Oromoon Waataa dhaattuu Bisaan Maanyaa – Garba Indiyaa jiraatan eenyu?

Madda suuraa, Getty Images/BBC/Abraham Guyo
- Barreessaa, Elias Mulugeta fi Asli Galgalo
- Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Watamu, Keeniyaa irraa
Boombii, Roqaa, Arba Huqqoo, Qaraarachaa, Dabbasoo, Galaana, Dhakaacha, Qamalee, Aduu,… maqaaleen bakka kanaa kunneen tarii waan Oromiyaa keessatti argaman sinitti fakkaachuu malu.
Ammallee asitti namoonni “Latti habariitee? Akkam fayyumaa?” jechuun nagaa oggaa walfuudhan dhageechu. Kun garuu Oromiyaas Itoophiyaa keessas miti - jiddugala Itoophiyaarraa ollaa km 2,000tti siqu fagaachuun argamtu keessatti.
Kibba baha Keeniyaa qarqara Garba Indiyaa kan argamtu ollaa Maabuwaanii (Mabuani) kana keessa taphnis, kolfis, sirbi, kadhannaanis Afaan Waataani – Afaan Oromoo.
Jaarsi ollaa kanaafi akka hawaasichaatti namni kabajaa guddoo qaban maanguddoo ganna 71 kan tahan Aabba Guyyoo Shawurii Guyyooti.
“Maqaan kiyya Guyyoo, Shawurii, Guyyoo, Xurii, Sengeggee, Xurii, Qolaatii, Rigoo, Qoloo…,” jechuun kokkolfaa nutti himan.
Gosti teessan maali? jennee gaafannaan, Ilaanii Shoshoobduu tahuu nutti himan.
Bakka amma jiran ollaa Mabuwaanii kana kan dhufan bara 1952 akka tahe Aabba Guyyoo ni himu.
Ammoo Waati ykn Waanni (akka isaan of waaman) jaarraa hedduu dura naannoo kana dhufee qubachuu ragaaleen barreeffamaa fi argaa-dhageettiin jaarrolee ni himu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara 1940’ootaan dura hawaasni Waataa harki caalu baddaa (bosona) Arabuko Sokokefi bakka bineensonni bosonaa, keessattuu arbi itti heddumaatu keessa adamoon jiraachaa turan.
Bara Keeniyaan bulchiinsa kolonii Biriteen jala turte, maatiin Guyyoo sagantaa qubsiifannaa ‘Gedi Settlement’ jedhamuun mootummaan yeroo sanaan bakka amma jiranitti akka dhufan himu.
“[Gaaf san] lafa Mojomboni jedhan gar sunii dhufan. Yeroo sana warri Waataa badduma [bosona] keessa tattaa’a.”
Gaazexeessitoonni BBC Afaan Oromoo Eliyaas Hordofaa fi Aslii Galgaloo iddoo hawaasni kun itti argaman iyyaafachuun, gara qarqara Bisaan Maanyaa (Garba Indiyaa) bulchiinsa Kiliifitti imalle.
Achi akkum geenyeen nagaa fuunee, walbarre. Gosa keenya duraa duubaan – warra Tuulamaa, Meettaa fi Maxxaarrii, Booranaa tahuu keenya itti himnaan guddoo gammadan. “Nullee Meettaa qabna, isaan kun warra keessan,” nuun jedhan.
Nu arguu isaaniif garmalee gammadanii nu simatan. Miseensonni hawaasichaa 20 ol tahan dhiiraa fi dhalaan; dhiyoo fi fagoorraa waa’eesaanii nutti himuuf walitti qabaman.
Miidiyaa qofa osoo hin taane, nama gama Itoophiyaa, Oromiyaarraa dhufe wajjin qunnamanii akka hin beekne himan.
Nyaata mi’aawaa nuuf qopheessan, wajjin sirbinee taphannee, haasofnee, gargar galle.
Odeessa kanaan argaa-dhageettii maanguddoota hawaasichaa fi ragaalee barreeffamaa muraasa wabeeffachuun; eenyummaa hawaasa kanaafi dhimmoota walqabatan akkasiin midhaassine.
Ammoo maqaalee, jechootaafi yaadota garii akkuma isaan dubbataniifi yaadasaa akka hin jijjiirre gochuun katabne. Yeroo kaan ammoo cuftuu keessa jecha gitu wajjin andiikne [barreessine].

