Pool Kagaamee: Pirezidantii Ruwaandaa waggoota 30 ammas filannootti jiran

Madda suuraa, AFP
Pirezidantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen kan filannoo marsaa darbeetiin sagalee filattootaa parsantaa 99 argatee ture, filannoo Wiixata har’aa gaggeeffamunis jijjiramni jiraatu baayyee akka hin taane eegama.
Kaagaameen filannoo bara 2017n sagalee filattootaa %95, kan bara 2003tiin %93 argate jedhamu hordofee, filannoon Ruwaandaa keessatti dimokiraatawa ta’usaa gaaffii kaasaa ture.
Qeeqi kunis baqataafi dursaa riphee lolaa duraanii kanaaf omaa miti. ‘‘Kanneen sagalee %100 argachuun dimokiraatawa miti jedhan jiru. Isaanis diimokiraasii sagalee parsanataa 15 qofa argachuun injifanneerra jedhan waan qabaniifiidhaa?’’ jechuun gaafate.
Tibba duula na filadhaattis ummata baayyee addabaabaayiitti bahuun deeggarsa isaaf ibsaa tureen, ‘‘Wanti Ruuwaandaa keessatti ta’u dhimma Ruuwaandaati. Yoo isaan barbaachise dhufanii barachu danda’u’’ jechuun dubbatan.
Kagaamee gaheess umuriin wagga 66 fi haasaa tasgabbaafi garuu duubaan eenyummaa gara laafummaa hin qabneen namani hedduun isaan ibsa.
Jireenya siyaasa Kaagaameetiif wal dhabdeen Ruuwaandaatti gosawwan Tuutsiifi Huuttii jidduutti mudate sababa ta’eefiira.
Mootummaan Pool Kaagaamee badii duguggaa sanyiitiin gaheerraa barachuun ammaan tana lammiileen biyyattii hundi ofiisaanii lammii Ruuwaandaa malee eenyummaa gosa saanii ibsuu hin qaban jechuun ejjannoo cimaa qaba.
Kaagaameen irree cimaa isaatiin Ruwaandaa hoggannuu erga eegalee waggaa 30 lakkoofsiseera. Kaagaameen ifatti pirezidantii biyyattii kan ta’an 2000tti yoo ta’u, tahus Ruuwaandaa hogganuu kan eegalan gareen rephee loltoota Tutsii isaanumti dursaa turan erga mootummaa finxaaleessa Huttuu fonqolchuun bara 1994 aangoo qabatee kaaseeti.
Bulchiinsi Kaagaames mormitoota cal gochuun kaan harii’achuun beekamaadha. Kaagaamee qeequun hidhaa yoo cimees du’aaf nama saaxila.
Neetiworkiin basaasa cimaa Kaagaame, biyya alaatti osoo hin hafne ajjeechaafi ukkaamsuu hedduu akka raawwatan amanama.

Madda suuraa, AFP
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ittigaafatamaa tikaa Ruuwaandaa duraanii dabalate, hojjattoonni isa jalaa turan akka ajjeeffaman ibsama. Dursaa tikaa kan turan koloneel Paatiriik Kaareegeeyaa erga Kaagaamee waliin wal dhabanii booda, Ruuwaandaadhaa baqachuun Afriikaa Kibbaatti kooluu galanii ture.
Haata’u malee bara 2014tti mana jireenyaasaanii Johaansibargii keessatti ajjeeffamun argaman.
Ilmi obboleessa Koloneel Kaareegeeyaa, Deeviid Baateengaa ajjeechaa sanaan booda gaazexessitootatti akka dubbataniitti, ‘‘funyoodhaan hudhanii ajjeessan’’ jedhan.
Kaagaameen ajjeechaa baayyee falmiisiisee kanarraa of fageessuus yaalanis hin mul’anne. Ifatti ajjeechaa sana keessaa harka hin qabu jedhan illeen, haasaa ajjeechaa dursaa tika duraaniitiin booda taasisaniin, ‘‘Ruuwaandaa haaluun adabbii jalaa bahuun kan hin yaadamneedha’’ jedhan.
Ajjeechaa koloneelichaatiin booda sirna kadhannaa turerrattis, ‘‘eenyuumtuu, kanneen amma lubbuun jiran dabalatee, kan harkasaanii ni argatu. Eenyumtu yoo ta’e, dhimma yeroo qofa ta’a malee’’ yoo jedhan dhagahaman.
Kaagaameen nageenya biyyasaanii mirkanneessuuf hanga loltoota gara biyyoota ollaatti dhoksaan erguu gahaniiru.
Pirezidantiichi garee finciltoota Huutii waraanuudhaaf loltoota gara DR Koongoo erganiiru. Kaagaameen garee filciltootaa M23 hundeessuufi deeggaruudhaan himatamu.
Kaagaameen abbaa hirreeti jedhanii kann himatan akkuma jiran, namoota siyaasaa biyyoota Lixaa dabalatee biyyattii tasgabbeessuufi deebiisee ijaaruudhaan ni leelliifama.
Duguggaan sanyii Tuutiiwwaniifi Huuttii, warra siyaasa hin harbeessine gara kuma 800 ta’an fixeen booda, biyyattiin tokko taatee itti fufuurratti tilmaamni ture baayyee gadaanaa ture.
Ruuwaandaan magaaloota qulqulluu fi lammiilee sirna kabajoo ta’aniin addadha. Biyyoota Afriikaa kaan waliin yoo madaalamtu, malaammaltummaan sadarkaa gadaanaarratti argama. Biyyattiin sadarkaa biyyoota galii jidduugalaa argatan irra gahuudhaaf yaaliin taasifte milkaa’ufii baatulleen garuu imala dheeraa deemtee jirti.

