Karoorri qubsuma E1 Israa'el kan 'yaada biyyummaa Filisxem dhoksuuf' sodaatamaa jiru maali?

Madda suuraa, Reuters
Karoorri pirojektii qubsumaa falmisiisaa ta'e kan Ministirri Maallaqaa Israa'el warra dudhaa durii leellisan (far-right) ta'an Beezaalel Ismotrich, ''yaada abbaa biyyummaa Filisxeem dhoksa'' jedhan qeeqa bal'aa kaase.
Karoorri E1 jedhamu Weest Baankii to'atame keessatti, Baha Yerusaalemiifi qubsuma Maale Adumim gidduutti, manneen 3,401 ijaaruuf waggoota kurnootaaf mormii cimaan dhorkamee ture.
Hawaasni addunyaa harki caalu qubsumni kun seera idil-addunyaa jalatti seeraan ala jedhee kan ilaalu yoo ta'u, Israa'el kana ni mormti.
Gaafa Roobii darbe Ismotrich, karoora kana deeggaruudhaan murtee kana ''bu'aa seenaatii'' jechuun ibsan.
Ministeerri dhimma alaa Filisxeem ammoo karoora kanaan ''yakkoota duguuggaa sanyii, buqqaasuu fi humnaan oftti makamuu dheeressuudha'' jedhan, Israa'el garuu himannaa kana yeroo dheeraaf hin fudhattu.
Dhaabbanni UN, Gamtaan Awurooppaafi biyyoonni adda addaa kan akka UK fi Tarkiis karoora qubsuma E1 qeequun akka dhaabbatu gaafataniiru.
Karoorri qubsama E1 maaliidha?

Madda suuraa, Reuters
Dhimmi qubsumni dhimma Israa'elii fi Filisxeemoota gidduutti wal falmisiisaa ta'e keessaa isa tokkodha.
Pirojektiin qubsuma E1, jalqaba bara 1990moota keessa Yitzhaak Raabin jalatti yaada dhihaatee fi karoora jalqabaatiin mana 2,500 ijaaruuf qabamuun jalqabe.
Bara 2004 keessa, dhaabbilee daldalaa fi turizimii waliin gara manneen (yuunitii) 4,000tti babal'ate.
Bara 2009 fi 2020 gidduutti marsaan haaraan kan ifoome yoo ta'u, kunis lafa qabachuu, pilaanii dizaayinii fi ijaarsa daandii dabalatee.
Haata'u malee, yaadonni dhihaatan yeroo hunda sababii dhiibbaa idil-addunyaa irraa kan ka'e ni dhaabbatan.
Maaliif falmisiisaa ta'e?

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannoo E1 misoomsuun yeroo dheeraadhaaf akka hundeeffama biyyummaa Filisxeem dhorkuu milkaa'eetti ilaalama ture.
Sunis sababa teessuma tarsiimoo iddoon E1 irraa kan ka'e: Innis naannoowwan kibba Yerusaalemkan kaaba isheetti argamu irraa adda kan baasu yoo ta'u, naannoo magaalaa Filisxeem falmisiisaa Raamaalaah, Yerusaalem Bahaa fi Beetaliheem walqunnamuu ni dhorka.
Akka gareen Israa'el 'Peace Now' jedhamu, kan Weest Baankii keessatti sochii qubsumaa hordofu jedhutti, manneen jireenyaa haaraan kunneen kan qubsuma Maale Adumim kan yeroo ammaa jiraattota naannoo kuma 38 qabu irraa %33n kan caaluudha.
Pirojektiin kunis naannoo manneen jireenyaa kan naannoo industirii naannichatti argamuun wal qunnamsiisu yoo ta'u, kunis to'annoo Israa'el kutaalee gurguddoo Weest Baankii irratti qabdu babal'isuuf karaa kan saaqu ta'uu 'Peace Now' gabaaseera.
Gareen kun akka jedhetti, dhaddachi xumuraa karoora qubsuma E1 raggaasisuu Roobii dhufu koree teeknikaa kan yaada dhihaate irratti mormii hunda duraan kuffiseen akka gaggeeffamu ibseera.
Weesti Baanki dhuunfatame maaliidha?