'Warra Arbaa' - Waataan eenyu?
Gosti Oromoo Waataa gosoota gurguddoo lama Haroosii fi Bareentuma jedhaman kan qabu ogguu tahu, isaan jalatti ammoo gosoota saddeet akka qaban jaarroleen ni himu.
Isaanis: Ilaanii, Karaaraa, Guluu, Gaamadoo, Hajeejje, Meettaa, Nyuurtuu fi Mandooyyooti.
Itoophiyaa keessa, jiddugalaafi kibba Oromiyaa keessattis gosti Waataa jedhaman akka jiran ni himama.
Abbaa Gadaaa Tuulamaa Goobana Hoolaa amma dura ennaa dubbisnetti, gosti Waataa lakkoofsaan bicuu ta’anis, gosoota hangafa jedhaman keessaati jedhu.
“Oromiyaa keessatti bakkeewwan akka Qooqaa, Wanjii, Maqii, Godina Arsii keessatti faffaca’aanii jiru,” jedhu.
Gama kaaniin aadaa Oromoo keessatti Waanni akka hangafaatti waan ilaalamuuf, sirna aadaa akka guddifachaa, moggaasaa fi gumaa irratti namni Waataa yoo hin jiraanne hin guutu ture jedhu.
Dabalataanis, namni badii balleesse baqatee da’oo kan gaafatu mana nama Waataatti ture jedhu. Namni kun baqatee ‘Mana Waataa seene’ yoo jedhame, haaloo irratti hin ba’amu jedhu.

Madda suuraa, Alan Root
Kaaba Keeniyaa bulchiinsa Marsabiit keessa gosti Waataa bal’inaan kan argaman ennaa tahu, ammatti garuu ifatti Wayyuu jechuun yaaman.
Namni siyaasaa beekamaan Keeniyaa keessaa Ukkur Yaatanii, bara 2018 keessa wayita jijjiirraan maqaa ifatti taasifamu deeggarsa guddaa taasisuun isaanii ni himama.
Argaa-dhageettiin jaarrolee Waataa, gosi kun Itoophiyaarraa kahuun jaarraa hedduun dura gara Keeniyaatti as cehuu hima.
Jaarrolee gariin ammoo Yamanirraa kahuun Galaana Diimaa qaxxaamuruun Itoophiyaa akka seenaniifi boodarras gara Keeniyaa akka ce’an ni dubbatu.
Waanni as Keeniyaa keessa jiran bakkaa bakkatti faffaca’anii waan jiraniif, lakkoofsi isaanii hangana jedhanii ibsuun nama rakkisa.
Keeniyaa bulchiinsota Laamuu, Taanaa Rivar, Mombaasaa, Taayitaa-Taavetaa fi Kiliifii keessatti ollaa garagaraatti qubatanii argamu.
Haatahu malee ragaaleen jiran lakkoofsi isaanii 16,000 ol ni tahu ennaa jedhan, kaan ammoo hanga 21,000 ni taha jedhu.
Gosni Wayyuu bulchiinsa Marsabeet keessaa, kan duraan Waataan waamaman, mootummaa biyyattiin beekamtii kan argatan ogguu tahu, Waanni qarqara Bisaan Maanyaa qubatan kun garuu beekamtiis hinarganne, yookaan maqaas geeddaratanii Wayyuutti hin makamne.
Isaan garuu “Waataatti akka nu beekan feena,” jedhu.
Waataan garana jiran hidhata cimaa arba wajjin qabanirraa kan ka’e, ‘Warra Arbaa’ (Elephant people) jedhamanii beekamu.
Faana arbaa dhahuu, urga uluun (foolii fudhachuu) bakka jiru baruufi adda baasuu, xiyya midhaassanii adamsuu fi ammoo soorachuu – kana maraan sabni isaaniin gitu hinjiru.
Jaarraa hedduuf haala kanaan baddaa (bosona) keessa kan jiraatan tahus, walakkaa jaarraa 20ffaa irraa kaasee garuu baddaa keessaa baafamuun bakka adda addaa akka qubatan taasifaman.
