Oromiyaatti barattoota qaxalee saayinsii hawaa, nukilaraa, AI fi tekinooloojii kaan kan barsiisu, SIT baname

Madda suuraa, Pirezidant Shimallis Abdiisaa (Facebook)
Oromiyaatti barattoota qaxalee ta'an qofa saayinsii hawaa, nukilaraa, Artiifishaal Intelejensii (AI) fi tekinooloojiiwwan kaan kan barsiisu dhaabbanni barnootaa haaraa Shaggar Institute of Technology – SIT jedhu banamee idileen hojii jalqe.
Inistitiyuuticha hojii kan jalqabsiisan Pirezidantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa rakkoo barnoota qulqullina qabu wal geessisuu hir'isa jedheera.
"Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, "roadmap" sirna barnootaa Ministirri Mummee keenya Abiyyi Ahimad (PhD) waggoota torba dura kaa'an hordofuun, barnoota saayinsiifi teknoolojii akka galma tarsiima'oo tokkootti kaa'atee socho'aa tureera.
Galma dhaloota saayinsiifi teknoolojiin dorgomaa ta'e umuuf qabame kana lafa qabsiisuuf, barnoota sadarkaa tokkoon duraa (Bu'uura Boruu) irraa kaasee hanga manneen barnootaa Ifa Boruu sadarkaa lammeessoo Addaafi Bultii Addaatti sochii baldhaa taasisaa tureera," jechuun dubbate Obbo Shimallis sirna kanarratti.
Akeekkii ergama olaanaa ce'uumsa saayinsiifi teknoolojii biyya keenyaa kan ta'e Shaggar Institute of Technology – SIT, barattoota qaxalee calallii hedduu keessa dabarsuun simate barnoota eegalchiisera.
SIT, dameewwan saayinsii umamaa jaarraa 21ffaa, kanneen akka Saayinsii Hawwaa, Hubannoo Namtolchee (AI), Saayinsii Nukilaaraa, Bayooteknoolojii, Elektirikaalii, Mekaanikaaliifi Mateeriyaal Injiineringiirratti kan xiyyeeffatudha. Sirni kenniinsa barnootaa, kaarikulamiifi laaboraatooriiwwan isaa dhaabbilee barnoota olaanaa idil-addunyaa gama kanaan dursa qaban kan hordofuufi walsimuudhas jedheera.

SIT, dhaabbata barnootaa mootummaan naannoo Oromiyaa bajata Birii Biliyoona hedduun bu'uuressedha.
Dhaabbata barnoota olaanaa kanatti barattoota qaxalee qofatu calallii ulaagaa hedduu qabu keessa darbuun itti barata.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Istituutiin mootummaan naannoo Oromiyaa magaala Shaggar kutaa Magaalaa Koyyee Facceetti lafa hektaara 50 irratti ijaaraa jiru kun maali?
Pirezedaantii Instituutii Teeknolojii haaraa hundaa'e kanaa kan ta'an Dr. Hayiluu Dhufeeraa BBC waliin turtii taasisaniiru.
Gaaffiifi deebiin isaan waliin taasifne akka isaan dubbatanitti isiniif dhiheessineerra, itti dhihaadhaa.
BBC- Inistituutiin Teeknolojii Shaggar kun yoom hundaa'e? Kaayyoon isaahoo?
Dr Hayiluu- Insitituutiin Teeknolojii Shaggar saayinsii fi teeknolojiirratti barsiisuu fi qorachuuf kan hundaa'edha. Waggoota lamaan darban bu'uuraalee misoomaa nu barbaachisan ijaarurra turre.
Itoophiyaa keessattis ta'e akka Afrikaatti saayinsii fi teeknolojiirratti ergama guddaa qabanneeti kan kaane. Barattootaaf carraa uumuufidha. Barnoota akka saayinsii hawaa, injinariingii nukilaraa irratti carraa uumuuf jedhameetidha.
Barattoonni barnoota gochaan deeggarame baratanii gaafa barumsa xumuran omishatti jijjiiruu akka danda'an ga'oomsuu kaayyeffanne.
