Ashraaf Hakiimiin badhaasa Ballon d'Or Afrikaa mo'ate

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan internaashinaalaa Morookoo Asgraaf Hakiimii taphataa cimaa Afrikaa bara 2025 tahuun badhaasa Ballon d'Or Afrikaaa baranaa fudhate.
Badhaasni kun biyya isaa Morookoo magaalaa Raabaat keessatti kenname.
Hakiimiin Mohaammad saalaa fi Viiktar Osimeen mo'achuun badhaasicha fudhate.
Hakiimiin kileba isaa PSG waliin waancaa Liig 1 Faransaay, Shaampiyoonsi Liigii fi kaan mo'ateera.
Mo'achuu qofa osoo hin taane taphataa cimaa kilebicha keessa jiran keessaa tokko.
Bara 2023 fi 2024 badhaasicha kan dhabe Hakiimiin erga bara 1998 Musxafaa Haajii badhaasicha mo'ateen as taphataa Morookoo jalqabaa badhaasa kana harka galfate taheera.
Hakiimiin akkuma kana dura yeroo haadha warraa isaa waliin adda bahan qabeenya isaa hundaa maqaa harmee isaatti galmeesse jedhamuun qeeqamaa ture ammas harmee isaa qabachuun badhaasicha irratti argame.
Yeroo sana Hakiimiin miidiyaa hawwaasaa irratti ajandaa guddaa tahee ture.
Badhaasa kana irrattis walumaan yeroo wal tajjiitti bahu har'allee harmee isaa waliin dhufe jedhame.
Hakiimiin harmee isaa baay'ee jaalata. baay'ee kunuunsa. Yeroo tapha waancaa Addunyaa bara 2022 Morookoon seenaa hojjette haati isaa kun ilma isaanii haalaan hordofaa turan.
Gama dubartootaan dursituun garee biyyaalessaa Morookoo Giizleen Cheebaak badhaasa taphattuu cimtuu Afrikaa mo'ateetti.
Giizleen Cheebaak taphattuu Naayijeeriyaa Rashiidat Ajibaad fi taphattuu biyya ishee biraa Sanaa Misoodii caaluun badhaafamte.
Mo'attoonni kunneen koree teeknikaa CAF fi gaazexeesitoota beekamo Afrikaa, taphattootaa fi leenjistootaan filataman.
Hakimiin waancaa Afrikaa injifachuu barbaada
Hakiimiin yeroo PSG'n Shaampiyonsi Liigii mo'atu galchii jalqabaa isa ture kan lakkoofsise.
PSG waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii, Suupper Kaappii Awurooppaa, Kaappi de Firaansi fi Fireench Kaappii mo'ataniiru.
Garuu Fifa Kilab Woorlid Kaappii Cheelsiidhaan mo'amuun dhaban.
''Badhaasa kana mo'achuun anaaf kabaja guddaadha. Badhaasi kun anaaf qofa osoo hin taane kan Afrikaanota abjuu qaban hundaati'' jedhe.
Ammoo Hakiimiin tapha Shaampiyoonsi Liigii irratti waan miidhameef tapha Waancaa Afrikaa biyyi isaa Morookoon qopheessituuf dhaqabuuf yaalii adda addaa irra jira.
Morookoon Waancaa Afrikaa kana bara 1976 as yeroo jalqabaaf akka mo'attuuf taphataa biyyi isaa itti amanattudha.
''Waancaa kana mo'achuuf waan dandeenyu hundaa ni goona. Akkan waancaa kanaaf dhaqabuuf ogeessota fayyaa yeroo ulfaataa kana keessatti nu gargaaraa jiran hedduu galateeffadha'' jedhe.

Madda suuraa, CAF
Cheebaak erga bara dorgommiin dubartoota Afrikaa bara 2001 jalqabee as taphattuu Morookoo jalqabaa badhaasicha mo'attedha.
Xumura Waancaa Afrikaa bara 2024 erga gahanii Naayijeeriyaatiin mo'amanii yeroo waancicha dhaban gahumsi ishee guddaa ture.
Leenjisaan keep Verdee biyya xiqqoo kana yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaaf dabarsan Buubistaan leenjisaa cimaa Afrikaa tahuun badhaafamaniiru.












