‘‘Nuti waan darbe booddetti dhiisuf qophiidha’’- TPLF

Obbo Geetaachaw Raddaa

Madda suuraa, Getty Images

Dubbi Himaan Adda Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) Obbo Geetaacho Raddaa gareen finciltootaa ‘‘rakkoolee siyaasaa karaaa nagaa fi haalaa siyaasaatiin furuudhaaf qophii ta’usaanii’’ BBCtti himan.

Obbo Geetaachoon turtii sagantaa BBC Hardtalk waliin taasisaniin, TPLF fi mootummaan federaalaa waliigaltee waraana waggoota lamaaf gaggeeffamaa ture dhaabuuf jalqaba baatii Sadaasaa mallatta’e hojiirra oolchuuf hojjataa akka jiran himan.

Obbo Geetaachoon wayita Maqalee irraa karaa viidiyootiin Stephen Sachur waliin turtii taasisaniitti, ‘‘hanga fedhiiwwan nageenyaa Tigraay eegameetti, meeshaalee waraanaa cicimoo kennuuf TPLF hayamamaadha’’ jedhaniiru.

Itti dabaluunis, ‘‘Dararama waggoota lamaatiin booda boqonnaa ummanni keenya argachuu qabu mirkanneessuudhaaf jecha, kan darbe booddee keenyaatti dhiisuuf qophaa’oodha’’ jedhan.

Waraanni naannicha keessatti waggoota lamaaf gaggeeffames kumaatama lubbuu yoo dhabsiisuu, rakkoonni namoomaa Kaaba biyyattii keessatti akka uumamuuf madda ta’eera.

Mootummaan federaalaafi bakka bu’oonni TPLF waliigaltee nagaa Afriikaa Kibbaatti mallatteessan hordofees dureewwan waraanaa gama lamaanii haala itti humnootiin TPLF hidhannoo hikkataniifi tajaajilloonni buu’uuraa waggoota lamaan darbaniif naannichaatti adda citanii turan itti deebii’uun tajaajila kennnan irratti waliigaltee mallatteessanii ture.

Obbo Geetaachoonis, ‘‘Hanga fedhiiwwan nageenyii naannichaa kabajameefi waldhabdeen siyaasaa karaa nagaatiin furameetti sababiin meeshaa waraanaa qabaannuuf hin jiraatu’’ jedhe.

Waraanichi osoo hin eegalamiin dura meeshaalee waraanaa hunda akka hin qabne kan kaasan Obbo Geetaachoon, ergasumaa lolanii diinoota isaanii irraa meeshaalee waraanaa hedduu hidhachu akka danda’an himan.

Haala waliigaltee mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti mallattaa’en, humnootiin TPLF baatii tokko keessaatti hidhannoosaanii akka hiikatan ture. Kun maali irratti akka argamu kan gaafataman Obbo Geetaachoon, ‘‘Ergasii gama keenyaan wanta raawwachuu qabnu gochaa jirra. Garuu kan keenya qofaan kan xumuramu miti hodhannoo hiikkachiisun. Haala qabatamaa nageenyaa naannicha keessa jiru irratti hundaa’uun kan raawwatamuudha’’ jedha.

Itti dabalunis hidhannoo hiikkachiisuun dhimma siyaasaa baatii tokkicha keessatti qofaa raawwatamu miti kan jedhan Obbo Geetaachoon, ‘‘Baatii miti, hanga wagga fudhachulleen ni mala,’’ jedhen.

Heera mootummaatiin akka abboomaman kan mirkanneessan qondaalli TPLF kun, ‘‘dureewwan waraanaa gama lamaanii guyyaa guyyaan waan waliin haasa’aa jiraniif, hidhannoo hiikkachiisun turus akka hojiirra oolu nan amana’’ jedhan.

Heerri naannoo ofiin bulfachuf mirga kenna

Amma gutuummaan Maqalee to’atee kan jiru hunmoota TPLF ta’u kan himan Obbo Geetaachoon, ‘‘sababii Heera Mootummaa biyyatiif harka kenniineef humnootiin federaalaa dhaabbilee mootummaa federaalaa naannicha keessaa akka bulchaniif walii gallee’’ jedhan.

