Godina Baaleetti jiraattoonni ganda tokkoo guutuun walitti bu'iinsaan buqqa'an

Gindhir magaalaa gudditti Godina Baalee Bahaati
Ibsa waa'ee suuraa, Gindhir magaalaa gudditti Godina Baalee Bahaati

Jiraattoonni Godina Baalee Aanaa Gurraa Dhaamolee kuma shan ta’an qe'ee fi qabeenyaa isaaniirraa buqqa'uun gara Aanaa Dalloo Mannaatti baqachuu aanga'aan mootummaa godinichaa BBC'tti himan.

Jiraattoonni Aanaa Dalloo Mannaa Ganda Kal’ee Golbaa qubatan kunneen Aanaa Gurraa Dhaamolee Ganda Okkoltuu jedhamu keessaayi kan buqqa’an.

Bulchaan Aanaa Daalloo Mannaa Haaji Mohaammad Awwal , "namoonni baqatan kunneen karaa gabaa dhaqan dhabanii, sodaatanii gara Aanaa keenyaatti baqatanii,'' jechuun BBCtti himan.

Aanaan Gurraa Dhaamolee daangaa naannoo Oromiyaa fi naannoo Somaalee wajjin wal daangessu irratti argamti.

Jiraattonni kunneen kan buqqa'an walitti bu'iinsa daangaatiin wal-qabatee uumameen akka ta'ee fi lubbuun namoota 10 olii maddeen BBCn dubbise himan illeen, aanga'aan kun garuu "walitti bu’iisi uumame ta'e, xiyyitiin dhukaafames hin turre," jedhan.

Dhalattoonni Oromoo ganda Okkoltuu gabaa bahanii akka hin bitannee fi hin gurguranne tuma kan tuman "namoota fedhii siyaasaa qabaniidha" jechuun ibsu aanga'aan kun.

"Buqqatonni kunneen gabaa barbaaddanna jedhanii dhufan, iddoo midhaan bitannu nu dhoowwanii'' jechuun akka himatan dubbatu bulchaan aanaa Dalloo Mannaa kun.

Jiraattonni ganda guutuu abbaa warraa 1,000 ta'an kunneen torban dura buqqa'anii Aanaa Dalloo Mannaa ganda Kal’ee Golbaa qubachuu BBCtti himan.

Akka isaan jedhanitti, buqqatonni kunneen daa’imaa hanga nama guddaatti otoo hin hafiin maatiisaanii waliin kan qe’eerraa godaanuuf dirqaman.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jiraattoonni Aanaa Gurraa Dhaamolee ganda Okkoltuu irraa buqqa'an kunneen abbaa warraa 1,000 yoo ta’an, waliigalatti baayyinni isaanii 5,000 ta’a jedhan.

Sababii rakkina neetiworkiin naannichaatiin wal qabate BBCn haala namoonni qe’eesaaniirra buqqa’an jedhaman kunneen ammaan tana keessatti argaman mirkanneeffachun hin dandeenye.

Dabalataanis dhimma kanarratti hoggantoota Biiroo Buusaa Gonofaa naannoo Oromiyaa fi aanga'oota godinaa fi aanichaa dubbisuuf yaallee hin milkoofne.

Haata'u malee Haaji Mohaammad hawaasni naannoo fi bulchiinsi Aanichaa buqqaatoota iddoo qubatanitti gargaaraa jiraachuus BBCtti himan.

"Sharaa diriirsanii, nyaata daa’immaniifi namoota gurguddaaf dhiyeessanii jiru. Aanaafi godinni waan qabuun deeggare jira," jedhan.

Ammatti buqqatoota deeggaruun humna Aanaa isaaniitiin ol akka hin taanee, yoo itti fufe garuu humnasaaniitiin ol ta’uu akka malu dubbatan.

Kibxata darbe dabalataan sharaa keessa qubatan, uffata halkanii, midhaan soorataa walumatti meeshaalee birri miliyoona tokkotti dhiyaatu manneen amantaa deeggaruu himan.

Deggarsi hatattamaa akka kennamuuf bulchiinsa mootummaa naannoo fi federaalaa beeksiisus himaniiru.

Bulchaan Aanaa Dalloo Mannaa kun akka jedhanitti, namoonni kunneen qe’eesaanitti deebi’uu barbaadu.

Waggoota muraasan dura walitti bu’iinsa naannoo daangaa naannolee Oromiyaa fi Somaaleetti dhalateen wal qabatee, namoonni miliyoona tokko caalan buqqa’uunsaanii ni yaadatama.