Bofti pireezidaantii Laayibeeriyaa Joorji Wiihaa waajjiraa baase

Madda suuraa, AFP/Getty
Pireezidaantiin Laayibeeriyaa Joorji Wiihaa erga bofti lama waajjira isaaniitti argameen booda mana taa'anii hojjechaa akka jiran BBCn mirkaneesseera.
Dubbi-himaan pireezidaantichaa Ismiiz Toobii gaafa Roobii gamoo Waajjira Dhimma Alaa iddoo waajjirri pireezidaantii argamu bofti gurraachi lama argamuu dubbataniiru
Hojjettoonnis hanga Ebla 22tti akka hin dhufne itti himameera.
Kunis wantoonni lafarra munyuuqaniifi nama sodaachisan gamoo san keessa baafamanii akka dhuman mirkaneessuufi jedhan dubbii himaan
Hojjettoonni bofti gara gamoo keessummaan simatamutti yeroo galuuf jedhu haleeluuf yaalaa turan.
''Bofti lameenuu ajjeefamaniiru,'' qaawwii isaan deebi'anii itti dhufan jira ture'' jedhan Toobiin.
Pireezidaantichi poolisiifi eegdotaan mana isaanii magaala guddoo biyyattii Monorooviyaa jirutti eegumsi taasifamaafi hojii isaanii hojjechaa jiru.
Toobiin gamoon Ministirri Dhimma Alaa qorichaan qulqulleefamuu jalqabeera jedhaniiru.
''Gamoon sun waggootii dheeraaf achi waan tureefi ujummoo dhangala'aan keessa yaa'u keessa bofti munyuuqu carraan jiraachuu guddaa dha'' jedhu
Bofti jiru argamee ajjeefamuu baatellee gaafa wiixataa pireezidaantichi gara waajjira isaanitti ni deebi'uu jedhaniiru dubbii himaan.