Amma arbis tahe baddaan, gadamsis tahe warseessi, eegumsi cimaa ni godhamaaf - isaanillee jireenyi isaanii jijjiirameera.

Madda suuraa, Ian Parker
Bosonni paarkii biyyaalessaa taheefi qarqara galaanaa Keeniyaatti argamu ‘Arabuko Sokoke’, waggoota hedduuf gosa kanaaf dawoo tahee tureera – hanga labsiin eegumsa jala galetti.
Moggaasni maqaa baddaa kanaas jecha ‘Arba Huqqoo’ jedhurraa akka dhufeefi jaarsa maqaansaanii Abbaajilaa Huqqoo jedhamurraa moggaafamuus argaa-dhageettiin jaarrolee ni hima.
Saboonni isaan wajjin jiraatan yeroo gargaraatti maqaa akka akkaatiin yaamaniiru – N’Dorobo, WaSanye, Waliangulu, Boni fi kaanis. Warri Waataa garuu kana hin jaalatan – “maqaa balfaati,” jedhu.
Magaalaan qarqara galaanaa Keeniyaatti argamtu Waataamuu (Watamu), bakkeewwan tuuristoonni akkaan itti deddeebi’an keessaa ishee tokkodha.
Innis Afaan Waataa “Kuni Waataa moo, Waataa muu?” jedhurraa dhufe jedhu jaarroleen.
Gama kaaniin achuma dhiyeenya magaalaan Geddii (Gede) jedhamtu argamti.
“Geeddii… beete [bakki] sun jaarsa warra keennaati. Geeddii Malbee Mamaangamaayoo jedhanii waaman. Malbeen [naannoo kanatti] dhalate. Warri saba Baantuu maqaa kana jechuu waan hin dandeenyeef, Geddee jedhanii yaaman.”
Ammallee maqaan Geeddii Nyaaroo jedhamullee ni jira, obboleessa Geeddii Malbeeti. Waldiddaa mudaterraa kan kahe hawaasa keessaa ari’amuun lafa Tsaavoo jedhamu deemee akka qubate jaarroleen ni himu.
“Warriin kun abbaleewwani, inni tokko ka abbaa diqqooti, kun ammoo kan abbaa diqqaayyooti.”
Kana malees namoonni kun qaamni isaanii garmalee gurguddaa akka tahes argaa-dhageettiin ni himu.
“Kunoo [bineensa] lulluuxaa ykn gugguuftuu kophaasaa nyaatee fixa,” jedhu Aabba Guyyoon.

Afaan
Waanni qarqara Bisaan Maanyaa jiraatan afaan isaan haasawan Afaan Oromooti – isaan Afaan Waataa jedhu.
Kana jechuun garuu garaagarummaan loqodaa fi kaanii waggootaaf walirraa fagaachuun dhufe hinjiru jechuu miti. Tarii nama jiddugala Oromiyaarraa dhufeef, marroo jalqabaaf hubachuun itti ulfaachuu mala.
Jechoonni, walqabsiiftoonni, akkaataan barreeffamaa, caasaan afaanii fi kaanis, afaanota bakkichatti heddummaatan kanneen akka Kiswahili’n kan walkeessa makatedha.
Fakkeenyaaf jecha Afaan Oromootiin ‘kanaafuu’ jedhuuf, warri kun ‘kwa hivo’ jechuun wayita fayyadaman dhageettu. Akkasumas jechi ‘yeroo, wayita, ogguu,…’ jedhu asitti ‘wakati’ jecha jedhuun bakka bu’a.
Akkaataan lakkoofsa itti lakkaa’anis muraasa malee guutummaan walfakkaata – illama, illamii tokko, illamii lama,… (digdama, digdamii tokko, digdamii lama,…)
Tahus nuyi hawaasa Oromoo Keeniyaa keessaa, kan loogaan walitti dhiyaatan, itti dhiyeenyaan beekuun keenyaa fi dandeettiin Swahili qabnus waan nu qarqaareef, haala salphaan waliigaluu dandeenyeerra.
Gama kaaniin gaaffiin ‘Akkas mitii? Akkasii mii?’ jechuun namaaf dhiyeessinu, asitti ‘muu’ kan jedhuun bakka bu’a. Fakkeenyaaf “Akkum sunii muu?” jechuun waa mirkaneessuuf fayyadamu.
