'Guyyoota sadiif hoteelaa hin baane, nyaatas hin arganne'- Barsiisaa qormaataaf Gondaritti ergaman

Barsiisonni Yunivarsiitilee qormaata biyyaalessaa seensa Yunivarsiitii raawwachiisuuf naannoo Amaaraatti imalan gariin sababa rakkoo nageenyaan qe'ee isaaniitti deebi'uu akka hin dandenye ibsan.

Qormaatni seensa Yunivarsiitii akka biyyaalessaatti Ministeera barnootaan kennamaa ture Jimaata waaree booda raawwatamuun gabaasamus, naannoo Amaaraa Yunivarsiitilee akka Gondar, Dabra Maarqoosiifi Injibaaraatti barsiisonni ramadaman qe'ee isaaniitti deebi'uu hin dandeenye.

Ministeerri Barnoota ibsa Jimaata darbe kenneen raawwiin qormaata kanaa guutuu biyyattiitti milkaa'inan raawwatamuu ibse. Magaalaa Gondar keessatti garuu rakkoo nageenyaa dhalateen qormaatni Jimaata kennamuuf ture osoo hin kennamiin hafuu gabaase.

Walitti bu'iinsa kanaan barsiisaan qormaaticha raawwachiisuuf garasitti imale tokkofi Poolisoonni Federaalaa lama du'uus ibseera.

Barsiisaan maqaan isaa akka ifa hin baane gaafatee fi yaada isaa BBC'f kenne erga Jimaata darbee kutaa hoteela isaanii magaala Gondar walakkaa jiru keessaa bahuu akka hin dandeenye dubbate.

Kibxata ganama wayita yaada isaa kennus sagaleen dhukaasaa ni dhagaahama ture.

''Guyyaa sadiif hoteela keessaa gad hin baane, ammallee gareen lachuu meeshaa gurguddaa walitti dhukaasaa jiru. Sochiin kamuu hin jiru'' jedha.

Barsiisaan kun hojjettootni hoteelaas hojii dhufaa hin jiran waan ta'eef, guyyoota sadan darban nyaata dhabanii rakkachuu dubbata.

''Guyyaa sadiif midhaan nyaataallee hin arganne. Akaayii guyyaa sadii dura bitanne xiqqeessinee fayyadamaa jirra. Hoteela keessaa wanti argachaa jirru bishaan qofa.''

Magaalaa Gondar gara tokkoon hidhattootni qabatanii gara kaaniin ammoo Raayyaan ittisaa qabate walitti dhukaasaa akka jiranis dubbate.

Reeffi barsiisaa Taaddesee Abebee kan Kamisa darbe walitti bu'iinsa keessa rasaasaan rukutamee lubbuun darbees maatiitti gaggeefamuuf dhiisuu quba hin qabnuu jedha barsiisaan reeffa isaa kaanirraa adda baasuuf Hosptaala akka ture dubbate kun.

Yunivarsiitii biraa naannoo Amaaraa keessatti argamu, Dabra Maarqoositti barsiisaan qormaata biyyaalessaa raawwachiisuuf ergame kan biraanis magaalaa isaanii akka magaalaa Goondar walitti bu'iinsi jiraachuu baatus, sochiin geejibaa fi manneen daldalaa xiqqaa ta'uu BBC'tti himan.

Naannoo Amaaraa kaan keessa rakkoo nageenyaa jiru irraa kan ka'e gara qe'ee isaaniitti galuu akka hin dandeenye dubbate.

''Daandiin cufaadha, konkolaataanis hin jiru waan ta'eef achuma jirra. Magaalli hamma ta'e nagaadha. Miidhaan nurra gahes hin jiru. Rakkoon daandiin cufaa ta'uudha'' jedhan.

Ammatti magaalaa Dabra Maarqoos keessa manneen daldalaa, sochiin konkolaataa fi manneen hojii mootummaa cufaa jiraachuu, garuu ammoo ammatti walitti bu'insi gaggeefamaa akka hin jirre barsiisaan kun himaniiru. Dabaluunis Raayyaan Ittisa biyyaa maaglittii keessa akka socho'u dubbate.

''Haalli nageenyaa jiru kana caala hammaachuu dura qaamni dhimmi ilaallatu waayee keenyaaf xiyyeeffannoo kennee karaa maatii keenyatti deebinu osoo mijeessee'' jechuunis gaafata.

Ministeera Barnootaa irraa dhimma barsiisota danqamanii ilalchisee hojii hojjetamaa jiru irratti ibsa gaafachuuf yaallee ammatti deebii hin arganne.

Ministirri barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa qormaanni sensa yunivarsiitii sadarkaa biyyaalessaatti kennamaa ture milkaahinaan xumuramuu wayita Jimaata sa'aa booda ibsaniitti, rakkoo nageenyaa magaalaa Gondar keessa tureen barsiisaan tokkoofi miseensonni Poolisii Federaalaa lama qaamolee hidhataniin ajjeefamaniiru jedhan.

