Dararama baqattoota Itoophiyaa buufata baqattootaa Jabuutiitti argamanii

Abrahaam (kan maqaansaa jijjiirame) erga wal waraansa kaabaa Itoophiyaatti umamee baqachuun karaa namoota seeraan ala nama dadabarsaniitiin daandii rakkisaa keessa imaluun Jabuutii seenee waggaa tokkoo ol ta’eera.
Itoophiyaa keessa wayita turetti maatiisaa fi ofiisaa hojii daldalaatiin bulchaa kan ture Abrahaam, amma rakkoo cimaa keessatti akka argamu dubbata.
Jireenyi baqattummaa rakkisaa ta’usaa tilmaamulleen, haala rakkisaa buufata Hoolhool kan amma Jabuutii keessatti argamu nigaha jedhee hin yaadne ture.
Baatii tokkotti nama tokkoof kan kennamu daakuu qamadii kiiloo sadii fi mishingaa kiiloo lama qofa akka ta’e dubbata
Yeroo ammaa kanattis buufata baqattootaa Hoolhool keessatti baqattoonni 7000 ol ta’an kan argaman yoo ta’u, isaan keessaayis kanneen gara kuma tokkootti siqan lammiilee Itoophiyaa akka ta’an kanneen kaampicha keessa jiraatanii BBCtti himaniiru.
Haalli midhaan mishingaa dheedhii kennamu daaksisuun itti fayyadamuu dandeessisu waan hin jirreef, jiraattota naannnichaa re’ee horsiisanitti haala baayyee rakasa ta’een akka gurguratan dubbatu baqattoonni kunneen.
Biyyi xiqqoo gaanfa Afriikaa Jabuutiin ummata gara miiliyoona tokkootti siqu kan qabdu yoo ta’u, baqattoota gara kuma 35 ta’an ammoo buufataalee baqattootaa afur keessatti kessummeessaa jirti.
Kaampiin Alii Adii baqattootta walakkaa kan keessummeessuu yoo ta’u, Holhool ammo baqattoota parsantaa 23 ta’an kan qabate kaampii baqattootaa guddicha lammataa Jabuutiitti argamuudha.
Akkasumas kaampiiwwan baqattootaa magaalaa Jabuutiifi Maarkaaziitti argamanis jiru.
Baqattoonni kaampii Hoolhooliitti argaman akka jedhanitti, rakkoo dhiyeessitii bu’uuraalee qabanii alattis torbanoota sadan darban keessa Jabuutiitti bubbeen waggaan ka’u ‘Kaahaamsiin’ jedhamu mudachuusaatti buufatichi rakkiinaaf saaxilameera.
Bubbee hamaan kunis buufataalee laastiikii buufaticha keessatti argaman kukkutee kaasuusaatti jiraattoonni dahoo maleetti habmiisuu dubbatu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bubbeen barii sa’aatii 10 irraa kaasuun hanga guyyaa walakkaatti dhukkee kaasuun turu kunis, balaa hamaaf isaan saaxilaa jiraachuu dubbatu baqattoonni BBCn dubbise kunneen.
Kanaan wal qabtees dahannoowwan kaampicha keessatti argaman walakkaa ol bubbee Kanaan barbadaa’uufi buufataaleen gara 12 ammoo gutummaatti manca’uu suuraadhaan deegaruun ibsaniiru.
Bubbeen kunis haala Kanaan itti fufnaan jiraattoota hedduu dahoo malee akka hambisuu malu soda qaban himan. Bubbeeb gammoojjii kunis hanga dhuma Adooleetti kan turu ta’uu raaguun qilleensaa ni mul’isa.
Jiraattoonnis obomboolleettiin bubbee kun ka’usaa walqabatee motummaa kaampicha bulchuufi dhaabbiilee miti motummaatti beeksiisuu, haata’u malee hanga ammaatti deebii omaatu akka hin argatiin kaasu.
