Ergamaan Addaa AU Oluseeguun Obasaanjoo aanga’oota Tigraay waliin mari’achuuf Maqalee galan

Obaasaanjoo fi jila saanii Maqaleetti

Madda suuraa, TIGRAY TV/FACEBOOK

Pirezidantiin duraanii Naajeeriyaa Oluseeguun Obaasaanjoofi Ittaantuun Pirezidantii duraanii Afrikaa Kibbaa Fumzile Mlambo-Ngcuka aanga’oota TPLF waliin marii taasisuuf har'a Sadaasa 24, 2022 magaalaa guddoo naannoo Tigraay Maqalee galan.

Wayita isaan Maqalee qaqqabanittis, dura-ta'aa TPLF Dabretsihon Gabremikaa'el dabalatee aanga'oonni naannichaa simataniiru.

Oliseeguun Obaasaanjoofi Phumzile Mlambo-Ngcuka, pirezidantii duraanii Keenuyaa Uhuruu Keeniyaataa waliin ta’uun marii nagaa mootummaa Itoophiyaafi TPLF jidduutti taasifamee waliigalteerra gahame Gamtaa Afriikaa bakka bu’uun marisiisaa turan.

Waliigaltee nagaa Afriikaa Kibbaatti taasifamuun torbaniin booda ammoo Keenyaa Naayiroobitti dureewwan waraanaa jidduutti haala hojiirra oolmaa waliigaltee irra gahameera.

Erga waliigalteen waraana dhaabuu mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti Sadasa 2 taasifameen booda Obaasaanjoo fi Mlambo-Ngcuka gara naannoo Tigraay yoo imalan kun kan jalqabaati.

Jaarsoliin kunneen haaluma qaama yaalii hojiirra oolmaa waliigaltee nagaa mootummaa federaalaafi TPLF jidduutti mallattaa’een hordofutiin amma naannoo Tigraay kan waraanaan miidhamte kan deeman.

Jarreen kunneen turtii isaaniin aanga’oota Tigraay waliin Maqaleetti marii akka taasisan miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Obasaanjoon haasaa taasisaniin, ''biyyi kamuu biyya biraa lafa isaa irra akka jiraatuuf hin fedhu. Nutis dhimma kanaafi kaan waliin mari'achuuf asitti argamna,'' jechuusaanii TVn naannichaa gabaaseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wayita waliigalteen dureewwan waaraanaa qaamoolee lamaanii jidduutti Naayiroobbiitti mallattaa’eetti, Obasaanjoon deeggarsi namoomaa ‘’boru’’ irraa kaasee naannicha galuu qabaata jedhanilleen, hanga yoonaatti deeggarsi nyaataa, qorichaafi meeshaaleen barbaachoo ta’an qaqqaban fedhii naannicha keessa jiruun kan wal hin madaalledha jedhama.

Naannoon Tigraay kan waggoota lamaan darbaniif waraanni keessatti gaggeeffamaa ture, deeggarsi namoomaa danqamuun ummanni hanqina nyaataafi qorichaatiin hubamaa jiraachuu dhaabbileen gargaarsaa gabaasaa turan.

Qaamooleen qorannoo gaggeessan tokko tokkos lakkoofsi namoota nagaa sababii beelaa, hanqina qorichaafi waraanaan ajjeeffaman kuma 300 ol akka ta’u tilmaamu.

Dhimmi biraa ijoon ammoo haala humnootiin Tigraay hidhannoo itti hiikkachiifamaniifi humnootiin Ertiraa mootummaa federaalaa waliin TPLF waraanaa turan naannicha keessa itti bahaniidha.

Ameerikaa, kan wayita mariin nagaa gaggeeffameetti taajabaa turtes, hidhannoo hikkachiisuuniifi humnootiin biyya biraa naannicha keessaa bahuun waliin akka deemuuf waamicha taasifteetti.