Awustiraaliyaa daandii guddaarratti bofti ija sadii qabu argame

Bofa ija sadii qabu

Madda suuraa, NT PARKS AND WILDLIFE

Ibsa waa'ee suuraa, Ija isaa sadeenuu ni hojjetu

Qondaaloti dhimma bineensota bosonaa suuraa bofa ija sadii qaba kan Awustiraaliyaa Kaabaatti argame qoodaniiru.

Tajaajilli Paarkii Daangaa Kaaba Awustiraaliyaa, waan kana dura argamee hin beekne akka argan dubbate.

Ogeessoti iji gubbaa addasaarratti bofichaa irratti argamu, jijjiirama uumamaan dhufe dha jedhu.

Bofichi naannoo magaalaa Haamtii Doo jedhamtutti argame.

Lubbuu qabeessi cm40 dheeratu kuni akka-malee uumamuusaan, soorachuuf wal'aansoorra ture jechuun qondaaloti BBCtti himan.

'Waan uumama'

Tajaajjilli eegumsa bineensotaa, qorannoon X-ray bofichi buqqee mataa lama akka hin dhalanne agarsiisa.

''Garuu, buqqee mataa tokko bakka ijaa dabalataa tokko wajjiniifi ija hojjetu sadii wajjin argame,'' jedhan.

Bofa ija sadii qabu

Madda suuraa, NT PARKS AND WILDLIFE

Ibsa waa'ee suuraa, Boficha nyaatasaa sorachuuf wal'aansoorra ture

Piroofeesarri waa'ee bofaa qo'atu Biraayaan Firaay, kuni jijjirama uumamaa suutaati jedhan.

''Ilmooleen dhalatan hundi gama tokkon jijjiirama akkasii agarsiisuu danda'u kuni garuu kana namatti hin tolleefi boca akka malee qabu dha'' jedhu piroofesarichi yunivarsiitii Kuwiinsalaand.

Kana dura bofa ija lama qabu arge hin beeku garuu bofti guddaa mataa lama qabu laaboraatorii keenya keessa jira jedhan.