Namtichi Ameerikaa reeffi isaa bofa 100 oliin marfamee argame

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Ameerikaa mana isaatti du’ee gosoota bofaa hamoo fi summaa'oo tahan hedduun marfamee argame.
Taateen kun kan mudate Ameerikaa bulchiinsa Meerilaanditti wayita tahu, warra ollaa isaatu mana namticha du’aan isaa argame dhaqanii lafa of wallaale ciisutti argan - achiis poolisii yaaman.
Poolisoonni wayita mana isaa qaqqabanitti bofoota summaa’oo nama hiddanii fi nama hin hiddine 124 mana isaatti argan.
Bofoota kana keessatti gosti bofa balaafamaa ta’e kobraa, bofa hoollattaa (rattlesnake) fi jawwee fa'i keessatti argamu.
Bofoota kanneen keessaa dheeraan Jawwee Barmaa kan jedhamee waamamu yoo ta’u, faana 14 dheerata.
Bofti kun taankarii keessa kan jiran ta’ullee ogeessa bineensota to’achuu danda’utu bakka sanatti waamame.
Namtichi du'ee argame gannisaa 49 oggaa tahu, haga ammaa maqaan isaa hin eeramne.
Amma yoonaattis du’a namtichaaf ka’umsi maali kan jedhu kan hin baramne yoo tahu, poolisoonnis yakki raawwatamuu ragaan agarsiisu hin jiru jedhan.
Maaltu du’a isaaf ka’umsa akka ta’e adda baasuuf qorannoon reeffaa isaa ni gaggeeffamas jedhameera.
Giddugaleessi to’annoo bineensotaa Bulchiinsa Chaarlas dhiyeenyatti argamu, deeggarsa ogeeyyii Kaaba Kaaroliyanaa fi fi Vaarrjiniyaarraa argatuun reppitaayiloota kana iddoo biroo geessuuf hojii lubbuu baraarsaa qindeessa jira.
Dubbi himtuun giddugaleessa kanaa BBCtti akka himanitti, ''bofoonni hundi to’annoo dhaabbilee eeyyamaafi aangoo qabaniif dabarfamaa,'' akka jiran himan.
Dabaluunis, kanneen keessaa bineensonni muraasa namoota eeyyama qabaniif dabarfamuu ni danda'u jedhaniiru.
Kutaa biyyaa Meerilaanditti bofa summaa’aa manaa qabaachuun seeraan ala.
















