Bofni mataa lamaa, ija afurii Ameerikaatti argame

Madda suuraa, David Schneider, Herpetological Associates
Butiin bofaa mataa lama qabuufi gosa biraa hin qabne bosona bulchiinsa Ameerikaa Niw Jersii keessatti argame.
Maqaan reeppitaayilii kanaa Afaan Ingiliziin 'Double Dave' jedhaniin kuni ji'a darbe kanneen naannoo qorataniin argame.
Bofni summii qabu kuni ,mataa of danda'e lama, ija afur akkasumas arraba qofa qofaatti socho'an lama qaba.
''Bosona kana keessa jiraachun bofa kanaaf rakkisaadha,'' jedhu qorataan naannoo Deev Shinaayider.
Bineensi kaan isa adamsuu danda'a jechuun himu.
Bofni mataa lamaa qabu akkuma daa'imman walitti hidhamanii dhalataniiti. Akka lakkuutti guddinni isaanii eegalee xumuramuu gaafa dhabu kuni dhalata.
Maqaan bofichi itti mogga'es maqaa namoota lama waa'ee naannoo qorataniini.
Dhaabbata Herpetolojikaal Asoosiyeet (HA) jedhamu irra Obbo Shinaayider BBC'tti akka himanitti bofa gosa biraa hin qabne kununsuuf bulchiinsi Ameerikaa isaaniif eeyyameera.
''Ni kununsina,'' jedhan.