Madda suuraa, AFP
‘Filannoo fakkeessoo’
‘‘Kaagaameen filadha’’ kan jettu barattuun yunivarsitii Meerii Jeen jedhamti. ‘‘Kunoo nagaadhaan barnootakoo hordofaan jira. Galanni pirezidaantichaaf haata’utii, haalli barnootakoo nagaan itti hordofuu hin dandeenyee jiraachuu danda’a ture’’ jetti.
Akkuma Meerii kana lammiileen biyyattii miiliyoona 9 filachuudhaaf galmaa’an eenyuun akka filatan ifaa fakkaata.
Paartii mormituun Paartii Dimokiraasii Magariisaa jedhamus, kaadhimamaa Firaank Haabiibeezaa jedhamu dhiyeessuulleen, namni siyaasaa Fiiliip Maapaai’maanaa jedhaman Kaagaameen dorgomuudhaaf filannoo keessatti hirmaatu.
Haata’u malee filannichaan eenyuu akka injifatu waan barame fakkaata.
Xinxalaan siyaasa Ruuwaandaa, lammii Beeljiiyeem Fiiliip Reeyintajansi, ‘‘dhugaa dubbachuudhaaf filannoon itti fakkeessuuf gaggeeffamu’’ jedhan.
‘‘Dhugaa dubbachuudhaaf filannoo kanaan maal ta’u akka danda’u hin beeknu. Garuu filannoowwan kanaan dura turan kan sobaa turan’’ jedhan.
Af-yaa’iin Ruuwaandaa duraanii kan amma baqaan Ameerikaa keessa jiraatan, Jooseef Sabaaraanzii (Dr) filannoo Ruuwaandaa tapha kubbaa miilaatiin wal fakkeessu.
‘‘Filannoon akkuma tapha kubbaa miilaati. Qopheessaan filannoo falmaasaa filata. Hordoftoonni taphichaatiis eenyu taphicha akka injifatu osoo beekuu diraamaa akka waan hin beeknee haala itti ta’udhaa’’ jedhan.

Madda suuraa, AFP
Ofii Pool Kaagaamee eenyuudha?
Bara 1957ttii jidduugala Ruuwaandaatti maatii sooreessa irraa kan dhalate Kaagaameen, osoo baayyee daa’ima jiruu ture walitti bu’insi kan qe'esaanii irraa isaan buqqaase.
Maatiisaanii gosa Tuutsii ta’aniif ilama shanaffaa kan tahe Kaagaameen, wayita mucaa wagga lamaa tureetti dhuma bara 1950mota irratti walitti bu’iinsa umame hordofuun kan maatiisaanii waliin gara Yugaandaatti baqatan.
Kaagaameen yoo biyyaa baqatan mucaa xiqqaa ta’an illeen, yeroo maneen gubataniifi namoonni hihdattootaan ajjeeffman argunsaanii akka yaadatan dubbatu.
Kaagaameen umurii ijoollummaatti bara 1970mota keessaa gara hotela jidduugala siiyaasa Kiigaalii ta’eetti deebii’uudhaan haasaa namoota siyaasaa dhagahaa turan.
Gochaan isaanii kunis Kaagaameen akka basaasaa fi dhimmoota siyaasaaf fedhii qabaatan taasiseera.
Yugaandaatti leenjii basaasa loltummaa kan fudhatan Kaagaameen, garee finciltoota Yuuweerii Museeveeniitti makaman. Yeroo gareen finciltoota Muuseeveniin dursan aangoo qabatuutti Kaagaameen ilaalaa turan.
Dhuma baroota 1980 irraa kaasee Kaagaameen Taanzaaniyaa, Kuubaa fi Ameerikaatti erga leenjii waraanaa fudhataniin booda, garee finciltootaa irra caalaansaanii Tuutsii ta’an dursuudhaan bara 1990 irratti gara Ruuwaandaatti duula eegalan.
‘‘Ruuwaandaan biyya bulchiinsa cimaadhaan hogganamtu’’ kan jedhan xinxalaan lammii Beeljiiyeem, ‘‘Rakkoonsaa Ruuwaandaan mormitootaaf eddo hin qabdu. Bilisummaan yaada ibsachu hin jiru. Rakkoon biyyaa bulchiinsa siyaasaati’’ jedhu.
Kaagaameen garuu kanaan walii hin galan. Tibba duula na filadhaattis ummanni deeggarsa isaafi paartii isaatiif qabu agarsiisuuf baayyinaan adabaabaayiitti bahunsaa kann jaalala ummanni isaaf qabu ta’u ibsu.
Waggoota 30 darbaniif ka hirree cimaasaanitiin Ruuwaandaa dursan Kaagaameen, jijjirama heera mootummaa dhiheenya taasifameen hanga bara 2034tti akka biyyattii dursaniis kann dandeessisuudha.












