pirezidaantii itti aanaa gochuun filatan.

Doonald Tiraamp namni siyaasaa kun prezidaantii ittaanaa ta'uun akka wajjin dorgomuuf fedhii akka qaban erga beeksisanii booda Konveenshiniin Biyyaalessaa Paartii Rippaabilikaan (RNC) ifatti filachuun kaadhimaa ta'ee akka dhiyaatu murteesse.

Doonald Tiraamp filannoo Sadaasa dhufu US'tti gaggeeffamu kan mo'atan yoo ta'e, JD Vaans pirezidaantii ittaanaa US ta'a jechuudha.

JD Vaans senaatara Bulchiinsa Ohaayoo yoo ta'u, Yuunivarsiitii Yeelitti nama barateefi barreessaa beekamaadha.

Kaadhimamaan kun kanaan dura Tiraam gar malee mormaa nama tureedha. Inumaayyuu Tiraamp pirezidaantii ta’ee yoo filame “Hitlar Ameerikaati” jechuun yaada kennaa ture.

Boodarra garuu Tiraamp pirezidaantii ta’uu hordofee yaada geeddarachuun deeggaraa Tiraamp cimaa ta’aa dhufe.

Kora Paartii Rippaabilikaan irratti ifatti ittaanaa Tiraamp ta’ee akka dhiyaatuf erga filamee booda, dubbii jalqabaa Pirezidaant Joo Baayidan qeequn eegale.

Uummanni Ameerikaa bara 2020 “nama yaadi duwwaa ta’e” filatee amma kunoo “pirezidaantii dadhabaa homaa hin dandeenye ta’ee jira” jedhe.

Pirezidaantin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraam fuula miidiyaasaanii kan “Truth” jedhamurratti akka barreessanitti JD Vaans Ameerikaa deebisanii guddoo taasisuurratti akka isaan cinaa dhaabatu ibsan.

“Akka Pirezidaantii Itaanatti, JD Vaans heera keenyaf falmuu, loltoota keenya cinaa dhabbachuu itti fufa, akkasumas AMEERIKAA DEEBISANII GUDDOO gochuuf waan danda’e hunda ni godha,” jedhan.

Tiraamp waa’ee kaadhimamaa ittaanaasaanii ta’ee kana ilaalchisee “haati warraasaa dhiibbaa guddaa irratti gaggeessiti’ jechuun kanaan dura dubbatanii ture.

Haadha warraa DJ Vaans kan taate Ushaa Vaans nama ganna 38 yoo taatu, siyaasa keessatti hirmaachuf fedhii akka hin qabne himuun garuu abbaa warraasherratti qabdu guddaa akka ta’e himan Tiraamp.

JD Vaans fi haati warraasaa Ushaa Vaans bara 2013 Yuunivarsiitii Yeelitti osoo seera baratanuu wal-baranii bara 2014tti mana dhaabbatan.