Dargaggeessa Tiraampitti dhukaasuu booda ajjeefame Toomaas Maatiw eenyu?

Maqaan dargaggeessa Doonaald Tiraamp osoo duula nafiladhaarra jiranuu itti dhukaasuun madeessee Toomaas Maatiw Kiruuks akka ta’e Biiroon Qorannoo Federaalaa Ameerikaa (FBI) beeksiseera.

Kiruuks, pireezidaantiin duraanii Ameerikaa Tiraamp, Pensilvaaniyaatti uummata walitti qabameef haasaa taasisaa osoo jiranuu itti dhukaasee madeesse. Dabalataan hirmaattota keessaa namni tokko yemmuu du’u namoonni lama immoo miidhaan cimaa irratti qaqqabeera.

Dargaggeessi waggaa 20 dhukaasicha banes rasaasa Isnaayiparii miseensota eegumsaan ajjeefamuusaa angawoonni biyyattii himaniiru.

Kiruuks yaalii ajjeechaa Tiraamp irratti aggaamame raawwachuusaafii qorannoon cimaan taasifamaa jiraachuu FBI himeera.

Dargaggeessichi waraqaa eenyummaa ofharkaa kan hinqabne ta’uusaafii qorattoonnis qorannoo qaccee sanyii (DNA’tti) fayyadamuun eenyummaasaa adda baafachuusaanii gabaasni FBI ibseera.

Naannoo Pensilvaaniyaa keessatti iddoo duulli nafiladhaa Tiraamp itti adeemsifamaa ture Batlar irraa fageenya km 70 irratti kan argamtu Beetel Paark irraa kan dhufe Kiruuks, mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Beetel Paark jedhamutti barachuunsaa gabaafameera.

Kana malees dargageessichi miseensa dhaaba siyaasaa Ribablikaanii akka ta’e gaazexaa biyya US kan ta’e Pitsbarg Tiribuun gabaasera.

Sababni haleellichaa maal ture?

Dhaabbileen qorannoo Ameerikaa sababa dargaggeessichi haleellicha itti raawwachuu danda’efii qaamolee isa duuba jiraachuu malan ilaalchisee qorannoo taasisaa jiru.

“Ammatti sababa haleellicha duuba jiru adda hinbaafanne” kan jedhan Pitsbargitti miseensi FBI Kevin Rojek, qorannichi ji’oota fudhachuu akka danda’u dubbataniiru.

Miidiyaa CNN waliin gaafif deebii kan taasisan abbaan Kiruuks gama isaaniitiin, “maaltu akka uumame adda baafachuuf yaalaan jira, waa’ee mucaakoo dubbachuukootin dura qaamolee nageenyaa hangan haasofsiisutti nan eega” jedhaniiru.

Dhukaasichaan namni biraan rukkutameeraa?

Dhukaasa Kiruuks baneen namni tokko yemmuu ajjeefamu namoonni biroon lama immoo cimaa miidhamaniiru.

Kunneen miidhaan irra gahee sadeenuu dhiira yemmuu ta’an, hundi isaanii ga’eessotafii duula nafiladhaa Tiraamp irratti hirmaachaa kan turan akka ta’e CBS News gabaasera. Maqaan namoota kunneenii garuu hanga ammaatti ifa hinbaane.

Toora miidiyaa hawaasaa isaanii ‘Tiruz Sooshaal’ irratti yaadasaanii kan barreessan Tiraamp, “rasaasa dhukaafameen gurrikoo harka mirgaa gara olii urameera” jedhaniiru.

“Wanti sirrii hintaane tokko akka uumame battalumattin bare, sagalee dhukaasaas dhagaheera, yeroo rasaasni gogaakoo keessa bahus natti dhagahameera” kan jedhan Tiraamp, dhiigni baay’een dhangala’uus himaniiru.

Wayita miseensonni eegumsaa Tiraamp waltajjiirraa fuudhanii gara konkolaataasaanii geessanittis gurrafii fuula Tiraamp irratti dhiigni ni mul’ata ture.

Ibsa marsariitii Koree Biyyaalessaa Ripablikaanii irratti maxxanfameenis Tiraamp haala gaariirratti akka argamanfii miseensota nagaa kabachiisan galateeffachuunsaanii himameera.

Shakkamaan dhukaasicha bane Tiraampirraa hagam fagoo ture?

Namoota taaticha ijaan argan keessaa tokko, namni qawwee qabatefii Kiruuks akka ta’e amanamu gamoo naannoo sagantichaatti argamurra akka ture himeera.

Shakkamaan baaxii gamoo mana kuusaa fageenye meetira 200 hinguunne qaburraa dhukaasa banuusaa BBC’n viidiyoowwan waraabaman xiinxaluun mirkaneffateera.

Viidiyoon TMZ argate wayita namichi dhukaasa banu kan mul’isu yemmuu ta’u, gabaasni CBS News akka agarsiisuttimmoo shakkamaan qawwee gariin otomaatikii ta’een dhukaasicha bane.

Haa ta’u malee namichi gosa qawwee akkamiittiin haleellicha akka raawwatefii rasaasni meeqa akka dhuka’e battalatti himuu akka hindandeenye FBI himeera.

Miseensonni humna nageenyaa ‘secret service’ jedhaman rasaasa Isnaayiparii dhukaasuun shakkamaa ajjeesuun isaanii kan himame yemmuu ta’u, suuraan wayita miseensonni nageenyaa hidhannoo hidhatan nama baaxii manaa gubbaatti kufetti dhiyaatan agarsiisu qoodameera.