Jawween meetira 5 dheeratu mana namaa seenaa ture naasuu uume

Madda suuraa, SOLENT NEWS & PHOTO AGENCY
Biyya Yunaayitid Kingidam keessatti jawween meetira 5 dheeratu tokko mana nama dhuunfaa tokko karaa foddaatiin osoo seenuuf jedhuu argamuun isaa jiraattota naannawaa sana hedduu rifaasise.
Ingilaand ganda Chaandilars Foord jedhamu keessa namoonni jiraatan jawween guddaan kun osoo mana gamoo irra keessa jiru wayita galkaa jirutti ture kan argan.
Gosti jawwee Barmiiz jedhamu kun mana nama tokko keessaa miliqee gara mana nama biraa foddaan seenuuf yaaleera.
Jiraattuun naannawaa sanaa Liindaa Elmeer jedhamtu jawween kun abbaa isaatiif akka deebiyu taasifteetti.
"Foddaa gamoo tokkoffaa irra jiruun mana seenuudhaaf yeroo yaalutti namoonni ammoo yeroo mukaan dhiibanitti konkolaata isaaniirratti kufaniiru. Jawween kun baayyee guddaadha. Namoonni karaa sana darbaa wayita jiranitti jawwee kana argan baayyee rifataniiru," jette.
Namoonni naannawaa sanaa dubartii ijaan argite kana akka abbaa jawwichaa barbaadduuf gaafataniiru.
"Isaan booda jawwee sana nan kaase. Jawwee baayyee guddaa waan ta'eef natti ulfaatee ture. Haata'u malee, namni na gargaaruuf barbaadellee hin jiru. Jawween faana 18 dheeratu kun qaama kootti maramee gara mana abbaa jawwichaan deeme," jechuun waanta ta'e ibsiti.
Kanaan dura qaamni bineensota to'atu, namoonni bofa qaban of eeggannoo addaatiin akka qabatan akeekkachiisa darbarsee ture.
Ho'a Awurooppaa yeroo ammaa mudaterraa kan ka'een bofoonni mana isaanii keessaa carraan miliqanii itti bahan akka bal'aa ta'us akeekkachiifni kun itti dabaluun ibseera.
Jawwee kana abbaa isaatiif kanb deebiste Liindaa Elmer, Jawween Barmiiz jedhamu kun madaqaafi bareedaadha. dheekkamaa miti. Aniyyu jawwee tokko qaban ture. Kanaaf, jawween kun yeroon hammadhutti ana hin sodaachifne," jetteetti.












