Qorannoo duraa: Xiyyaara Indiyaa namoota 260 galaafate akkamiin boba'aan irraa cite?

Xiyyaarri lakkoofsi balalii isaa 171 ta'e bakka jireenyaa irratti kufee miidhaa hamaa uume

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Xiyyaarri lakkoofsi balalii isaa 171 ta'e bakka jireenyaa irratti kufee miidhaa hamaa uume

Xiyyaarri Indiyaa lakkoofsi balalii isaa 171 ta'e Waxabajjii 12, 2025 kufee caccabuun erga lubbuu namoota 260 galaafatee ji'a tokko booda bu'aan qorannoo jalqabaa ibsameera.

Xiyyaarri Booyiing 787 Diriimlaayiner jedhamu kun akkuma lafarraa ka'een sekondoota keessatti boba'aan irraa cite.

Siwiichiin boba'aa kennu tasuma osoo hin yaadamin gara ''cut-off'' geeddarame.

Taateen kun injiiniin xiyyaarichaa boba'aa akka dhabu taasise, kanaan xiyyaarichi anniisaa ittiin imalu dhabuun yeroo xiqqoo booda kufe.

Kutaa addaa paayileetotaa keessaa sagaleen waraabame (cockpit voice recording) paayileetiin inni tokko ''maaliif akka boba'aa dhaamse ykn 'cut-off' kan jedhurra akka godhe'' gaafata.

Kuun ammoo akka kana hin goone deebisaaf.

Wayita xiyyaarichi lafarraa ka'u kan balaliisaa ture gargaaraa paayileetiidha, paayileetiin ammoo hordofaa ture.

Isa booda siwiichiin gara noormaaliitti deebi'ee ture, injiniin badee ture deebi'ee anniisaa argataa ture.

Wayita xiyyaarichi kufu humna godhachuutti deebi'aa ture, injiniin inni kaan ammoo ammallee anniisaa hin arganne, garuu argachuuf yaalaa ture.

Gidduma kanatti xiyyaarichi to'annoon ala ta'e.

Sekondii 40 osoo hin balali'in lixa Indiyaa magaalaa Ahmedabad jedhamu keessatti manneen jireenyaa namootaa irratti kufe.

Kun ammoo seena biyyattii keessatti balaa xiyyaaraa isa hamaa isa taasise.

Erga balaan kun mudatee booda qorattoonni caccabaa xiyyaarichaa fi sagalee kutaa paayileetotaatti waraabame sakatta'aa turan.

Jaarmiyaan imala qilleensaa hordofu Flightradar 24 xiyyaarri kun olka'iinsa faana 625 irra erga ga'ee kufuu ibse.

Kutaa paayileetotaa, Booyiing 787 Diriimlaayinar

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Qorannoo kana aanga'oota Indiyaa fi ogeeyyii Booyiing, Jeneraal Elektirik, Air Indiya, to'attoota Indiyaa, fi ogeeyyii US fi UK irraa walitti dhufantu gaggeessan.

Garuu bu'an qorannoo kanaa gaaffii kaasiseera.

Qaamni boba'aa gara injiinii xiyyaaraatti dabarsu tasa akka hin cufamneef kan tajaajilu lever-lock fuel switches naanneffamuu dura gara alaatti harkifamuun cufamuu qaba.

Of eeggannoon akkanaa kun bara 1950 irraa kaasee xiyyaara kanaaf tolfameera.

''Siwiichii lamaanuu yeroo tokkotti harka tokkoon gara alaatti harkisuun hin danda'amu. Kun balaan tasaa akka mudatu godha,'' jedhe qorataan balaa xiyyaaraa Kanaadaa tokko.

Kanatu balaan xiyyaaraa Indiyaa akka mudatu godhe jechuun BBCtti hime.