Itoophiyaan 2022 keessa interneeta cufuun doolaara miiliyoona 146 dhabde

Madda suuraa, Getty Images
Waraanni waggoota lamaan darbaniif Tigraay keessa ture lubbuu namaa qofa miti kan gaaga'e, mootummaan sababii interneeta cufeetiif doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu dhabeera.
Waliigaltee araara buusuu ji'a lama dura mootummaan federaalaa Itoophiyaa fi humnoonni Tigraay Afrikaa Kibbaa magaalaa Piriitooriyaatti mallatteessan booda tajaajilli ibsaa naannoo Tigraayiif deebi'us, interneetiin garuu akkuma bara 2020 adda citetti jira.
Dhaabbanni teessoon isaa Landan ta'ee fi Iccitii, Nageeyummaa fi Walabummaa interneetii qoratu- Top10 VPN jedhamu, gabaasa haaraa baaseen, sababa Tigraay keessatti interneetiin adda citeef qofa bara darbe Itoophiyaan doolaara miiliyoona 145.8 dhabuu eere.
Tarkaanfiin mootummaa Itoophiyaa kun namoota interneeta fayyadaman miiliyoona tokko caalan guddoo miidheeras jedhe.
Akka gabaasa dhaabbata kanaatti, Itoophiyaan bara 2020 sabab interneetii adda kutuun doolaara miiliyoona 100 dhabde, bara 2021 ammoo doolaara miiliyoona 164.5 dhabde, kunimmoo fayyadamtoota interneetii miiliyoona 21.3 ta'an miidheera.
Itoophiyaa naannoo Tigraay keessa sa'atiiwwan 8760 yyn guyyoota 365 darbaniif interneetiin hin turre.
Kun immoo mala kaffaltii dijiitaalaa, biizinasiiwwan, akkasumas quuqamtoota mirga namoomaa daba uummatarratti raawwatame miidiyaa hawaasaan saaxilan danqeera.
Ragaa hanga ammaatti dhiheesse keessaa kan hanga interneetii naannoo Tigraay yeroo dheeraa haganaaf adda cite akka hin jirre ibse Top 10VPN.
Biyyoota addunyaa kaan keessatti interneetiin wayita filannoo, walitti bu'iinsaa fi hookkaraa odeeffannoon walabaan akka hin facaaneef adda cita.
Interneeta adda kutuun akka mala hookkara to'achuutti ilaalama, garuu yeroo mara hin milkaa'u.
Dhaabbata Top 10VPNtti qorataan mirga itti fayyadama teeknooloojii dijiitaalaa Saamu'eel Wuudihaams marsariitii Quartz jedhamutti akka himetti, Itoophiyaan irra deddeebiin interneeta cufuun isheema miidha.
''Miidhaa yeroo dheeraa irraan ga'a. Investaroonni dhimma alaa gara biyyattii seenuuf fedhii dhabaa deemu. Guddinni teeknooloojii biyya keessaas ni quucara,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ammallee taanaan naannoo Tigraayitti interneetiin yoom akka deebi'u wanti beekame hin jiru.
Ministirri Teeknooloojii fi Innooveeshinii Itoophiyaa, yaa'ii interneetii UN Sadaasa darbe gaafa bultii 30 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamerratti, Tigraayitti tajaajila interneetii deebisuuf yeroon kana jedhamee qabame akka hin jirre dubbachuu gabaasi kun eereera.
Dhaabbati kun biyyoota Afrikaa kaan sababa interneeta adda kutaniif doolaara miiliyoonaan lakkaa'amu kasaaran biroos eereera.
Haala kanaan Naayijeeriyaan bara 2022 keessa sa'atiiwwan 287'f interneeta adda kutuusheen doolaara miiliyoona 82.7 dhabdeetti.
Kunis lammiilee biyyattii interneeta fayyadaman miiliyoona 104 miidheera.
Naayijeeriyaan bara 2021 keessa biyyashee keessatti fayyadama tuwiitarii dhorkuun doolaara biiliyoona 1.45 dhabdeetti.
Sudaan keessattis erga Onkoloolessa bara darbee fincila mootummaan aangoo qabatee as, mootummaan amma aangoo harkaa qabu, lammiilee sirna dimokiraasii deeggaruun hiriira turan danquuf jecha interneetii adda kuteera.
Kanaanis biyyattiin doolaara miiliyoona 17.8 dhabdeetti. Kunis fayyadamtoota interneetii miiliyoona 13 caalan miidheera.
Kana malees biyyoonni Afrikaa kanneen akka Burkina Faasoo, Aljeeriyaa, ZImbaabwee, Seeraa Liyoon fi Somaalilaand walduraa duubaan doolaara miiliyoona 12.6, miiliyoona 8, miliyoona 1.6, kuma 300 fi kuma 100 kasaaraniiru.