Magaalaan turistootaan beekamtu Waataamuun, “Kuni Waataa moo, Waataa muu?” kan jedhurraa akka dhufte jaarroleen hawaasa kanaa ni himu.
Gama kaaniin hawaasni kun, qubee Afaan Oromoo Itoophiyaa keessatti barreeffamu odoo quba hin qabaatiin, akkaataa barreeffamaa afaan isaanii irratti garuu hubannoo dansaa qabaachuu isaanii hubanne.
“Waaqa attam maqaa dhoofta? Waaqi [qubee] ‘q’ qaba. Kushiin Waaqa ‘k’n hin barreessu. Qocaa, ciqilee akkam barreessan… q fi c barreessan – chekele kan jedhu hiika hinqabu," jedhu Maanguddoo Guyyoon.
Dabaluunis gosoonni Oromoo isaanitti dhiyoo jiran, kanneen akka Ormaa fi Booranaa haala kanaan akka barreessan kaasu.
Kana malees waan nu ajaa’ibsiise keessaa, gaaffiin “dhageessee? Ya dhageettee?“ jechuun namaaf dhiyaatu, asitti "Ya dhageechee?“ jechuun caqasaa jiraachuukee mirkaneessu.
Itti fayyadamni qubee ‘ch‘ jechoota kanneen akka ‘teeche, geeche‘ jedhaman keessatti heddumminaan mul’ata – loqodni akkasii gara caalu kan gosa Oromoo Tuulamaa biratti baramedha.
Fakkeenyoota muraasa biroo: Koluu (hantuuta), galdeessa (jaldeessa), qadda (qabda), wil, wilbarachuu, (wal, walbarachuu), xuuxuun (cufti, marti, hunduu), beete (bakka, iddoo).

Jiruufi jireenyaa fi aadaa
Sabni Oromoo Itoophiyaa fi gam Keeniyaa kaabaa jiru gara caalu horii horsiisuun, akkasumas qonnaan beekama.
Gosi Waataa qarqara Bisaan Maanyaa kanatti argamu garuu bineensota adamsuun foon nyaachuu, firii mukaa funaanuun (hunting -gathering) yeroo dheeraaf jiraachaa turan.
Maanguddoon ganna 71 Hamaadii Fundii Guyyoo ollaa Dabbasoo jedhamtu keessa kan taa’an ogguu tahu, ijoollee sagal qabu.
“Maqaan kiyya Hamaadii Fundii Guyyooti. Guyyoon ka Lukoosooti, Lukoosoon ka Hashaaqooti, Hashaaqoon ka Jilooti,” jechuun of barsiisan. Gosti isaaniis Karaara, Sabalee akka tahe nutti himan.
Ollaan kun maaf Dabbasoo jedhamee akka waamamu oggaa ibsanis: “Jaarsi Waataa ka Dabbasoo jedhanii waamanu, naf xuuxuun dabbasaa qaba. Suniif Dabbasoo jedhanii waaman.”
Jiruufi jireenya Waataa bineensa adamsuu fi waan baddaa (bosona) keessaa argamurra akka hundaa’u himu.
“Waanni loon hinqawu (hinqabu) re’ee hinqawu. [Lafa hin qotu]. Hujiin Waataa adamsuun dammaa fi foon [nyaachuudha],” jedhu.
Gosi kun aadaa isaanii kan ganamaa akka hin daganne kanneen mul’isan hedduutu jiru.
Sirbi, faaruun, geerarsi, akkatti maqaa ijoolleef baasan hanga har’aallee otoo addaan hin citiin as gaheera.
Sirbi fuudhaafi heerumaa (aruusaa) asitti dhageenye tokko akkas jedha:
Daambii roroohee yaa biraaree, haati gurbaa koffoltee,
Daambii roroohee yaa biraaree, haati intalaa dallante.
Gosa sirbaa fi faaruu kanneen akka: Hineessee (Oromoo Ormaa birattis ni beekama), Sobboora arbaa, sirba maanguddoo Kidhuungichaa fi kaanis ni qabu.
Asitti maqaalee hawaasa Oromoo biratti guddoo beekaman kanneen akka: Guyyoo, Galgaloo, Godaanaa, Abbaaduulaa, Abbaajilaa, Hajilaa, Abbaashooraa, Adii, Boruu, Dabbasoo, Abbaakunaa fi kaanis dhagahuun kan baramedha.