Kana malees, saayintistoonni baayyeen carraa wiirtuu qorannoo fi laaboraatoorii dhabaniif carraa uumuufiidha. Qorannoo cimaa godhanii garuu warra hanqina laaboraatooriitiin waan qabatamaatti hin jijjiirreefis carraa uumnaafi.
BBC- Insitituutii keessan kana dhaabbilee barnoota olaanoo saayinsii fi teeknolojii barsiisan irraa maaltu adda godha?
Dr. Hayiluu- Dhaabbilee barnoota olaanoo biyya keessa jiranii fi saayinsii fi teeknolojiirratti barsiisan irraa wanti adda nu godhu nuti harka caalaa barnoota gochaan deeggarame goona.
Yunvarsiitiiwwan baayyeen barnootuma idilee barsiisu malee qabatamaa gochuu irratti investimantin isaa itti hin yaadamne.
Nuti namoota biyya isaanii jaallatan hedduu qabanneeti kan hundoofne. Industirii barnoota saayinsii keessa warra jiran. Kanaaf, industirii fi akkaadaamii walqabsiisnee lamaanuu walfaana deemsiisna.
Muuxannoo biyyoota biraa yoo ilaalle yunvarsiitiiwwan dhaabbilee hojii isaan barsiisan hojjetan waliin hariiroodhaan hojjetu. Fakkeenyaaf, teeknooloojiin kee Baayooteeknolojii yoo ta'e Faarmaa waliin hariiroo uumu.
Yoo barnootni ati barsiistu saayinsii hawaati ta'e NASA waliin hariiroon hojjetu. Gosa kaaniinis akkasuma. Kanaaf, barataan oggaa barattu eessa akka deemaa jiru, ofdura maal akka hojjetu wan beekuuf bu'a qabeessa ta'a.
Gama kaaniin akka yunvarsiitiiwwan biyya keessa jiran biroo dhaabbata guddaa barattoota hedduu simatu ta'uuf fedhii hin qabnu. Fedhiin keenya xiqqaa ta'ee dhaabbata milkaa'aa ta'uudha. Barataa baayyee hin fudhannu. Calalliidhaan barattoota cicimoo fudhanna.
Ijoollee muraasa fudhannee barsiisnu kana garuu baayyee milkaa'oo akka isaan ta'an irratti hojjenna.
BBC- Barnoota barsiisuuf jirtan saayinsii hawaa, saayinsii nukilaraa, hubannoo namtolchee (AI) fi kaan barsiisuuf waan isin barbaachisu hammam guuttattan?
Dr. Hayiluu- barataa simannee barsiisuu jalqabuudhaaf ammatti bu'uura misoomaa gahaa ta'e qopheeffanneerra. Garuu gara laaboraatooriitiin gamoowwan isaanii ijaarreerra meeshaalee barbaachisan guutuutu nu hafa.
Carraan nuti qabnu barataa ji'a kanarraa kaanee ni fudhanna. Amma barnoota kan jalqaban waa'ee saayinsii bu'uuraa barachuudhaani. Kurmaana tokkoffaa booda yeroo isaan laaboraatoorii barbaadanitti nutis waan barbaachisu guunnee xumurra jenneerra.
Ammatti garuu wantoota bu'uuraa barbaachisoo ta'an hunda qophoofneerra. Bu'uuraaleen misoomaa barattoota keenyaaf qopheessinu sadarkaa olaanaa kan qabudha.

BBC- Barattoota meeqa fudhattu? Bakki irraa fudhattanii barsiistanhoo?
Dr. Hayiluu- Dhaabbanni keenya mana barumsaa idil-addunyaati. Barattoonni nuti simannu biyya keessaa kutaa kamirraayyuu ni fudhanna. Barataan ulaagaa keenya guutee jiruuf iskoolaarshiippiidhaan barata.
Barattoonni kaffalanii hin baratan; waan hunduu bilisa. Kanaaf, nu bira seenuun dorgommii cimaa keessa darbuu gaafata. Bara kana barataa 300 fudhachuu karoorfanne. Isaa gadis hanga 280 ta'uu mala.