Dhaabbileen akka buufataalee xiyyaaraa kan mootummaa federaalaa yoo ta’u, heerichi naannoolee dhimmota kaan akka ofiin bulfatan mirga kennas jedhan.

‘‘TPLF waraanaan moo’ameera, kana amantaa? Boromtaa waliigalteen nagaa Afriikaa Kibbaatti mallattaa’e MM Abiy Ahimad injifanneera jedhe,’’ jechuun Stephen gaaffii dhiyeessefii ture.

 Obbo Geetaachoon, ‘‘Lakkii gonkumaa hin hin mo'atamne. Waraanni kan ummataati… Kanaafuu karaa nagaanitinis ta’ee karaa waraanaatiin, kaayyoon keenya mriga ummata keenyaa kabachiisuudha. Hanga ammaattis kan raawwate waraanaa dhaabuudha’’ jedhe.

Waliigalticha ummanni diduu malaa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ummannii Tigraay waliigaltee nagaa haalli itti didu hin jiraatu kan jedha Obbo Geetaachoon, ‘‘Hidhannoo hiIkkachuunis kan eegalamu akkasumaan lafaa ka’ame osoo hin taane erga humnootiin Ertiraafi kaan naannicha keessa bahanin booda’’ jedhan.

Yoo humnotiin Ertiraa naannicha keessaa hin baanee waliigaltichi ni diigamaa? Gaaffii jedhuuf deebii kan kennan Obbo Geetaachoon, ‘‘Waliigaltichi guutummaan diigamuu kan danda’u yoo gama mootummaa Itoophiyaatiin diigame qofaadha. Gama keenyaan humnoonni biyya biraa fi kanneen qaama raayyaa ittisaa hin taanee hanga jiraniitti hidhannoo hin hiikkannu.’’

Waraanaa waggaa lamaan dura naannicha keessatti eegalee isaan irratti fe’amee malee isaan akka hin eegale kan himan Obbo Geetaachoon, osoo hin ta'in hafee ta’e jedhanii akka yaadan kaasu.

Karoorri waliigaltichaas namoota miiliyoona naannichatti deegarsa nyaataa eeggataa jiruuf deeggarsi namoommaa atattamaan akka seenuuf daandii akka saaquu yaadamee ture.

Dhaabbanni Nyaata Addunyaa baatii Hagayyaa keessaa namoonni miiliyoona shanii ol naannichatti hir’ina nyaataa hamaan mudateera jedhee ture.

Haa ta’u malee haala barbaadameen gargaarsi galaa jiraachuu irratti mamii qabaachu kan himan qondaalli TPLF kun, ammas mootummaan federaalaafi dhaabbileen deeggarsaa gaheesaanii bahuun rakkoo namoommaa naannicha keessaa akka furaniif waamicha taasisan.

"Gama himannaawwan sarbama mirga namoomaa ilaallatuun ejjannoon keenya walfakakataadha. Qorannoo walabaatiif of kenniineera’’ kan jedhan Obbo Geetaachoon, bu’aan qorannoo balleessaa nurratti argu yoo jiraateef itti gaafatamummaa gutuu fudhachuuf qophiidha’’ jedhan.

Itti dabalunis, loltoonni isaanii ta’e jedhanii sarbama mirga namoomaa kamuu keessatti akka hin hirmaannee himan. Garuu qorannoon walabaa yoo gaggeeffamee ittigaafatamummaa fudhachu qophii ta’u dubbatan.

Waa’ee gara fuulduraa ilaalchises, waliigaltee mallattaa’een ‘‘MM Abiy Ahimadiifi mootummaa federaalaa galiigaltee kana qajeelummaan akka hojjatu ni amantu? gaaffii dhiyaateefii ture.

Obbo Geetaachoonis, ‘‘Isaan amanun na hin barbaachisu garuu ilaalcha gaarii qabaachuun, waan gaarii hawwaa, hamaa dhufuuf ammoo qophaa’udha. Ammatti waliigalteen kun hojiirra oolee dararaan ummannikoo akka dhaabbatuuf waan danda’amu hunda gochurratti xiyyeeffachu wayya,’’ jedhan.