Hawaasni Waataa dhaattuu bosonaa qubatan kun arba wajjin hidhata cimaa qabu – mala ajaa’ibaan adamsanii sooratu. Kun garuu har’a miti – arbi bineensota akkaan eegumsa godhamuuf keessaati.
Waakaatii baddaa keessa taahan sunti xiyya ogummaa addaan midhaassanii, fiixeerra hadhaa (summii) erga dibanii booda, mala ajaa’ibaatiin adamsu.
Itilleen isaanii Ilaaloo jedhama – ammoo kan gogaa looniirraa midhaaffame miti. Dhiheenya bishaanitti qabanirraa kan kahe, itillee biqiltoota bishaan keessaa bahuun midhaaffame Ilaaloo afatanii ciisu.
“Ilaaloon muka akka buuyyoo jiru [bisaan] keessaa baha. Kunimmoo hujii nadheen (dubartoota) Waataati,” jedhu maanguddoo Guyyoon.
Uchuma (ichima) buufachuun ibidda qabsiisu, dubartoonni qayya qayyatu. Beekumsi isaanii biqiltootaafi qorsa achirraa argamuuf qabanis akka malee adda.
Fakkeenyaaf muka maqaan isaa ‘mturi mturi’ jedhamuufi karoora maatiif oolu akka qaban nutti himan. Dubartiin firii muka kanaa fudhachuun hanga waggoota shaniif dhala godhachuu akka hin dandeenye taasisa.
Beekumsa aadaa kanas akka biyyattiitti mootummaaf dhiyeessuun, beekamtii irraa argachuuf hojjetamaa jiraachuus hubanneerra.

Madda suuraa, Abraham Guyo
Rakkoo akkamii qabu?
Waati as qarqara Bisaan Maanyaa jiraatan, saboota kaan wajjin walbira yoo qabaman, lakkoofsi isaanii bicuudha. Akkasumas bakkaa bakkatti faffaca’anii jiraatu.
Kanaaf bakka-bu’ummaa siyaasaas tahe, mootummaa biyyattiin ifatti beekamuuf guddoo rakkatu.
Kana keessatti ammoo akki mootummaanis tahe saboonni biyyattii biroo isaan itti beekanis rakkoo biraati.
Barreeffamoota galmee seenaa, kan maxxanfamanii jiraniifi onlaayinii gubbaa argaman irratti, gosni kun maqaa garagaraa kanneen akka: “Waata, Waatha, Walingulu, Alangulo, Ariangulo, Wasanye, Sanya,” jedhamaniin waamamaa turan.
Jaarroleen hawaasichaa garuu maqaawwan garagaraa moggaasuun “qoollifannaaf saaxilamuu” himatu.
“Warri kun dhufee nu gaalgalchee [dhibee] maqaa keenya wayita galmeessan Waasaanyee jedhan. Nuyi garuu Waata,” jedhu Aabba Guyyoon.
Jechi ‘sanya’ jedhu Afaan Swaahilii ennaa tahu – walitti qabuu, bakka tokkotti guruu akka jechuuti. Maqaa kanas gosa walitti dhiyeenyaan wajjin jiraatan Dahalo jedhaman wajjin walitti qabuun itti moggaasan – warri Waataa ammoo kana hin fedhan.
Maqaan kun akka irraa ka’u falmii gaggeessaniin haqamuusaas miseensonni hawaasichaa ni dubbatu.
Kana malees hawaasni Waataa saboota hiddi isaanii Baantuu tahe Mijikenda jedhaman keessattuu saba Giriama wajjin dhiyeenyaan jiraatu.
Baroota dheeraaf saboonni kaan hawaasa Waataa maqaa ‘Waalaanguulloo’ jedhuun waamaa turan.
Maanguddoo Guyyoo Shaawurii maqaan kun “maqaa balfaati, ka abaarsaati,” jedhu.
Gama kaaniin hawaasni Waataa as jiran, saboota wajjin jiraatan biraarraa dhiibbaan irra gahuufi hojii argachuuf rakkachuus ni himatu.