BBCnis dhimma kanarratti Motummoota Gamtoomaniitti Dhaabbata Baqattoota Gaanfa Afriikaa fi Haroowwan gurguddaatti dubbii himaa kan ta’an Feeyiiz Kaasiinaan dubbiseera.
Keessattuu rakkoo gama dhiyeesitii gama nyaataatiin jiru irratti sababii dabala gatii boba’aafi waraana sadarkaa addunyaatti mudateen wal qabate rakkoo umameen baqattootaaf nyaata gahaa dhiyeessuu akka rakkatan kaasan.
‘‘Kan biraa dhaabbata keessa hanqinni maallaqaa mudateera. Bara kanattis baqattota biyyatii keessatti argamaniif tajaajila kennuuf maallaqa nu barbaachisu keessaa aragachu kan dandeenye parantaa 27 qofaadha. Ammas deeggartoonni gargaarsa walitti fufiinsaan akka nuuf kennaniif waamicha taasifna’’ jechuun BBCtti himan.
Haata’u malee dhaabbatichi dhimma baqattoonni baayyee yaaddeessaadha jedhan irratti deebii kennu irraa of qusateera.

Buufati fayyaa Hoolhool keessatti argamu qoricha, tajaajila laaboraatoorii fi hakiimoota hin qabu, HIV fi Koronaavaayirasii irraa kan hafe qorannoo malee hojjechuun akka hin danda’amne baqattoonni ni himu.
Buufata fayyaa mooraa baqattootaa irraa kiilomeetira 40 fagaatee argamutti riifariin akka barreeffamuu fi achi deemuuf ammo tajaajilli geejjibaa waan hin jirreef rakkoo fayyaaf saaxilamaa jiraachuu baqattoonni himu.
Ambuulaansiin namoota akkaan dhibamanii koomaa keessa seenan deddeebisuuf ramadamte yeroo isheen achitti argamturra kan ishen hin argamnetu heddummaata jedhu baqattoonni.
‘’Kana keessa baanee wayita deemnus qoricha kiisa keenyaa baafnee akka bitannutu nutti himama. Baqataan maallaqa waan hin qabneef osoo dhukkubuu deebi’ee ciisa,’’ jechuun haala jiru ibsa Abrahaan.
‘’Hoolhool irraa dhiyeenyarratti kan argamtu gara Alseebeeh geejjibni hin jiru. Deemuun akka hin danda’amne osoo beekanii riifarii barreessun mataansaa hiika hin qabu,’’ jedha Abrahaan.
Konkolaataa jimaa feetu kan guyyaatti yeroo tokko dhuftu kadhachuun namoonni ittiin imalanii wal’aansa argachuuf yaalanis jiru.
Mooraa keessa bishaan ga’aan akka hin jirree fi taankariin bishaanii jirus ji’oota shaman darbaniif guyyaa saditti yeroo tokko qofa guutamee akka cufamaa ture himan.
Sababa Kanaan namni torbanitti guyyaa tokko qofa bishaan argata jedhan baqattoonni kunneen.
Haala kana keessatti kanneen humna qaban miillaan sa’atii sadi deemuun bakka burqaan bishaanii jiru barbaadanii waraabbatu jedhan.
Kunimmoo dhibeewwan daddarboof akka isaan saaxilaa jiru himan.
Baqattoonni rakkoo walirratti heddummaate akkanaa keessa jiran hedduunsaanii gara biyyoota arabaatti imaluuf kanneen Oromiyaa fi Tigraay irraa baqataniidha.
Dhiheenya kana baqattoonni haala Kanaan biyyaa ba’an osoo gara Yaman imalaa jiranii namoonni sadi karatati du’uu BBCn raga eenyummaasaanii mul’isu waliin agarsiiseera.
Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii mooraan baqattootaa deeggarsa barbaachisaa argachuun lubbuun baqattootaa akka baraaramuuf, Sagantaa Nyaataa Addunyaa fi dhaabbilee gargaarsa namoomaa kaan irraa maallaqi akka gadhiifamuuf waliin hojjechaa akka jiru ibseera.