Naannoo Amaaraa keessatti sochiin hidhattoota fi waldura dhaabbannaan Rayyaa ittisa biyyaa gidduu jiru hammaachuu hordofee Manni Maree Ministirootaa Adoolessa 4, 2023 naannicha keessatti labsii yeroo muddamaa ji'oota jahaaf turu labseera.

Guyyoota muraasa duras mootummaan naannichaa haalli nagenyaa to'annoo isaan ol ta'uu ibsuun mootummaan Federaalaa gidduu akka seenu gaafateera.

Tibba qormaatni biyyaalessaa kennamutti rakkoo naannichaa hammaateen walqabatee barsiisota qormaata raawwaciisuuf gara nannichaa imalan keessaa kanneen Yunivarsiitii Baahirdaaritti ramadaman hedduun Sanbata xiqqaa achii bahan.

Barsiisan Yunivarsiitii Amboo qormaaticha raawwachiisuuf garasitti imalanii turan qormaatni Jimaata xumuramee Sanbata xiqqaa galgala maatii isaaniittii deebi'uu dubbatan.

''Akkuman ani baheen daandiin cuccufame jedhani, hanga galgalaatti barsiisotni hedduun achii bahuu dhagaheera. Kan achitti hafanis hangi ta'e jiru.''

Bariisonni Yunivarsiitii Walloo, Daasee fa'a turaniis Dilbata karaa daandii naannoo Affaar keessa bahuun naanna'anii karaa Adaamaa galuu isaanii quba akka qaban himan.

Bariisaan kun waahillan isaanii Yunivarsiitii Injibaaraa jiran ammallee danqamanii bahuu akka hin dandeenya quba qaaachuu himan.

BBC'n barsiisota achitti danqaman dubbisuuf yaalus argachuu hin dandeenye.

'Durgoon nuuf hin kaffalamne'

Qomaata biyyaalessaa kana kan hoogganu Ministeera barnootaati. Dhaabbileen Barnoota Olaanoos qormaata kana milkeessuuf bajata fi qabeenya biroo Ministeerichi ramadeen qormaaticha raawwachiisu.

Barsiisonni qormaata kana raawwachiisan naannoo ofii keessa jiran irraa adda ta'e akka deemanii qoran qajeelfama baherraa kan ka'e, amma barsiisonni Yunivarsiitilee naannoo Amaaraatti imalan hedduun barsiisota naannolee Oromiyaafi kaaniiti. Kannen Yunivarsitilee naannoo Oromiyaafi kaanis akkasuma.

Barsiisonni BBC'n dubbise kunniin haala amma naannoo Amaaraa keessatti jiruun danqamuu isaanii ilaalchisee qaamni isaan iyyaafate akka hin jirre komatu.

''Yunivarsiitii Gondarirraas ta'e Ministeera barnootaarraa bilbilee namni 'maal keessa jirtu?' jedhe hin jiru'' jedha barsiisaan Yunivarsiitii Gondaritti ramadame.

Itti dabaluunis durgoo isaanii keessa kan kaffalameef muraasa ta'uu komata.

''Durgoon ittiin hojjenneyyuu kan hamma ammatti nuu kaffalame birrii 4,600 qofa kan qormaata saayinsii hawaasaa qorre. Rakkoo keessa jirra, osoo maallaqicha nuu galchanii mobaayil baankingiinillee waa bitachuu dandeenya turre. Waan biraan hafee kanallee nuu mijeessuu hin dandeenye.''

''Waa ta'uu keenyaaf qaamni itti gaafatamummaa fudhatu waan jiru natti hin fakkaatu'' jedha.

Barsiisaan Yunivarsiitii Dabramaaqoositti qoraa tures ''kallattiin qaamni 'maal keessa jirtu?' jedhee nu dubbise hin jiru, garuu walii kenyarraa yeroo odeeffannoo hoteela keessa qubatanitti sireen guyyaa shaniif akka itti fufu godhamuu dhageenye'' jedha.

Barsiisonnii Yunivarsiitii Gondar jiran biroonis geejiba ittiin imalanii garas deeman dabalatee durgoon isaanii akka hin kaffalamneef komataniiru.

Walitti bu'insi naannoo Amaaraa keessaa hidhattoota Faannoo fi qaamota nageenyaa mootummaa gidduutti jalqabe kan hammaate yeroo barsiisonni kunneen qormaata qoruuf garas imalanii xumuraa jiranitti ture.

Daandii gurguddaan naannicha keessaa bakka baay'eetti cufaa tahuu BBC'n jiraattota naannichaa irraa iyyeefateera.

Dabalataan balaliin xiyyaaraa gara magaala Baahirdaar, Gondarii fi Laalibelaa dhaabbachuus himaniiru.