Madda suuraa, Reuters
Weest Baankii lafa Israa'elii fi Laga Joordaan gidduutti argamu yoo ta'u, Filisxeemoota miliyoona sadiitti tilmaamaman keessa jiraatu.
Yerusaalem Bahaa fi Gaazaa waliin qaama daangaalee Filisxeem qabame jedhaman bal'inaan beekamu.
Achittis qubsumni Israa'el gara 160 kan ta'an yoo ta'u, Yihudoota gara 700,000 ta'an Weest Baankii fi Baha Yerusaalem keessa jiraatu.
Filisxeemoonni yeroo hunda naannoowwan kanneen keessatti jiraachuu Israa'el mormaa turan. Israa'el ammallee to'annoo waliigalaa Weest Baankiirratti kan qabdu yoo ta'u, garuu bara 1990moota irraa eegalee mootummaan Filisxeem, kan Abbaa Taayitaa Filisxeem jedhamuun beekamu, magaalotaa fi bulchiinsoota ishee irra caalaa bulchaa jira.
Erga Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el irratti haleellaa raawwateen booda dhiibbaan Israa'el Filisxeemoota Weest Baankii irratti taasiftuu baay'ee dabaleera, kunis tarkaanfii nageenyaa seera qabeessa ta'uusaa mirkaneessa.
Ji'a Waxabajjii keessa UN waggoota kurnan lamaa oliif ji'a ji'aan Filisxeemoota miidhaman olaanaa galmeessee ture, Filisxeemoonni 100 qubsiistota Israa'eliin miidhamuu isaanii ibseera.
Walakkeessa jalqaba bara 2025'tti haleellaa qubttotaa 757 galmeessitee jira. Kunis, Filisxeemoota irratti miidhaa ykn qabeenya irratti miidhaa geessiseera. Taateen kunis yeroo walfakkaataa bara 2024 irraa %13 dabaleera jedhe.
Gareewwan mirga namoomaafi fFilisxeemonnii, humnoonni nageenyaa Israa'el Filisxeemoota fi lammiileedhuma saanii qubattoota irraa eeguuf dirqama seeraa qaban bahuu dhabuu isaanii himatu.
Humnootiin nageenyaa kunneenis haleellaa qubattotaa ija irraa qabachuu qofa osoo hin taane, maddii dhaabbachusaanii gabaasni bara 2024 dhaabbanni Humaan Raayitis Wooch baase ni mul'isa.
Israa'el waliigalteewwan Jeeneevaa naannoolee qabaman keessatti qubsuma dhorkan hojiirra akka hin oolle himatti. Kunis ilaalchi michootashee hedduu dabaltee abbootii seeraa idil-addunyaatiin mormameedha.
Filisxeemoonni sababii Weest Baankii dhuunfatame akka lafa mootummaa Filisxeem walaba gara fuula duraatti ilaalaniif qubsumni Israa'el hundi akka buqqa'an barbaadu.
Haata'u malee, mootummaan Israa'el mirga Filisxeemoonni biyya mataasaanii qabaachuutiif beekamtii waan hin kennineef, Weest Baankiin qaama biyya Israa'eel ta'uusaa falmiti.
Ji'a Adooleessa 2024 keessa manni murtii olaanaa UN, Manni Murtii Haqaa Idil-addunyaa (ICJ) Israa'el daangaalee Filisxeeme qabatte keessa jiraachuu itti fufuun ishee seeraan alaa waan ta'eef, Israa'el qubattota ishee keessaa akka baasuu qabdi jedheera.
Manni murtichaa xumura cimaa biroo baasee keessaa, daangaalee Filisxeem to'atamna keessatti Israa'eel Filisxeemoota irra daangaa kaa'uunshee ''loogii sirnaa sanyii, amantii ykn madda gosa irratti hundaa'e'' ta'uu ibseera.
Ministirri mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun manni murtichaa ''murtee sobaa'' dabarseera jedhan.
"Ummanni Yihudootaa lafa ofiisaanii irratti qabattoota miti, magaalaa guddoo keenya bara baraa Yerusaalem keessatti miti, hambaa abbootii keenyaa Yihudaa fi Samaariyaa [Weest Baankii] keessattis qubattoota miti," jechuun Aab Netaaniyaahuun ibsa kennaniin kan dubbatan.

