Osoo taphattoota kootu akkas wal lola tahee natti tola- Ruuben Amoorim

Madda suuraa, Getty Images
Ji'oota 12 turtii Leenjisummaa Ruuben Amoorim haala gaarin hin xumuramne. Bara darbe yeroo gara Maanchister Yuunaayitid dhufe taphni jalqabaa isaa Everteen waliin ture.
Taphicha 4-1 mo'atan. Guyyuma sana garuu qabxiin arganne gaarii tahee bubbee hamaan dhufuuf jira jechuun dubbate. Hin oolle. Maanchister Kufaatii guddaa keessa galuun sadarkaa 15ffaan xumure.
Kaleessa Everten maanchister Yuunaayitid barana bayyaannachaa jira jedhamaa ture ammas deebisee bubbee Amoorim bara darbe jedhe sana yaadachiise.
Taphni jalqabee daqiiqaa12ffaa irratti Idiriisaa Geey waayila isaa Mikaa'el Kiin kaballaadhaan dhahe. Buruunoon yeroo sana carraa galchii lakkoofsisuu argatee ture.
Waliin isaa beekamuu baatus haala gaariin ittisaa hin jirtu kan jedhu irraa fakkaata. Kaardii diimaan dirreetii bahe.
Taphataan waayila isaa irratti balleessaa hojjetee kaardii diimaa argate Piriimer Liigii keessaa waggoota 17 as Geey isa jalqabaati.
Maanchister dirree isaa fi deeggartoota isaa duratti taphata. Isa irratti Everteen daqiiqaa 80 ol nama 10niin taphate.
Maanchister injifatee sadarkaa shanaffaa gala jedhamee eegamee ture. Hin taane.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphoota sadii walitti aansee kan mo'ate Maanchister kufaatiin isaa Nootingihaam Foorest irratti jalqabe. Qixa bahuun xumure.
Tootenhaam waliinis qixa bahan. Sadaffaa irratti ni mo'aman. Deeggaraa isaanii hanga Maanchister Yuunaayitid walitti aansee tapha shan mo'atuttu rifeensakoo hin muradhu jedhes balaarra buusan. Rifeensi isarratti bosonaa'aa jira.
Amoorim hamma danda'ametti osoo dafee rifeensa isaa myrate wayya jedhee ture. Dhugaa isaati. Hawwiikee dhugoomsuun yeroo dheeraa gaafata jechuu isaati.
Amoorim taphicha dursee Maatiyaas Kuunaa miidhamaan dhabeera. Seeskoonis akkasuma.
Carraa dhabne jechuun komataa kan turan Jooshoyaa Zirkizee fi Koobii Maayinuu carraa argatan. Homaa hin jijjiirre. Yunaayitid dirree isaa irratti qaana'e.
Amoorim egaa taphaan booda akkas jedhan.
''Everteen taphattoota 11'n yeroo taphatanis, taphattoota 10niin yeroo taphataa turanis nu caalu.
Qabxii sadii isaaniif mala. Taphni jalqabee daqiiqaa jalqabaa irrattiyyuu akkaataatti taphachaa turre gaarii hin turre.
Keessumaa sarara duraa irratti taphataa gahumsa gaarii qabu hin qabnu. Isa qofa osoo hin taane haalumti dirree guutuu irratti taphachaa tureyyuu na yaadessa.
Tarkaanfii tokko duubatti deebineerra'' jechuun yaaddoo qaban himan.
Amoorim taphattoonni isaa akka Leenii Yooroo fi Paatirik Doorguu osoo homaa dhiibbaa tokko keessa hin galiin kubba garee faallaaf yeroo kennan dhaabbatee ilaalaa oole.
Amaad Diyaaloo kan kana dura Amooriimiif akka furtuutti tajaajilaa ture murtoo dogogoraa hedduu fudhataa ture.
Yaalii hin barbaachisne, kubba gara hin taanetti dabarsuu kaleessa deddeebi'ee irraa mul'ataa ture.
