Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walitti bu'iinsa Naannoo Amaaraatti fufeen lammiileen nagaa lubbuu dhabuu maddeen himan
Walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattoota gidduu Naannoo Amaaraatti fufeen lammiileen nagaa lubbuu dhabuu maddeen hospitaalaafi jiraattonni BBC’tti himan.
Hakiimni Hospitaala Falaga Hiywat Magaalaa Baahirdaar irraa BBC’n dubbise erga walitti bu’iinsi eegalee 'lammiileen nagaa hedduu' rasaasaan rukutamanii gara hospitaalaa dhufuu himan.
‘’Miidhaa dhaqqabe lakkoofsaan ibsuun ni rakkisa. Reeffa hedduutu gara hospitaalaa seenaa kan jiru,’’ jechuun doktarri maqaan isaanii akka dhahamu hin feene BBC’tti himan.
Akka ogeessa fayyaa kanaatti, lammiileen nagaa walitti bu’iinsa kanaan miidhamaa jiru.
Hospitaalaan ala guyyaa Wiixataa magaalaa Baahirdaar bakka Abbaay Maado jedhamutti Bataskaana Kidaanamiratii keessatti nami qiddaaseerra [kadhannaarra] turan qawwee dhukaateen rukutamuu arguu himan.
Hakiimni hospitaalichaa biroo maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan, magaalattii keessa walitti bu'iinsi erga mudatee kanneen rasaasaan rukutamanii gara hospitaalaa dhufan lammiilee nagaa ta’u ibsu.
Kanneen keessaa kan mana yaalaa osoo jiranii du’anis ta’e erga lubbuun isaanii darbee dhufan akka jiran himan.
Akka ogeessi kuni jedhanitti kanneen miidhaman keessaa daa'ima waggaa shanii, maanguddoota akkasumas dargaggoonnillee keessa jiru.
''Daa’imtichi osoo kaasuu haadha isaa keessa jiru rasaasaan rukutamuu dhagaheera,’’ jedhan ogeessi kuni.
Magaalattii keessa tajaajilli geejibaas ta'e ambulaansii waan hin jirreef namoota miidhaman gara hospitaalaa kan seenan teephaan baatamanii ta'uu ibsan.
Rakkoo nageenyaa irraan kan ka'e namoota wal’aansarra jiraniif dhiiga dhiheessuun rakkisaa ta’u ibsaniiru.
Bakkeewwan naannichaa biroo Dabra Birahaaniifi Gondar dabalatee walitti bu’iinsi keessatti adeemaa jirutti lammiileen nagaa miidhamuu gabaafameera.
Walitti bu’iinsi humnoota mootummaafi hidhattoota Faannoo gidduu booda kana hammaateen naannichi birmannaa gaafatee Labsiin Yeroo Muddamaa akka labsamu sababa ta'eera.
Oolmaa magaalotaa
Magaalota gurguddoo Naannoo Amaaraa Baahir Daar, Gondar fi Dabir Birhaan hidhattoota Faannoo jedhamaniifi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduu walitti bu’iinsi Wiixataafi Kibxata itti fufuu jiraattoonni BBC’n dubbise ibsaniiru.
Buufatni Televizhinii fi Raadiyoo naannichaas tamsaasa dhaabuu jiraattonni magaalatti dubbataniiru.
Magaalaa Baahir Daar ganda 14,16 fi 13 keessa sagaleen dhukaasaa olaanaa tahe akka dhagahamu kan ibsan jiraattonni, keessumaa ganda 14 keessa Wiixata halkan, Hagayya 1, 2015 A.L.I irraa qabee dhukaasa meeshaalee waraanaa gurguddaa dhagahaa akka bulaniifi gara ganamaas akka itti fufe dubbatan.
Wiixata kaleessaa magaalawwan gurguddoo naannoo kanaa Baahir Daar, Gondar, Laalibalaa, Dabira Birhaan keessatti sagaleen dhukaasaa akka dhagahamaa tureefi daandileen ijoo cufamuu AP’n gabaasee ture.
Xiyyaaroti waraanaa samii Baahir Daar irratti mul’achuufi dhiyeessiin bishaan dhugaatii addaan cituu jiraataa eeruun Asooshiyeetid Pirees gabaaseera.
Jiraataan biraas taankiin gara magaalatti seenaa akka ture dubbate.
Jiraataan kunis dubbiin itti hammaataa adeemuu yeroo himu, ''sagaleen waraanaa guddaa dhagahama,'' jedhan.
Jiraattoonni BBC’n dubbise ammoo magaalaa Dabira Birahaan Finfinnee irraa km130 fagaattee argamtutti dirooniin yeroo balali’u arguu isaanii dubbataniiru.
Qondaalli nageenya isaaniif maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafatan, ''magaalattiin dirree waraanaa taatetti.
''Daqiiqaa daqiiqaadhumaan dhukaasni adeemsifama,‘’ jechuun AP'tti himan.
Magaalaa Gondar naannoo Piyaassaa fi gara kaaba magaalattiitti dhukaasni cimaan dhagahamaa turuu jiraattoonni BBC’n dubbise himaniiru.
Jiraattonni walitti bu'iinsa kanaan namooti nagaa saaxilamuu dubbatan.
Walitti bu’insi hammaachuun namoonni balaa hamaaf saaxilamuu malu yaaddoo jedhu akka qabaatan taasisuu himan.
Iddoowwan magaalatti garagaraa humnoota mootummaa fi hidhattoota Faannootiin qabamaniiru jedhan.
Raayyaan motummaa federaalaa magaalattii guutummaan guutuutti to’annoo jala oolchuuf duula baneen Wiixata kaleessaa walitti bu'iinsi cimaa akka ture AP’n jiraattota eeruun himeera.
