Gondaritti barsiisaan qormaata sensa yunivarsiitii raawwachiisuuf deeme akkamiin ajjeefame?

Barsiisaan Yunivarsiitii Walqixxee qormaata sensa yunivarsiitii kennuuf gara magaalaa naannoo Amaaraa Goondaritti imalee ture ajjeefamuu Ministeerri Barnootaafi maddeen BBCn dubbise mirkanneessan.

Walitti bu'iinsa hidhattota naannoo Amaaraa fi loltoota mootummaa Federaalaa gidduutti magaalaa Goondar keessatti Adoolessa 3, 2023 gaggeefameen walqabatee barsiisaan Yunivarsiitii Walqixxee qormaata raawwachiisuuf garas imale tokko ajjeefamuu raawwachiisaan qormaataa tokko BBC'tti hime.

Nageenya isaaf jecha maqaansaa akka hin eeramne kan gaafateefi qormaata sensa yunivarsiitii raawwachiisuuf namni magaala Gondar keessa jiru kun barsiisaan Yunivarsiitii Walqixxee, G/Pirofeesaraa Taaddasaa Abbabaa Kamisa darbe mooraa yunivarsiitii Gondar keessatti rasaasaan rukutamee akka du'e hime.

Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa gamasaatiin Yunivarsitii Gondariitti barsiisaan qoruuf deemee tokkoofi miseensoonni poolisii federaalaa lama ajjeeffamu himeera.

Ministirri barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa qormaanni sensa yunivarsiitii sadarkaa biyyaalessaatti kennamaa ture milkaahinaan xumuramuu wayita Jimaata sa'aa booda ibsaniitti, rakkoo nageenyaa magaalaa Gondar keessa tureen barsiisaan tokkoofi miseensonni Poolisii Federaalaa lama qaamolee hidhataniin ajjeefamaniiru jedhan.

Miidiyaaleen biyya keessaa akka gabaasaniitti, Pirofesar Birhaanuu Naggaa ajjeechaan kun, ''humnootiin al-idlee hidhatan'' wayita raayyaa ittisaa naannicha ture irratti dhukaasa bananiitti raawwatame jedhan.

''Yunivarsiitii Gondar kaampaasota sadii keessatti rakkoo kaleessa mudateen barattoonni kuma 16 qormaata hafan osoo fudhatanii hafaniiru,'' Ministeerichi ibseera.

Ministirichi ibsa isaanii 4, 2023 kennan keessatti ajjeefamuu barsiisaa qormaata raawwachisaa turerra gahes ta'e waa'ee rakkoo dhalatee irratti odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Yunivarsiitii Gondar irraa odeeffannoo dabalataa argachuuf yaaliin BBCn taasise hin milkoofne.

Haata'u malee Yunvarsitiin Walqixxee gamasaatiin, G/Pirofeesaraa Taaddasaa Abbabaa, qormaata biyyaaleessaa irratti ramadamuun gara Yunivarsitii Gondar bakka ergamaniitti du'uu mirkanneesseera.

Yunivarisitichi toora facebook isaa irratti ibsa gaddaa baaseen, miseensa isaa umurii waggaa 38tti akka tasaatti boqataniitti gaddi olaanaan itti dhagahamu ibseera.

Barsiisaan yaada isaa BBC'f kenne tokko barsiisaa ajjeefame kana waliin bakki dhaloota isaa tokko ta'uu fi qaaman akka beekuun himee, Jimaata ganama gaaffii hunda keessa darbee reeffa barsiisaa kanaa adda baasuuf Hospitaala Yunivarsiitii Gondar dhaquu dubbate.

''Reeffa barbaaduuf duraan nu dhorkanii ture. Booda qaamolee dubbisuu qabnu hunda dubbifnee yeroo hospitaala dhaqnu saanduqa isaarra barreeffamni 'fattaanyi mammihir' jedhu barraa'eera. Fuula wal beekna waan ta'eef anillee dhaqee adda baaseera,'' jedhe.

''Rasaasni mataa isaarra dhaheetu. Mataa isaatu rasaasaan rukutame,'' jechuun barsiisiichi akkamiin akka du'e BBCtti himeera.

Magaalicha keessa amma sochiin namaas ta'e kan konkolaataa akkasumas geejibni xiyyaaraas waan hin jirreef reeffi barsiisaa kanaa gara maatiitti akka hin gaggeefamne dubbata.

Sababa rakkoo nageenyaa kanaan qormaanni sensa yunivarsiitii Kamisa sa'aa boodaafi Jimaata ganama kennamuun irra ture adda citee osoo hin kennamiin hafuus dubbate.

