Haasaan MM Israa'el biyyoota Arabaa dheekkamsiise maali?

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Neetaaniyaahuu sababii waraanaa loltoonni isaanii Gaazaa keessatti gaggeessaa jiranitiin du'a namoota nagaa fi balaa beelaa naannichatti mudateen michoota isaanii dabalatee mormiin mudatee kan ture amma ammoo mormiin gara biraa isaan mudateera.
Gyyyaa Kibxataa haasaa TV biyyasaanii I24 jedhamu irratti taasisaniin yaada kennaniin, biyyoota Arabaa hedduu biratti dheekkamsa kaasuu isaatiin alatti ibsa dabalataa akka kennaniif gaafatamaa jiru.
Biyyoonni Arabaa Baha Gidduugaleessaatti argaman, Neetaanihaayuun hidhata cimaa mul'ata ''Israa'el Guddiittii'' jedhu waliin qaban kaasuudhaan, ergama kana milkeessuuf akka yaalan dubbachunsaanii walabummaa saaniitti balaa akka qabaatu kaasuun mormii kaasaa jiru.
MM Israa'el kun af-gaaffii isaanii keessatti mul'ata Israa'el guddiittii ergama ''seenaafi afuraa'' gochuun akka ilaalnii fi kunis mul'ata kanneen ''gara sana gahuuf yaadaa kan turan akka turaniifi kanneen keenyaan booda dhufan kan jedhaniin'' dhalattoonni Yaahudootaa ta'u ibsaniiru.
Moggaasa Israa'el guddiitii jedhuun siyaasaa Israa'el keessatti daangaa biyyattii babal'isuun kan wal qabatu godhamee ilaalama.
Kunis kan Weest Baank, Gaazaa fi Gaarreen Goolaan Sooriyaa kan dabalatu yoo ta'u, karaawwan tokko tokkoon ammoo naannoolee qarqara galaanaa Siinaa Masrii akkasumas bulchiinsoota Yordaanoos muraasa kan hammatu ta'utu himama.
Waraana Israa'eel Gaazaa keessatti waggaa lama ta'uuf baatiiwwan muraasni hafaniif gaggeessaa jirtuun wal qabatee, Neetaaniyaahuun Gaazaa guutummaa guutuutti to'achuuf karoora baasuudhaan hojirra oolmaasaatiif hojjataa ta'u torban darbe ifa taasisuun isaanii ni yaadatama.
Kana malees,baatii darbe keessa qubsimiwwan Ayihudootaa Weesti Baank keessatti babalataa jiraachuun kan himame yoo ta'u, Gaarreen Goolaan Sooriyaa erga to'annoo Israa'el jala oolfamanii waggaa 10 lakkaa'ameera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haalliiwwan kunneen ammaoo Ministirri Mummee Israa'el wal jalaan mul'ata Israa'el gudditii raawwachiisaa jiruu yaaddoo jedhuu uumusaatiin alatti biyyoonni Arabaas mormiisaanii dhiyeessaa jiru.
Haaraa Neetaaniyaahuun hordofuunis ibsa Ministeerri Dhimma Alaa Masrii baaseen, ''kan qaxanichatti muddama cimsuufi nageenyii akka hin jiraannee taasisuudha'' jechuun ibsa dabalataa gaafatteetti.
Ministeerri dhimma alaa Yoordaanoos ammoo haasaan Neetaaniyaahuu ''balaafamaa dubbii barbaachaafi kan haala hammeessuudha'' jechuun, ''yaaddoo walabummaa biyyootaa, kan seera idil-addunyaa fi chaartarii UN cabsuudha'' jechuun mormiisaa dhageessiseera.
Aanga'oonni bulchiinsa Filisxeem yaada ministirri Mummee Israa'el kennan kan ''mirga seeraa Filisxeemootaa dagateedha'' fi ''kan nageenya qaxanichaa dagateefi tasgabbii kan jeequudha haasaa dubbii barbaachaati'' jechuun mirmaniiru.
Haasaan Ministira Mumee Beenjaamiin Neetaaniyaahuu ''sarbama seerootaafi dambiiwwan idil addunyaafi kan hawaasa addunyaa qoruudha'' kan jedhe ammoo ministira dhimma alaa Yamaniidha.
Ministeerri dhimma alaa Kaataar gamasaatiin haasaa Neetaaniyaahuutiin ''mala weerara dheereessuu of tultummaa irratti hundaa'ee, kan walitti bu'insaa fi jeequmsa cimsu akkasums of tultummaadhaan walabummaa biyyootaa fi seera addunyaa sarbuudha'' jechuun mormite.
Ministeerichi Kaataar ''yaaliiwwan qaxanichatti haqa qabeessummaa, nageenya hunda hammataa fi waaraa fiduuf taasifamu hunda'' akka deegartu mirkanneesseera.
Ministeerri dhimma alaa Saawudiis ''yaadniifi pirojaktoonni babalifachuu'' aanga'oonni Israa'een gaggeessan kuffiisuudhaan, ''ummata Filisxeem obbolaa ta'an lafasaanii irratti mirga seeraa fi seenaa biyya walabaafi birmadummaa qabdu hundeessuu'' kan sarbuudha akka ta'e mirkanneesse.
Liigiin Arabaa ibsa baaseen ammoo ''ilaalcha barbadeessuu fi babal'ifachuu'' balaaleefachuun, ''nageenya biyyaalessa Arabaatiif balaa cimaadha'' jedheera.
Dhaabbanni Walta'insa Islamummaa (OIC)n gamasaatiin ibsa baaseen, ''ittigaafatamummaa idil-addunyaa Israa'el akka humna weerartuutti miliquu fi yaaliin mirga seeraa ummata Filisxeem sarbaa itti fufuuf taasifamuudha jedheera.
''Isaan keessaa ijoon hiree ofii ofiin murteeffachuu fi haaluma daangaa bara 1967tti Yarusaaleem magaalaa mummee gochuun mirga biyya walabaa hundeessuuti'' jedheera.
''Haasaan koloneeffannaa, babal'ifachuu kun naannichaafi nageenya addunyaa fi tasgabbiif yaaddoo kan uumuu, akka giingoon walitti bu'iinsaa akka cimu taasisuu fi walitti bu'insi naanncihatti argamu akka itti dheeratuu fi akka babal'atu kan taasisuudha'' jechuun dhaabbatichi akeekkachiiseera.
Gareen hidhatoota hamaas yaada Neetaaniyaahuuniin ''qaamni shiftaa kun biyyootaafi ummata naannichaa hundaa irratti balaan uumuu fi karoora mootummaa kamuu akka hin dhiifne ifatti agarsiiseedha'' jedhera.
Hamaas Onkololeessa 7, 2023 erga kibba Israa'el irratti haleellaa tasaa banuudhaan namoota hedduun du'anii kanneen 251 ta'an ammoo butee gara Gaazaatti fudhateen booda, Israa'el duula waraanaa bal'aa gaggeessiteen, hanga ammaatti dubartootaafi daa'imman dabalatee namoonni 61,000 ol ajjeeffamuu ministeerri fayyaa Gaazaa hamaasiin durfamu beeksiise.
Manni Murtii Yakka Idil-Addunyaa Ministirri Mummee Israa'el Neetaaniyaahuu fi ministirri Raayyaa Ittisaa biyyiattii duraanii Yoo'iv Gaalaant Gaazaatti yakka waraanaa fi yakka namoomaa raawwachuun yakkamaniiru jechuun ajaja hidhaa irratti basuunsaa ni yaadatama.