Barana Yuunaayitidiin haala gaariin gargaaraa kan ture Biriyaan Embuumoo fi Buruunoo Fernaandez homaa hin mul'anne. Carraa galchii argatanillee balleessan.
Zirkizee kaleessa carraa galchii argatee ture. Hunda garuu Joordaan Piikfoord deebisaa ture.
Taphataan kun carraa taphaa guutuu yeroo jalqabaaf waan argateef itti murteessuun ulfaatus Amoorim taphattoota kanneen irraa waan abdii qabu hin fakkaatu.
Amoorim gammaduurra abdii kutachuutti dhiyoodha. Kaleessa yeroo Everteen taphattoota 10niin taphataa turan haala akkamiin taphachuu akka qabnu hubachuu hin dandeenye.
''Kun balleessaakoti. Anatu taphattootakootti himuu qaba ture'' jechuun yeroo jalqabaaf dadhabina isaa tahuu amane.
Miirri deeggartoota Yuunaayitid garuu ergaa guddaa dabarsa. Taphaan booda deeggaraan tokko akkas jechuun barreesse.
''Amoorim yeroo boqonnaa torban lamaa tapha kanaaf qophaa'aa ture. Taphattoota baay'een isuma waliin shaakalarra turan. Dirree isaa irratti tapha salphaa akkasii hin mo'atu taanaan abdii maalii qaba?'' jechuun gaafata.
Tokko ammoo leenjisaa taatee waggaa tokko erga turtee ammayyuu falaasama taphaakee taphattoonni kee hin hubanne taanaan rakkoon kan keeti. Amoorim gatii hin qabu jechuun miidiyaaleef yaada kenne.
Ooldi Tiraafoord irratti kilebni kamiyyuu taphataa tokko kaardii diimaan dhabee tapha mo'atee bahee hin beeku. Kun Amooriimiif kufaatii guddadha.
Maanchister Yuunaayitid amma qabxii taphoota salphaa akkasii irraa hin argatu taanaan balaaf saaxilamuuf deema.
Amaad Diyaaloo, Embuumoo fi Maazoraawwiin tapha Waancaa Afrikaaf yeroo deeman Amoorim homaa filannoo hin qabu.
Taphataa sarara duraa tokkittii irratti hirkachuun dorgommii baranaa jalqabe.
Seeskoo yeroo bitan Rasmas Hooyilaand Naappooliif ergisan. Zirkizeen taphataa lakkoofsa 9 miti.
Yuunaayitid Shaampiyoonsi Liigii bara dhufuuf darbuuf ammayyuu fagoo jira. Dorgommichi jabaateera.
Yeroo deeggartoonni keenya amma jabaachaa jirra jedhan ani yaaduma tokkon qaba ture.
''Ammayyuu fagoo jirra. Bakka gahuu qabu hin geenye. Hojii guddaatu nurraa eegama'' jechaan ture jedhe Amoorim.
"Wal loluun waan hamaa miti. Wal loluu jechuun wal hin jaalatan jechuu miti. Wal loluu jechuun kubba ati balleesite deemee deemee galchii nurratti lakkaa'amu taha jettee wal dhabuudha'' jedhe Ruuben Amoorim.
''Maal taha osoo taphattoonni koo akkas wal lolani tahee'' jedhe. Kun erga taphattoonni Eveteen lama wal loluun tokko kaardii diimaan baheeti.
Deevid Mooyes Siir Aleeksi Fergusaniin yeroo bakka bu'an akka garee jabaa ofiif ijaaraniif yeroo gahaan hin kennamneef ture.
Ooldi Tiraaford irraa yeroomaan gaggeeffaman. Kaleessa garuu dirree irraa ari'aman irratti taphattoota 10niin taphatanii injifannoon galan.
Leenjisummaan maal akka tahes Amoorimitti agarsiisan.












