Labsii Yeroo Muddamaa Naannoo Amaaraatti Manni Maree ministerootaa baase ji’oota jahaaf tura’’ Ministeera Haqaa

Labsiin Yeroo Muddamaa Manni Maree Ministirootaa Itoophiyaa rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa ilaalchisee baase ji’oota jahaaf kan turu taha jedhan Ministirri Ministeera Haqaa Dr Geediyoon Ximootiyoos.

Ministirichi kana kan jedhan Manni Maree Ministerotaa har’a, Adoolessa 4 bara 2023 rakkoo nageenyaa naannoo Amaaraa tasgabbeessuuf Labsii Yeroo Muddamaa labsuu hordofeeti.

Hojiirra oolmaa labsichaafis Izziin ajaja waliigalaa hundaa’uu Dr Geediyoon himaniiru.

Qaajelfamni waliigalaas daarektoreetii jeneraalaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaan kan hogganamu tahee, Izziin waliigalaas itti waamamni isaa ministira Muummee Abiy Ahimediif akka tahu eeraniiru.

Miseensa Izzichaa, caasaa fi ijaarsa isaa ilaalchisee ministirri muummee kan murteessan tahuu labsicha keessatti ibsameera jedhan.

Naannoo Amaaraa walitti bu’insi humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu hammaatetti Labsiin Yeroo Muddamaa labsame.

Manni Maree Ministeerotaa Itoophiyaa walgahii Jimaata ganama taa'en murtee kana murteessuu Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa ibseera.

Waajjirri MM Abiy ibsa baasen sababa Labsiin Yeroo Muddamaa barbaachise yeroo ibsu ''sirni heera kabachiisuu kan balaarra buuse,'' jechuun ibse.

''Sochiin seeraan ala [naannichatti] hidhannoon deeggarame sirna seeraa kabachiisuu idileetiin to’achuun sadarkaa hin danda'amnetti ce'uu,’’ beeksise.

Murteen kuni gaaffii Pirezidantiin Naannoo Amaaraa guyyaa Kamisaa jidduseentummaa mootummaa federaalaa erga gaafatan booda dhagahame.

Naannoon Amaaraa humnoota idilee naannichi bulchuufi nagaa eegsisaniin to'atamuu waan hin dandeenyeef mootummaan federaalaa gidduu akka seenu gaafate.

Murteen Mana Maree Ministeerotaan murtaa'e Paarlaamaa Itoophiyaan ragga’uu qaba. Ta'ullee, akkaataa kana dura tureen osoo hin ragga'in hojiirra ooluu danda'a.

Naannolee Itoophiyaa keessaa lakkoofsa ummataan sadarkaa lammaffaarratti kan argamu Naannoo Amaaraatti baatiiwwan muraasa darbaniif hookkaraafi walitti bu’iinsi mudataa jira.

Kunis, ‘’sochii diinagdeefi hawaasummaa sadarkaa olaanaan kan jeeqe,’’ ta’u ibsi mootummaa himuun tarkaanfii yeroo atattamaa fudhachuun akka barbaachise ibse.

Dabaluun, ‘’nageenya biyyaafi ummataarratti balaan danqe guyyaa guyyaatti dabalaa deemu’’ eere.

Halli naannicha keessa jiru maal fakkaata?

Sababa rakkoo nageenyaan balaliiwwan xiyyaaraa gara naannichaatti taasifaman keessaa yoo xiqqaate iddoowwan lamatti kan taasifaman haqamaniiru.

Bakkeewwan naannichaa garagaraatti walitti bu'iinsi mudachuun lubbuun darbuufi qabeenyi manca'uu BBC'n jiraattotarraa odeeffateera.

Walitti bu’iinsa torban kanas ittifufeen hidhattoonni naannichaa Faannoo jedhamuun beekaman bakkeewwan naannichaa garagaraa to’achuu himatu.

BBC’n waan adda baafate hin qabu.

Magaaloo guddoo naannichaa kan taate Baahir Daar keessa haalli nageenyaa jiru tasgabbaa’aa ta’uu kan himan jiraata BBCn gaafate tokko, sochiin adda ta’e akka hin jirreefi jireenyi idilee akkuma duraan turetti itti fufee jiraachuu dubbataniiru.

Haalli magaalaa Gondar keessa jirus tasgabbaa’aadha kan jedhan jiraataan magaalichaa, galma magaalattii bakka tokko tokkotti garuu darbee darbee dhukaasni akka dhaga’amu ibsaniiru.

Laalibalaattis akkuma kana dhukaasni dhaga’amaa kan hin jirre yoo ta’u, sochiin walitti bu’iinsaa akka hin jirre Jimaata har’aa ganama jiraattonni BBC'n dubbise himaniiru.

Guyyoota darban keessa nageenyi boora’e hammaachaa deemuu hordofee naannicha bakka baay’eetti tajaajilli interneetii addaan cituu jiraattonni ibsaniiru.

