'Daba teekinoolojii' sirna carraa baasuu kondomiiniyemii magaalaa Finfinnee mudate

Manneen jireenyaa magaalaa Finfinnee

Madda suuraa, Mayor od Addis Ababa/facebook

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sirna carraa baasuu Jimaata Adoolessa 8, bara 2022 raawwate guutummaatti haquu beeksiseera.

Sirni carraa baasuu kun kan haqame moosaajii ykn sooftiweeriin carraa baasuuf hojiirra oolfame rakkoo qabaachuun mirkanaa'uu isaatiini.

Kana hordofees hoggantoonni fi hojjettoonni Biiroo Saayinsii fi Teekinoolojii magaalattii akkasumas Biiroo Manneenii magaalattii 10 to'annoo jala oolfamuus ibseera.

Bulchiinsi magaalattii sirna carraa baasuu kallattiin tamsa'aa tureen manneen jireenya 25,000 ol namoota waggoota dheeraaf qusachaa turaniif dabarsuu ibsee ture.

Haata'u malee adeemsi carraa baasuufi sooftiweeriin carraa baasuuf dhimmi itti baahame rakkoo qabaachuu eeruu isa gahe hordofee qorannoo taasiseen, rakkoon jirachuun waan mirkanaa'eef sirni carraa baasuu kun guutummaatti haqamuu Kantiibaan magaalatti Aadde Adaanech Abeebee gaafa Roobii miidiyaaleetti himan.

"Daba teekinoolojiitu nu mudate. Daba hoggansaati. Mana hatuu qofa osoo hin taane fedhii siyaasaas kan mul'isedha," jedhan.

Akka bulchiinsi magaalatti jedhutti namootni sirna carraa baasuu keessa galuun irra ture kuma 79 qofa tahee osoo jiruu, seeraan ala namoonni kuma 93 itti dabalamanii walumaagalatti namoonni kuma 172 carraa keessa galfamanii jiru.

Namoonni seeraan ala carraa keessa galfaman kunneen namoota qusannoo adda kutan, kan gonkumaa hin qusannefaa akka dabalatu hime bulchiinsi magaalattii.

Adeemsa carraa baasuu fi softiweerii tajaajilaaf oole kan sakatta'e Eejansiin Nageenyaa Odeeffannoo (INSA) sooftiweerichi hanqinoota akka qabu bira gahuu direektarri eejansichaa Dr Shumatee Gizaawu BBCtti himaniiru.

Rakkoon uumame maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Qaamni sooftiweericha qopheessu, qaamni sakatta'uu fi qaamni itti fayyadamu qaama garagaraa ta'uu qaba ture" jedhu Dr Shumateen.

Adeemsi saxaaxa-duraa (pre-design), saxaaxaa (design) fi wal-simsiisuu (integration) sooftiweerichi ittiin tolfame akkasumas adeemsi mirkaneeffannaa (verification) qaamolee adda addaatu mirkaneessuu qaba ture jedhan.

"Nama tokkotu namoota muraasa waliin odeeffannoo wal jijjiiraa softiweerii qopheessee, Ragaa (data) galchee, ofiin mirkaneesse, carraan wayita bahus qooda olaanaa keessaa qaba ture," jedhan.

Walumaagalatti sooftiweerichi sadarkaa barbaadamu kan guutu ta'ee hin argamne jedha Dr Shumateen.

Adeemsa carraa baasuu keessatti hojiin ragaa qulqulleessuu hin hojjetamne ture kan jedhan Dr Shumateen, namootni carraa keessa galuu qaban galanii, kanneen bahuu qaban bahuu qabu ture jedhu.

"Ragaan namoota qusatanii baankiirraa ergameefi kan bulchiinsi magaalaa caraan akka bahuuf harkaa qabu ragaa sooftiweerichatti akka galu godhameen gargar ta'ee argameera" jedhan.

Sirni carraa baasuu kun kallattiin tamsa'aa ture

Madda suuraa, ETV

Ibsa waa'ee suuraa, Sirni carraa baasuu kun miidiyaa biyyattiin kallattiin tamsa'aa ture

Namoonni sooftiweericha qopheessanii fi ragaa gara sooftiweerichaa galchan namoota gonkuma hin qusatiin fa'i dabalanii akka galchan bira gahameera jedhan.

Kanaaf sooftiweerichi matuma isaattuu rakkoo kan qabu ta'ee, ragaan ykn daataan itti galfamees sirrii akka hin taane bira gahame jedhan.

Dabalataan sooftiweericha keessatti sooftiweeriin alagaa biraa kan wanta warri sooftiweericha qopheesse barbaadu raawwatu argamuus himu.

Sooftiweeriin alagaa kun sirreeffama ragaa gara sooftiweerichaa galfame irratti godhamu (data alteration) jala jalaa kan qulqulleesudha jedhan.

Sooftiweeriiwwan akkanaa tajaajilarra ooluun dura sakatta'iinsa akka godhu aangoon labsiin kan kennameef INSA ta'ee osoo jiru, dhaabbatichi osoo hin mirkaneessiin tajaajilarra oolfamuus himan.

INSAn adeemsa sooftiweericha tolchuu keessaa qooda akka hin qabneefi rakkoon erga uumamee booda afeeramee sakatta'iinsa godheen rakkiinoota kana saaxiluu himan Dr Shumateen.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee hogganootaa fi hojjettoota adeemsa sooftiweericha qopheessuu fi hojiirra oolchuu keessatti hirmaatan 10 to'annoo jala oolchuu beeksisee, qorannoo dabalataa gochuun tarkaanfii fudhachuu akka itti fufu himeera.

Sirni carraa baasuu haqame yoom irra deebiin akka raawwatu ammatti wanti himame hin jiru.