'Naannoo Amaaraa Komaandi postii afuritti hiruun oppireeshinii jalqabneerra' -Obbo Tamasageen Xurunaa

''Qaamni hidhachuun mootummaa naannoo Amaaraa humnaan fonqolchuuf’’ yaalaa jiru magaalota godinaa fi aanaa tokko tokko qabachuu'' himan Daarikter Waliigala Tajaajila Tikaafi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Tamasgeen Xurunaa.

Obbo Tamasgeen qaama hidhattootaa seeraan ala jedhaniin kunneenis ''saamicha raawwachaa jira’’ ibsan.

Obbo Tamasgeen kana kan dubbatan wayita Adooleessa 7, 2023 ibsa raawwii labsii yeroo muddamaa rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa keessatti mul'atu to'achuuf labsame kan raawwachiisuu Izzii Ajaja Waliigalaa ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kennaniitti.

Labsicha ol aantummaan kan raawwachiisanii fi itti waamamni isaanii ministira Muummeef kan tahe Obbo Tamasgeeen Xurunaa oppireeshinii naannichatti gaggeessan, hojii gama miidiyaan hojjetamuu fi caasaa mootummaa naannichaa jabeessuu irratti mari’achuu himaniiru.

Akkaataa labsii yeroo muddamaa naannoo Amaaraa irratti labsametti naannicha koomaandi postii afuritti qooduun akka gaggeessan himan.

''Kaayyoon garee saamtota kanaa mootummaa naannoo Amaaraa humnaan fonqolchuun sana booda gara mootummaa federaalaatti darbuudha,’’ jedhan.

Gareen Faannoo ofiin jedhuu fi hidhattoonni al-idilee naannicha keessatti qaama mootummaan wal dhaban magaalota godinaa fi aanotaa tokko tokko qabachuun ''saamicha gaggeessaa turan,’’ jedhe.

Izziin hundaa’e akkaataa itti oppireeshinicha gaggeessu irratti mari’achuu kan himan Obbo Tamasgeen, hidhattoonni naannicha keessa socha'aa jiran kunneenis ''mana hidhaa irraas yakkamtoota humnaan gadhiisisaa jiru,’’ jedhan.

Dabalataanis dhaabbilee mootummaa tajaajila uummataa kennan to’achuun, qaama nageenyaa cabsuun mul’ateeru jira.

Haalli kun ummanni naannichaa tasgabbaa’ee misooma irratti akka hin hirmaanne waan godheef oppireshinii gaggeessuun yeroo gabaabaatti naannicha gara nagaatti deebisuuf hojjenna jedhan.

Naannichi oomishaan kan beekamu tahuu kan eeran Obbo Tamasgeen gareen naannichaa nageenya booresse jedhan akka uummanni oomisha irratti hin hirmaanne godheera jedhan.

Haalli kun uummanni naannichaa tasgabbaa’ee oomisha isaa irratti akka hin hirmaanne waan godhaniif oppireshiniin ni hojjetama.

Daarikterri Tika fi Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Obbo Tamsgeen hojii biraan izzichaa hojiin miidiyanati jedhan.

Gareen hidhate kun uummata naannichaa saamuu, galmee uummataa balleessuun bor kan uummatichi tajaajila irraa argatu barbadeessuun argameera jedhan.

Waraana Kaaba Itoophiyaa booda qaamni al idilee hidhate gara jireenya dhuunfaa isaaniitti akka deebi’an taasifamee ture. Kaan didan kaan ammoo erga galanii booda itti deebi’aniiru jedhan.

Naannichatti qaamni hidhatee fi Faannoon yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa sana raayyaa Ittisa Biyyaa cina hiriiruun akka waraanaa ture mootummaan himaa ture.

Ergasii garuu qawwee lafa kaa'uun gara jireenya idilee isaaniitti akka deebi'an yaalamus guutummaan osoo hin milkaa'iin hafuun amma qaama nageenyaa mootummaa waliin walitti bu'aa jiru.

Caasaaleen mootummaa keessumaa paartiin biyya bulchaa jiru uummataan waan filatameef akka jabaatu gochuu irratti ni hojjenna.

Gareen kun seeraan hojii harka isaanii kan argatan taha. Uummanni hojii misoomaa iratti xiyyeeffachuun hojjechuu qaba,‘‘ jedhan.

Yeroo gabaabaa keessatti naannicha gara nageenya isaa duraatti deebisuuf waliigallleerra kan jedhan Obbo Tamasgeen namni gaaffii qabu karaa nagaa dhiyeeffachuun furmaata argachuu danda’a jedhan.

Jiraattotni magaalota gurguddoo naannichaa Gondarii fi Baahirdaar akka jedhanitti naannoo magaalota kanneeniiti dhukaasa guddaan dhagahamaa jira.

Balaliin gara magaalota sadan Baahirdaar, Gondarii fi Laalibelaatti godhamus akkuma addaan citetti jira.

Televizhiniin mootummaa naannichaa akka gabaasetti humni nageenyaa guddaan naannoo buufata xiyyaaraa magaalaa Baahirdaaritti bobba’eera.

Walitti bu’insi Raayyaa Ittisa Biyyaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti mudate ji’ootaaf turuun dhiyeenya hammaachaa dhufe.

Mootummaan naannoo Amaaraas rakkoo nageenyaa isa mudate humna nageenyaa mootummaa idilee naannichaan tasgabbeessuuf ‘‘humnakoon ol taheera,‘‘ jechuun mootummaan federaalaa akka gidduu galuuf kann gaafate torban darbe ture.

Kana hordofee Manni Maree Ministirootaa wal gahii ariifachiisaa taa’uun naannoo Amaaraatti Labsiin Yeroo Muddamaa akka labsamu murteesse.

Izziin waliigalaa labsicha hojiirra oolchuu fi itti waamani isaa ministira muummeef tahes hundaa’uun hojiitti kan galame guyyoota muraasa dura ture.

Naannoon Amaaraa waraana Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraayitti jalqabuun gara naannichaatti babal’atee tureen hedduu miidhamee ture.

Waajjiraaleen mootummaa, buufataaleen fayyaa fi manneen barnootaa manca’uun deebisanii hojii jalqabsiisuuf baajata Birrii biliyoonota akka gaafatu mootummaan himee ture.

Kana irraa osoo hin bayyaannatiin ammas walitti bu’insa hidhattoota Faannoo, milishoota naannicha keessaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa gidduutti uumameen rakkoo nageenyaa biraaf saaxilameera.