Walitti bu’insi humnoota mootummaafi hidhattoota gidduutti deemaa jiruun jireenya idilee bakka gara garaatti danqeera.

sochii humnoota mootummaa dhorkuudhaafis dargaggoonni daandiiwwan cufuu isaanitu gabaafame.

Rakkoo nageenyaa naannicha keessa jiru kan isaan yaaddesse biyyoonni akka Ameerikaa, Kanaadaa, Yunaayitid Kingdam fi Austiraaliyaa lammileen isaanii gara naannichaa akka hin imalle gorsan.

Yoo duraan achi keessa kan jiran ta’e ammoo akka of eeggannoo taasisan, akkasumas deemuudhaaf warri barbaadanis gorsa akka gaafataniif hubachiisaniiru.

Waamicha marii nagaa

Rakkoon nageenyaa naannoo Amaaraatti dhalate mariin akka furamuuf dhaabbileen amantaafi paartileen siyaasaa waamicha dhiyeessaa jiru.

Manni Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa bu’aa waraana darbee irraa barachuun waldhabdeen dhalate mariin furamuu qaba jetteetti.

Paartileen siyaasaas mootummaan garaa garummaa uumame mariin akka furuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Sinodoosiiin Qulqulluu Mana Amantaa Ortodoksii Tewaahidoo Itoophiyaa Kamisa Hagayya 03, 2023 haala yeroo irratti kora atattamaa erga gaggeessee booda ergaa kana dabarse.

Manni Kiristaanaa qaamoleen kutaa biyyattii kamiyyuu walitti bu’insa keessatti qooda fudhachaa jiran waraana darbe irraa barachuun karaa nagaatiin mariyatanii rakkoo qaban akka furataniif gaafate.

Bataskaanattiin walitti bu’insawwan kutaa biyyattii gara garaa keessatti dhalateen lubbuu qaalii badaa jiruufi qabeenya manca'aa jiruuf gaddi natti dhaga'ameera jetteetti.

Walitti bu’iinsi hafee nagaafi tokkummaan akka jiraatu hundaa ol soomaafi sagadaan Waaqayyoon kadhachuu qabna jechuun dabarsite.

Itti-aanaan barreessaa Fooramii Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa Haajii Masuud Adam dhiyeenyuma waraanni guddaan gaggeffamee kasaaraan namaafi qabeenyaa qaqqabee argineerra, kanarraa barachuu qabna jedhan.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa Tigraay irraa jalqabee Naannoo Amaaraafi Afaar dhaqqabe waliigaltee nagaa baatiiwwan sagal dura mallattaa'en xumura argate.

Dr Raahel “Isa darberraa barachuun nurra jira. Inni carroome ollaarraa barata. Nuti ofii keenyarraayyuu barachuu hin dandeenye.

‘’Kaleessa Tigraayitti waraanni ture akkamiin gaggeeffamee akkamiin akka xumurame argineerra. Dhuma irratti mariidhaan furmaata argate.

''Kunis waliin dubbachuudhaan hiikamuu kan danda’udha,” jedhan.

Walitti bu’iinsi humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu kan eegale mootummaan humna addaa naannichaa meeshaa hiikkachiisuuf sochii eegaluun walqabateeti.

Dr Raahel adeemsi hidhannoo hiikkachiisuu 'karaa sirrii ta’een raawwatamuu dhabuun' isaa rakkoo kana uume jedhan.

Mootummaan jalqaba yaaddoo ummataa erga maqseen booda murtee haala yeroo hubannaa keesa galche dabarsuu qaba jedhan.

“Amma ummataafi mootummaa gidduu garaa garummaan ni jira. Waliin dubbachaa hin jiru.

‘’Akka paartii siyaasaatti gorsi nuti kenninu waliin dubbachuu qabu kan jedhudha. Mootummaan uummataaf gurra kennuu qaba.

‘’Rakkoo isaa kan beeku abbuma isaati. Mootummaan rakkoo sana dhaggeeffachuu baannaan furmaata fiduu hin danda’u,“ jechuun BBC’tti himan.

Rakkoo nageenyaa yeroo ammaa Naannoo Amaaraa keessa jiruuf furmaanni atattamaa kennamuu baannaan gara waraana hamaatti seenamuu danda’a jedhan.

Dr. Raahel, “osoo ummanni hin miidhamiin dura, obboleessi obboleessa isaa waliin osoo wal hin ajjeesiin dura dhaabuun ni danda’ama,” jedhan.

Paartiin IZEMA gama isaan rakkoon nageenyaa Naannoo Amaaraatti dhalate karaa marii nagaan akka furamu gaafateera.

Aangawoonni mootummaas rakkoon hammana ummatarra hin dheeratiin furuurratti dhibaa’ummaa agarsiisaniiru jechuun qeeqe.

Dabaluunis, Raayyaa Ittisa Biyyaa 'dahoo biyyattii ta'e qaama kamiinuu maqaan baduu hin qabu' jechuun ibse.