Lammiileen Itoophiyaa 380 ol ta'an galaana diimaa keessatti dhidhimurraa oolfaman

Madda suuraa, Getty Images
Mootummaan Jibuutii torbee darbe keessa qofaa lammiilee Itoophiyaa gara biyyoota Arabaa osoo godaanaa jiranii daangaa Itoophiyaa fi Yamaniitti bidiruun ittiin garagale keessaa 380 kan caalan baraaruu hime.
Ulaan godaansaa karaa Galoo Galaana kanaa taasifamu, ulaawwan godaansaa addunyaarra jiran kanneen akkaan balaafamoo ta'an keessaa tokko.
Jaarmiyaan dhimma baqattootaa Idil-addunyaa- IOM karaan kana imaluun balaa guddaa qabaatus lammiileen kumaatamaan lakkaa'aman jireenya fooyya'aa argachuuf jecha karaa kana imaluu itti fufaniiru jedha.
Daarektarri dhaabbatichaa Antooniyoo Vitooriinoo, haalli naannawa sana jiru guddoo nama yaaddessa jedhan.
Yeroo ammaa lakkoofsi namoota karaa Yaman qaxxaamuruun gara Sa'uudii Arabiyaa imalanii dabaluun kan weerara koronaavaayirasii dura tureen wal fakkaateera jedhan qondaalli kun.
Namoonni biyyoota Baha Afrikaa [irra-jireessaan Itoophiyaa] irraa garas godaanan rakkoo dachaaf saaxilamu kan jedhan Antooniyoo Vitooriinoo, ''garas imaluufis ni dararamu, ofirra deebi'uufis akkasuma,'' jedhan.
''Bara darbe qofa namoota kuma 150 caalantu gara Yaman ce'an. Namoota kunneen wayita achi ce'an biyyi akkaataa isaan itti eegde miti. Achii ammoo ofirraa deebi'uuf dararaa guddaa argu,'' jedhan.
Godaantonni kunneen erga bakka sana ga'anii booda hammeenya rakkoo bakka sanaa hubatu jedhan.
''Erga Yaman ga'anii booda balaa waraanaa biyyattii keessatti kufanii of argu. Wayita kana gara biyyaa deebi'uu filatu. Gara biyyaa deebi'uunis ammoo qormaata guddaadha.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haalli jiruu fi jireenya hawaasaa, hoji-dhabdummaan, walitti bu'iinsi fi rakkoon tasgabbii dhabuu sababoota ijoo godaansa kanaati jedhu qondaalli kun.
Lammiileen biyyoota Afrikaa irra caalaa kan godaanan gara biyyoota Afrikaa kan birootti kan jedhan qondaalli kun godaansi akkanaa seera-maleessa jedhamuu qaba jedhanii hin amanan.
''Ragaa amma qabnuun lammiileen Afrikaa dhibbeentaa 16 qofatu gara biyyoota Awurooppaa godaanu. Dhibbeentaa 70 ol kan ta'an biyyootuma Afrikaa keessatti godaanu. Kanaaf haalli lammiileen ardii Afrikaa bilisaan keessa socho'uu danda'an mijachuu qaba. Sochiin daldalaas walabaan ta'uu qaba,'' jedhan.
Godaansi lammiileerraan balaa hin geenye, sirna qabatee nageenyummaan akka gaggeffamuuf haalonni kunneen mijachuu qabu jedhan qondaalli kun.
Biyyoonni Afrikaa akkaataa fedhii humna namaa gabaa isaanii irratti hundaa'uun waraqaa eeyyamaa godaantota biyyoota Afrikaa kaaniif mijeessuu qabus jedhan.
Godaantota balaaf lubbuusaanii saaxilanii galaanaa fi gammoojjii keessa imaluun gara biyyoota godaanan lakkoofsa isaanii hir'isuuf yoo barbaadame seenaan namoota godaansarratti miidhamanii qofa barsiisuun ga'aadha jedhu qondaalli kun.
Isaan kana jedhanis lammiileen Afrikaa gara biyyoota Arabaa imalan osooma rakkoon jiraachuu beekanii itti adeemu.
Inumaa kanneen dararaa arganii erga biyyasaaniitti galanii booda deebi'anii rakkooma walfakkaataatti seenanillee jiru.
Keessattuu baqattoonni Itoophiyaa karaa galaana diimaa gara Yaman imalan bidiruun ittiin dhidhimuun galaana keessatti wayita dhuman irra deddeebiin dhagaham.
Karaarratti dararaa fi gaaga'amni lubbuu isaan mudachuu qofa osoo hin taane erga bakka yaadan ga'aniis rakkoon biraa hin hafu.
Godaantonni Itoophiyaa kanneen Jibuutii, Yaman fi biyyoota Arabaa kaan keessa jiran guyyuu rakkoon itti hammaachuu himatu.












