Jawween guddoo hanga kuntaala tokko ulfaattu Ameerikaatti qabamte

Jawween kuni jawwee hanga ammaa bulchiinsicha keessa qabaman keessaa guddoodha

Madda suuraa, CONSERVANCY OF SOUTHWEST FLORIDA

Jawween kuni dhaltuudha. Yeroo xumuraafis bineensa bosona fakkaatu liqimsite.

Osoo bofa korma ta’e waliin wal arguuf jiranii bulchiinsa Ameerikaa Foloridaa keessatti qabamte, ajjeefamtes.

Jawween kuni 98kg ulfaatti, akkasumas 5m dheeratti. Qorattoonni ishee qabachuuf bofa kormaa faana bu’an. 

Gaafa Roobii yeroo ishee qaban daqiiqaa 20’f isaan wal’aansoo qabattee akka turte himan.

Bulchiinsa Ameerikaa kanatti jawween akkaan baay’ataniiru, bineensi isaan adamsu guddaanis waan hin jirreef sanyiiwwan dur turan dorgomuu gahaniiru.

Bofi gurguddoon bulchiinsa Filoridaatti yeroo yerootti qabamu.

Kunis namoonni isaan horsiisan gadhiisanii yookiin akka baqatan godhan booda qilleensa Filoridaatti horanii baay’atani.

Akka baayolojistii bulchinsichaa Iyaan Baartoszek jedhanitti osoo jawween kuni asiin gadi dhaabani hojjaan ishee hanga satawwaa gaha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Jawween sanyiin ishee kan Barmaa, kan Eeshiyaatti beekamu, taate kuni qorattootaan ajjeefamteetti.

Jalqaba bosona Everglades jedhamu keessa ishee argatani. Ishee qabachuufis jawwee kormaa tamsaasa raadiyoo ofirraa qabu hordofani. 

Osoo hordofaniin jawween kormaa kuni Lixa bosonichaatti dhaabate.

‘’Waa malee akka achi hin dhaqne barre, jawwee dhaltuu guddoo taate gareen kuni qabate achitti qabates,’’ jedhan baayolojistiin kuni.

Ulfa akka taateefi hanqaaquu 122 of keessaa qabaachuun ishees barameera.

Jawween kuni yeroo qabamteetti umrii 20 qabaachuu malti jedhameera.

Sanyiiwwan bulchiinsa keessa jiran tiksuuf jecha qorattoonni waggoota kudhan darbaniif jawwee adamsaa jiru. 

Hanga yoonaas dhaabbati kunuunsa bineensotaa Kibbalixa Filooridaa jedhamu jawwee 1,000 ol dhabamsiiseera.

Bulchiinsi Ameerikaa kuni dorgommii hawaasi jawwee akka qabatan taasisus qaba.

Dorgommii kanaafis dorgomtoonni bulchiinsota Ameerikaa 25 irraa dhufan baatii Hagayyaa irratti hirmaatu.

Nama bofa hedduu qabeef dolaara 2,500 akkasumas bofa isa dheeraa nama qabeef dolaara 1,500 badhaasu.

Bara darbe nami jawwee 223 qabate badhaasa guddaa argate. Erga qabaman boofa bofi kunneen ni ajjeefamu.