Qormaata biyyaalessaa kutaa 12 irratti qabxii olaanaa fiduun akka ulaagaa tokkootti ta'ee calallii hedduu keessa dabarsineeti kan simannu.
Hanga ammaa barattoota 106 calallee warra darban affeerraa taasifneefii jirra. Barana qofa osoo hin taane fuula durattis barataa 300 caalaa waan simannu miti.
Karoorri keenya barataa baayyee fudhannee waliin rakkachuu osoo hin taane baratoota qaxalee muraasa fudhannee qabeenya hedduu irratti baasnee akka isaan warra kalaqaa ta'anii ofis biyyas gargaaran tumsuudha.
BBC- Barattoonni manneen barnoota bultii addaa fi Ifa Boruu addatti fayyadamoo ta'uu?
Dr. Hayiluu- Ijoolleen manneen barnoota bultii addaa kunneen baayyinaan fayyadamtoota carraa kanaati. Sababni isaas qabxiin isaan fidanis olaanaadha, fedhiin saayinsii fi teeknolojii irratti qabanis olaanaadha.
Haata'uutii, barataan fedhii barnoota saayinsii fi teeknolojii qabu hundi carraa kana akka dhagahan ta'ee ji'a Adoolessaa keessa galmeen kan xumurame. Ergasii calallii keessa darbaa turan.
Qorumsa biyyoolessaa keessatti warri qabxii olaanaa galmeessan hedduun isaanii garuu nu bira seenaniiru. Akka dhufanis nuuf mirkaneessaniiru. Hedduun isaani manneenuna barnootaa bultii addaa irraa warra dhufani.
BBC- Inistituutiin Teeknolojii Shaggar kun eessatti kan barsiisu?
Dr. Hayiluu- Kaampaasiin keenya kan inni jiru Koyyee Facceedha. Lafa bal'aa naannoo hektaara 50 irratti qubannee jirra.
BBC- Gosti barnootaa isin barsiistan maal faa'i?
Dr. Hayiluu- Dippaartimentiin keenya inni jalqabaa saayinsii hawaati. Inni lammataa hubannoo namtolchee (AI), baayooteeknolojii, elektrikaalii fi baayoo injinariingii, saayinsii makaanikaalii fi maateeriyaalii kan biraan ammoo nukilaar fiiziksiidha.
Bartatoonni nuti filannee barsiisnus warra gosa barnootaa kanarratti fedhii qabanii fi fuula durattis ogummaa kanarratti hojjechuu barbaadani.
Kaarikulamiin barnootaa keenya kaarikulamii idil-addunyaati. Kaarikulamiin barnootaa keenya kaarikulamii yunvarsiitiiwwan addunyaa beekamoo akka MIT, Harvaard fa'a fakkaata.
BBC- Dhaabbanni kun bajata hagamiitiin hundaa'e"
Dr. Hayiluu- Pirojektii kana kan ijaarsisaa ture mootummaa naannoo Oromiyaati. Bajatni waliigalaa dhaabbata barnootaa kana hundeessuuf bahe dhumarratti kan beekamu ta'a.
Ammayyuu ijaarsawwan adda addaarra jirra, bu'uuraalee misoomaa guddaatu diriirfamaa jira. Garuu tilmaaman hanga ammaatti birriin Biliyoona torba ta'u hojii kanaaf baheera.
Instituutiin keenya yeroo guutummatti xumuramu laaboraatooriiwwan 130 ta'an qabaata. Laaboraatooriin 130 kun investimantii guddaadha. Laaboraatooriin tokko yoo xiqqaate doolaara Miliyoona shan fixa.
Qabeenya kana hunda dhangalaasnee ijoollee kanaaf haala mijataa yoo uumne ijoollee qaxaleen kun boru ofis biyyas sirritti warra gargaaruu danda'an ta'u.
Ijaarsi Insitituutii Shaggar fageessanii dhalootaa fi egereef yaaduu qabatmaan kan mul'ise waan ta'eef mootummaan naannoo Oromiyaa kaka'umsa kana fiduun dhaabbata akkanaa waan hundeesseef galateeffamuu qaba jedheen yaada.