''Sagalee dhukaasaa dhageenyeerra aarris nutti mul’ata,’’ kan jedhan jiraataan magaalaa Gondar qondaaloti magaalattii buufata poolisii ijoo akka jiran himan.
Kanneen garee hidhataa walitti bu’insatti jiru deeggaran magaalotaa fi gandoota dabalataa to’achuu isaanii kan ibsan yoo tahu BBC kana qaama walabaarraa hin mirkaneessine.
Walakkeessa torbee darbee irraa kaasee balaliin gara magaalota naannichaa taasifamu jalaa danqamuu kan hin hime Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa imallii Gondar, Laalibalaa, Baahir Daarfi Kombolchaatti taasifamu haqameera jedhe.
Gama biraan magaalaa Finfinnee keessatti namoonni baay'een hidhamuu gabaafameera.
Kanneen keessaa hundeessan Miidiyaa Alfaa gaazexeessaa Baqaaluu Alaamirroo tokko tahuutu gabaafame.
Gaazexeessaan kuni bara darbe yeroo waraana Tigraayis hidhamee ture.
Jimaata darbe Miseensi Paarlaamaa Itoophiyaa Obbo Kiristiyaan Taaddala humnoota nageenyaan mana jireenyaa isaaniiti to'atamuu maatiin BBCtti himaniiru.
Waamicha nagaafi qeeqa IZEMA
Dhaabbileen siyaasaa, dhaabbileen amantaa fi jaarmiyaaleen waldaalee siiviikii walitti bu'iinsi Naannoo Amaaraa keessatti uumame karaa nagaan akka furamu waamicha dhiyeessaa jiru.
Manni Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Itoophiyaa, Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa, akkasumas dhaabbileen siyaasaa fi siiviilii biroo waamicha nagaa dhiheessaniiru.
Paartiin IZEMA haala Naannoo Amaaraa tasgabbii dhabinsa mudate ilaalchisee Kibxata har’a, ibsa baasen, "maddi nagaa fi tasgabbii dhabuu toora siyaasaa ifa ta'e dhabuu hooggansa Paartii Badhaadhina ejjennoo fi dandeettiis hin qabnedha" jechuun qeeqe.
Haalli amma naannicha keessatti mul’achaa jiru taatee tasa ta’e osoo hin taane, bu’aa wadhibdee siyaasa sababa mootummaan itti gaafatamummaa isaa ba’uu dadhabeen kuufame akka ta’e eere.
Mufii waggootaaf ture akkasumas miirri abdii kutannaa naannichi haala amma irra jirutti geesse jechuun ibse.
Dabaluunis, komii fi yaaddoowwan ka’aniif deebii yeroon kennuu dhabuun walitti bu’iinsatti kan geesse ta’uu beeksise.
IZEMA’n sababoota walitti bu’iinsaaf ka’umsa ta’ee fi qaamolee rakkoo kanaaf itti gaafatamummaa qaban jedhu eereera.
Irra caalaa finxaaleyyiin siyaasaa sabummaa fiixee hordofan mootummaa keessa jiranii fi mootummaan alatti jiran walitti bu’insa uumaa jiru jedhe.
Bulchiinsi mootummaa laafuun hundee tasgabbii dhabiinsa Naannoo Amaaraatti mudateef sababa ta'uu ibse.
Ammas qondaaltonni mootummaa yeroodhaaf fedhii aangoo fi hojii yeroof ibidda dhaamsuu irraa akka of qusatan, karaa waaraa nagaa biyyaa akka barbaadan, humnoonni hidhatan gara nagaatti akka deebi’an waamicha dhiyeesse.
Kanaaf abbootiin amantaa, maanguddoonnii fi namoonni bebbeekamoon walitti bu’iinsa kana dhaabsisuu keessatti qoodasaanii akka bahan gaafatan.
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaas walitti bu’iinsa biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru akka isa yaaddessu ibsuun, walitti bu’iinsa kana dhaabuuf akka mariyatamu gaafate.
Garaagarummaan yaadaafi waliigaltee dhabuun hoggantoota siyaasaafi namoonni dhagahamtii qaban, akkasumas garaa garteen yaadaa kutaalee hawaasaa keessatti uumame walitti bu’iinsatti ce’uun nageenya biyyattii booressaa jiraachuu himan.
Komishinichi mariin biyyattii keessatti akka eegaluuf yaalaa jiraachuu hubachiise.
‘’Waldhabdeen bakkeewwan adda addaatti hammaataa jiru hojii Komishinichaa danqaan jira" jedhe.
Kanaaf, waldhabdeen biyyattii keessatti mul'atu "haal-duree tokko malee dhaabatee, garaagarummaa ykn gaaffii ka’an mariidhaan akka furamu waamicha dhiyeesse.
Komishinichi marii qaamota dhimmi ilaallatu walitti fiduu, ajandaa adda addaarratti mariisisuu fi mariidhaaf haala mijessuuf qophii ta’uu beeksise.
Tajaajilli Odeeffannoo fi Tika Biyyaalessaa Wixata kaleessaa ibsa baaseen, walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti uumame furuuf mariin taa’amu akka danda’u ibseera.
Dhaabbanni Tikaa biyyattii Ajaja Labsii Yeroo Atattamaa hojiirra oolchu hordofu ibsa Hagayya 01, 2015 baasen, hojii barbaachisu hunda hojjechaa akka jiru eeruun, "karaa mariitiiin rakkinicha furuuf karri banaadha, itti fufinsaan carraaqqiin ni taasifama" jedhe.