Dargaggoo Saambuu Daadhii “namni Waataa barate dhaqee hujii kadhatee, akka [salphaatti] hujiirra hin bu’u,” jechuun komata – ofiisaallee akka hojii hinqabne dubbata.
“Waata hin balfan. Waati wi (waa tokko) hinbeeku, akka dansaa hin soomne (baranne) jedhanii [hujii argachuuf rakanna].
Kana malees akkaataa maqaasaanii itti barreeffataniifi galmee eenyummaarra akki isaan ibsaman gara caalu akka jalaa dogoggorsanis ni komatu.
Fakkeenyaaf “Ani maqaan kiyya Galgaloo [yoo tahe], isaan Galogaloo barreessan. Abbaaduulaa ammoo Badulaa jedhanii barreessan. Abbaajilaa ammoo Bajilaa andikan,” jedhu maanguddoo Guyyoo.
“Abbaa jilaa waan Abbaajilaa jedhanii waamaniitif jira. Waakaatii (yeroo) jilaa dhalate.”
Dhimmoota afaaniin walqabatanii jiran irratti kanneen afaan qoratan (linguistics) afaan isaaniifillee xiyyeeffannoo akka kennan gaafatu.

Abdii
Hawaasni Waataa bulchiinsa Kiliifii kanatti argaman akkuma sodaa fi rakkoo akka akkaa qabaniifi himatanu, egereef ammoo abdii qabu.
Abdii fi hawwiin isaanii ijoon hawaasa wajjin jiraatanirraa kabajaa maluuf argachuu, mootummaa Keeniyaa birattis beekamuu fi caasaawwan mootummaa sadarkaan jiran keessatti bakka bu’ummaa fedhu.
Maanguddoon ganna 71 fi hayyuun qorannoo biqiltootaa Guyyoo Mashauri, “Wanni nu abdannu afaan [alagaan nu waamu] lakkinnee, maqaa Waataa jedhu sanaan uf himuu. Maqaa keennaan nu baratanii jedhan [feena].”
Ammallee seenaa fi aadaan gos kanaa haala qixaa’een barreeffamee galmee keessa akka taa’u fedhu.
“Silaa waan keenna barruu keessa jiraatte [feena]. Akka sagalee waan nyaannu, seeraa fi [aadaa] keenna xuuxuunuu, odoo silaa babarreessanii jedhanii. Sun xuuxuunu silaa serikaalli [mootummaan] fuutee ishii tana harka nu qaddee jette silaati dassa.”
Haati Guyyaatoo Guyyoo ammoo Afaan Waataa raadiyoo keessa seenee akka dubbatamuufi ijoollee isaanii qilleensarraa caqasuu akka fedhan hawwii isaanii tahuu nutti himan.
“Tanti feenu nutillee [raadiyoo] keessaan nu hiikanii, ijoollee keenna guuranii barsiisanii… achi keessaan nutti dubbatanii, nutillee maanguddoon kunillee reediyoo bibbitannee caqanna dubbii Waataa tana.”
Kana malees hawaasni Waataa bakkaa bakkatti faffaca’ee jiru akka wilbaratu fedhii qaban himu. “Wil babbaranna, sulleen daansa. Haa wilgagganne, haa wilbabbanne – dubbiin tiyya sunuma,” jechuun obbaasan.
Ogummaa, beekumsa aadaa fi barnoota qabaniin hawaasicha walitti qabuufi dadammaqsuuf kan hojjetan maanguddoon Waataa Aabba Guyyoo Shawurii, Waanni bakka garagaraa jiru Afaansaa dubbachuu fi aadaa qabu mul’isuuf akka hin qaanfanne dhaamu.
“Waanni kan uf fedhu fedha… Odoo ati afaan kan kee dubbatte ka dhibiillee si jeelata,” jechuun keessummaa ollaa sanatti qabame ila keessa ilaalaa dubbatan.
Waanni keessummaa simate akkasumaan hin gaggeechu – waan qabu nyaachisee eebbisee lakkisa.
Haadholii fi abbootiin gos kanaa eegii barmaata amantii isaaniin nu eebbisaniin booda, nami beete san jiru xuuxuun “halaale” jechuun waliigaluusaa ibse – 'leel, ameen' jechuudha.
Nulleen 'halaale!' jennee eebba fudhannee, obbaasne.