Wanti magaalaa Gondaritti ta'e maali?

Barsiisaan Yunivarsitii gara biraarraa qorumsa kennuuf gara Goondar imaleefi BBC'f odeeffannoo qoode ammoo, Kamisa barii naannoo sa'aa 12 irraa eegalee humnoota mootummaa Federaalaa fi hidhattoota Faannoo gidduu lolli gaggeefamaa akka ture dubbata.

Barsiisaan kun haleellaa hidhattoonni kaampii raayyaa ittisa biyyaarratti banan hordofee miseensonni raayyaa ittisaa of duuba osoo deemanii gara kaampaasiiwwan Yunivarsiitii Gondar galuufi lollis gaggefamuu hime.

Barsiisaan Yunivarsiitii naannoo Oromiyaa irraa garas imale kan biraan, Kamisa ganama wayita qormaata kennuuf gara mooraa yunivarsiitichaa seenan miseensonni raayyaa ittisa biyyaa hiriiraan mooraa seenuu hima.

Kaayyoon isaa lafa tabbaa yunavrsiitii duuba jiru to'achuuf ture kan jedhu barsiisaan kun, hidhattoonni dursanii bakkicha to'atanii waan tureef haleellaa itti bananiin mooraa keessatti lolli hammatee jedha.

Lakkoofsi miseensa raayyaa ittisaa xiqqaa akka ture kan himu barsiisaan kun, wayita waraanni adeemu isaan dhukaasa san keessa qormaata raawwachaa akka ture hima.

Booda Mooraa keessa raayyaa ittisaa lolanii erga baasanii booda hidhattoonni ''kutaa qormaataa dhufanii isin irraa dhimma hin qabnu, qaama biraa barbaanna qoraa,'' nuun jedhan jedha.

Bariisaan reeffa nama kanaa argeera jedhus, ''barsiisaa Taaddasaa Abbabaallee kanuma keessa ajjeefame,'' jedha.

Barsiisaan BBCn dubbiseefi nageenyaaf jecha eenyummaa isaa hin ibsine kan biraa ammoo, qormaanni Kamisa ganamaa bakka kaanitti adda citee kaanis xumuranii, ''sa'aa booda hidhattoonni Faannoo toora nu galchanii nageenya keenya eeganii gara hoteela qabanneetti nu gaggeessan,'' jedha.

Barsisaan Taaddasaa fi barsiisonni biroon koollejjii Faasil turan sa'aa booda qormaata akka kennan dirqisiifamanii wayita gara daree qormaataa deeman 'rasaasa barartu gidduutti ajjeefame malee itti xiyyeefatamee miti,'' jedha.

Barsiisaan kun barsiisota biroo sadi waliin akka tureefi mataasaa duubaa rasaasni dhawuu dhagahuu dubbate.

''Reeffi raayyaa ittisaa hedduu fi kan barsiisaa Taaddasaallee bakkee bulee ganama kana humna kora bittinneessaa naannichaan kaafamee gara Hospitaala Yunivarsiitii Gondar geeffamee'' jedha barsiisaan reeffa Taaddasaa argeera jedhu.

Barsiisaa Taaddasaa eenyu?

Barsiisaa Taaddasaan ammaan tana Yunivarsiitii Walqixxee muummee barnoota Afaan Ingiliffaatti gosa barnootaa gaazexessummaan walqabatan barsiisaa ture.

Taaddasaan ALI bara 1998 Yunivarsiitii Finfinneerraa muummee gaazexessummaa fi Kominikeeshiniirraa digirii jalqabaan eebbifame.

Achiis yeroo san maqaa DHRTVO jedhamuun beekamu amma OBN, ta'ettii gaazexessummaan qacaramee osoo hejjetuu bara 2002 carraa Yunivarsiitii Aksuumitti gargaaraa barsiisaa ta'uu argate.

Boodas Yunivarsiitii Finfinneetti carraa barnoota digirii lammaffaa argatee xumure.

Barsiisaa Taaddasaan Yunivarsiitii Aksuum irraa gara Yunivarsiitii Walqixxeetti makame.

Barsiisonni naannoo biraa qormaata kana raawwachiisuuf gara Gondar imalaniifi yaada isaanii BBC'f kennan, sochiin hawaasummaa danqamee, imallis rakkisaa ta'uu isaatti yaaddahuu dubbataniiru.

Karaan gara irraa dhufaniitti itti deebi'an akka mijatuufis iyyataniiru.

Barsiisaa Taaddasaan nama gaa'ila dhaabbatanii abbaa ijoollee dubara sadii akka turan Yunivarsitiin Walqixxee barreesseera.