Humni nageenya Keeniyaa daangaa Itoophiyaa seenuun akkamiin ajjeechaa raawwate?

Mooyyaleetti humnoonni nageenyaa Keeniyaa daangaa Itoophiyaa seenuun hogganaa Milishaa mooyyalee ganda 02 ajjeesan

Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa

Qaamoleen nageenyaa Keeniyaa Moyaaleerraan gara Itoophiyaatti ce'an nama tokko ajjeessanii tokko qabanii deebi'uu maatii fi qondaalli naannichaa BBCtti himan.

Namni rasaasa qondaalli tikaa Keeniyaa itti dhukaasen ajjeefame jedhame bulchiinsa fi nageenya ganda daangaa Itoophiyaa keesatti argamtu yoo ta'u, Abduub Waariyoo jedhama.

BBC'n obboleessa nama humna nageenyaa Keeniyaan ajjeefamee magaalaa Mooyyalee jiraatu tokko dubbisee akka odeefatetti namni ajjeefame kun abbaa ijoollee torbaati.

''Humna nageenyaa Keeniyaatu daangaa darbuun Itoophiyaa seenan. Magaalaa Mooyalee ganda 02 iddoo Boolee jedhamutti ajjeesan'' jedhe.

Ajjeechaan kun A.L.Itti gaafa Sadaasa 11 bara 2018 darbe kana raawwatame.

Abduub Waariyoo hogganaa bulchiinsaa fi nageenya gandichaati.

''Poolisoonni Keeniyaa daangaa ce'uun lammii Itoophiyaa tokko qabuuf yaalan.

Yeroo kana Abduub akkamiin daangaa keenya seentanii nama qabdu? Akkamiin Keeniyaa geessitu jechuun gidduu gale.

Yeroo kana darbatanii kuffiisan. Yeroo inni achii ol ka'u rasaasaan dhahanii ajjeesan'' jedhe.

Taateen kun mudachuun duras rakkoon nageenyaa mudate hin jiru kan jedhu obboleessi Abduub kun, poolisiin Keeniyaa kana dura takkaa daangaa Itoophiyaa seenuun yakka akkasii raawwatanii hin beekan jedhe.

Uummanni ajjeechaa kana balaaleffachuu himuun, ammatti rakkoon biraa mudate jiraachuu baatus fuulduratti waan mudatu hin beeknu jedhe.

''Lolli tokko hin turre. Callisanii daangaa Itoophiyaatti ce'anii nama qabuuf jedhan. Yeroo kana Abduub anis qaama mootummaati. Eeyyama nama kana ittiin qabuuf dhuftan natti agarsiisaa jedhee gidduu gale. Kanumaan ajjeesan'' jedhe.

Rakkoo mudate kanaan walqabsiisee gama Keeniyaatiin ammatti wanti ibsame hin jiru. Yaalii BBCn dubbisee qulqulleeffachuuf yaalees hin milkoofne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kantiibaan magaalaa Mooyyalee Galma Korophichaa ajjeechaan kun daangaa Itoophiyaa keessatti raawwatamuu BBCtti himan.

''Kana dura rakkoon gama mootummaa biyyoota lamaanuu mudatee hin beeku.

Mootummaa Keeniyaa waliin hojii misoomaas, dippilomaasiis walumaan haala gaariin hojjetaa turan.

Uummanni daangaa biyyoota lamaan keessa jiraatus uummatuma tokko. Daangaadhaan adda haa baanuyyuu malee uummata tokko. Garuu ajjeechaa kana raawwatan'' jedhan.

Obbo Galmaan guyyaa sana Itti Gaafatamaa Milishaa Mooyyalee ganda 02 Abduub Waariyoo ajjeesan jedhan.

''Yakkamaa tokko barbaanna jedhanii daangaa seenan. Nama yakka hojjete yoo jiraate xalayaan nu gaafadhaa.

Yeroos qabnee isinii kennina jennaan wal dhabdeen uumame. Abduub Waariyoo didee gidduu seennaan ajjeesanii nama tokko butanii fudhatanii deeman,'' jedhan.

Obbo Galmaan qaamni federaalaas poolisiin Oromiyaas asuma jira jedhu. Kana dura rakkoon yoo jiraate wal gaafannee nama barbaadamu walirraa fudhataa turre. Amma garuu maaliif yakka kana akka raawwatan nuuf hin galle jedhan.

''Uummanni yakka kanaan akka malee mufatan. Akka duulaatti akkamiin kun nurratti raawwata jedhanii ka'ani jennaan akka mootummaa Itoophiyaatti nuyi hordofnee furra jennee uummata tasgabbeessine'' jedhan.

Namni isaan barbaadan yakka akkamiin akka barbaadan nuuf hin himne kan jedhan Obbo Galmaan, yakki kun hariiroo biyyoota lamaanii hin miidhu. Mariis jalqabnee jirra jedhan.

Humna nageenyaa Keeniyaa yakka kana hojjete yerosuma waan deemaniif isaan hin argine jedhan.

Gama mootummaa Keeniyaan waa'ee ajjeechaa kanaa irratti waanti jedhame hin jiru.

Kana dura rakkoon kana fakkaatu akka hin turre kan himan kantiibaan magaalichaa uummanni akkuma durii wal keessa deemuun daldalachuu jalqabuu himan.

Magaalaan Mooyyalee gara Kibba Itoophiyaan daangaa Itoophiyaa fi keeniyaa irratti kan argamtu yoo tahu walakkaan magaala kanaa Itoophiyaa keessa walakkaan ishee ammoo Keeniyaa keessatti argamti.

Tajaajilli Immiigireeshinii fi Gumurukaa biyyoota lameenii waluma cinatti kan argamu yoo tahu, uummanni biyyoota lameenii akka garaa isaanii wal keessa deemuun hojjetataa ooluun beekamu.