Mar'ataan silmiin 500 qaama isaa irraatti argame, dhibee hir'ina dhiigaaf yaalame

Mar'ataa maqaa Naayik jedhamuun beekamu

Madda suuraa, CURRUMBIN WILDLIFE HOSPITAL

Ibsa waa'ee suuraa, Mar'ataa maqaa Naayik jedhamuun beekamu

Bofti qaama isaa irraatti silmiin 500 ol ta'u argame baay'ee dadhabuun erga argamee dhibee hir'ina dhiigaaf saaxilamuu isa ogeessooni himaniiru.

Kun Awustiraaliyaa Gooldi Kosti naannoo Kiwiinsi Laanditti kan raawwate yoo tahu warri bofa qabuun beekaman torban darbe kuusaa bishaan daakaa keessaa baasan.

Bofti yaaliin taasifameefii kun maqaa masoo Naayik jedhamus qaba. Faalama isa mudate irraas akka bayyaannatuuf ogeessotni yaalii bineeldotaa yaalii taasisaniiruuf.

Dhibeen isa mudate sochii waan isa dhorkeef silmiin 500 ol qaama isaa irra akka qubatan taasisuusa Hospitaalli Kurumbin jedhamu bineensota bosonaaf yaalii taasisu himeera.

Ogeessooni silmii 500 ol qaama mar'ataa irraa balleessan

Madda suuraa, Gold coast and brisbane snake catcher/facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Ogeessooni silmii 500 ol qaama mar'ataa irraa balleessan

Ji'oota dhufan keessattis akkuma yaalii guutuu argateen mar'ataa kana gara bosonaatti akka gadhiisuuu dhaabbanni tajaajila bineensotaa beeksiseera.

Dhibee hir'ina dhiigaa isa mudate kanaafis dhiiga dabalatee akka soorata argatu tahaa jira. Silmiin dhiigaa bineensaa xuuxuun dhibee hir'ina dhiigaa fiduu danda'u.