Madda suuraa, Reuters
Karoora qubdama E1 addunyaan attamiin ilaale?
Karoora kana beeksisa hordofuun, Ismotrich Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Ambaasaaddar Maayik Haakaabee deeggarsa isaaniif galateeffachuun, akka ilaalcha isaaniitti, Weesti Baankii ''kutaa Biyya Israa'el Waaqayyo waadaa galeef kan addaan hin baane'' ta'uu mirkaneessaniiru.
Akkasumas Ministirri Muummee Beeniyaamin Netaaniyaahuun qubattota haaraa miliyoona tokko gara Weesti Baankii fiduuf karoora qaban akka deeggaran dubbataniiru.
Ministeerri Dhimma Alaa Filisxeem pirojektii E1 balaaleffachuun, tokkummaa daangaa ilisxeem irratti haleellaa raawwachuu fi carraa biyyummaa hundeessuuf haleluudha jedheera.
Karoorri kun walitti hidhamiinsa teessuma lafaa fi dimogiraafii kan miidhu yoo ta'u, Weest Baankii akka naannoolee adda baafameetti qoqodaamtufi babal'ifattoota koloneeffataatiin akka marfamtuufi, ofitti makuun akka salphatu taasisa jedheera.
Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa deebii karoora ijaarsa E1 kanaaf kanarratti kenneenii, ''tasgabooftuun West Baankii nageenya Israa'el kan eegu yoo ta'u, galma bulchiinsi kun nagaa naannichaa galmaan ga'uuf qabu waliin kan walsimudha'' jedheera.
Haata'u malee, UN fi EUn Israa'el karoorcha hojiirra akka hin oolchiineef gaafataniiru.
UN akka jedhetti, naannoo E1'tti ijaarsa gaggeessuun kaabaa fi kibba Weest Baankii addaan kuta, ''abdii biyyummaa Filisxeem hojiirra oolchuu yaada jiru dhugoomsuu akka malee ni miidha'' jedheera.
Hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kaajaa Kaalaas, karoorri qubsuma haaraan E1 ''furmaata biyyoota lamaa daran kan miidhu yoo ta'u, seera idil-addunyaas ni cabsa'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa UK Deeviid Laamiin, karoora kana mormuun, ''eegeree biyyummaa Filisxeem lamatti qooduun seera idil-addunyaa ifatti cabsuu agarsiisa'' jedhan.
Akkasumas Ministeerri dhimma alaa Tarkiis, murtee kana balaaleffachuun, murtee kun ''seera idil-addunyaa kan tuffatu'' fi ''tokkummaa daangaa'' biyyummaa Filisxeem irratti kan xiyyeeffate ta'uu ibseera.
Masriin pirojektichi ''seera idil-addunyaa fi murteewwan Mana Maree Nageenyaa ifatti cabsa'' jetteetti.
Ministeerri Dhimma Alaa Joordaanis karoora kana mormuun, ''mirga ummanni Filisxeem kan daangaa Waxabajjii 4 bara 1967 irratti hundaa'uun mootummaa walabaa fi abbaa biyyummaa magaalaa guddooshee Yerusaalem Bahaa taate hundeessuuf qabu," irratti haleellaa raawwatame jechuun ibseera.
Iftoomsuun karoora E1 kun kan raawwatame erga biyyoonni adda addaa kan akka Faransaayii fi Kaanaadaa dhuma bara kanaarratti biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuuf karoorfachuusaanii ibsaniin boodadha.
Yeroo ammaa biyyoonni irra caalaan, biyyoota miseensa UN 193 keessaa 147 kan ta'an, biyyummaa Filisxeemiif beekamtii ifatti ni kennu.
Ministirri Muummichaa UK Siir Keer Istaarmar akka jedhanitti, Israa'el yoo ulaagaalee kanneen akka Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuuf waliigaluu fi abdii furmaata biyya lamaa deebisuu baattee, UKn baatii Fulbaanaa keessa biyyummaa Filisxeemiif beekamtii ni kenniti.
Iftoomuu karoorri qubsuma haaraa E1n booda, Ismotrich ''bulchiinsi beekamtiin kennamuuf hin jiru'' jedheera.
"Addunyaa kanarraa namni har'a biyyummaa Filisxeemiif beekamtii kennuuf yaalu kamuufuu deebii keenya lafarratti argata. Sanadaana ykn murteen ykn ibsaan osoo hin taane, dhugaadhaan. Dhugaa manneen, dhugaa ollaadha," jedhan itti dabaluun.








