Hariiroon Booyiing fi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara bituu fi gurguruun gamatti jiru maali?

Xiyyaara Itoophiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Kubbaaniyyaan guddichi Ameerikaa xiyyaarota, rookeetii, saataalaayitii fi misaa'eloota oomishuun gurguru, Booyiing, damee isaa Itoophiyaa, magaalaa Finfinneetti banuu ibseera.

Booyiing Afrikaa keessaa Afrikaa Kibbaa, Johaanisbarg keessaa waajjira kan qabu yoo ta'u, Itoophiyaan biyya lammaffaadha.

Kubbaaniyyaan kun wayita waajjirasaa Finfinneetti banuu labsu ''Afrikaa keessatti waajjira keenya lammaffaa banachuu keenyaan guddoo gammanneerra,'' jechuun fuula Facebook isaarratti barreesse.

Akka Booyiing jedhutti waajjirri isaa Finfinneetti banamuun maamilootaa fi michoota isaa Afrikaa jiran qixa sirriin tajaajiluu fi walitti dhihaachuun hojjechuuf carraa bal'aa uuma.

Hariiroo waggoota 75 darbaniif Afrikaa waliin qabaachaa turan daran cimsuu fi damee industirii daandii qilleensaa Afrikaa guddisuuf kun kutannoo guddaa ta'uus ibse kubbaaniyyaan kun.

Booyiing akka jedhutti hariiroon Afrikaa waliin qabu xiyyaara gurguruu fi tumsa gama balaliin jiru gochuu qofa miti.

Nageenyummaa fi walitti hidhamiinsa naannoo mirkaneessuu, hariiroo fi qindoomina industirii uumuu, akkasumas tajaajila hawaasaa Afrikaa keessatti kennuuf kutannoo akka qabu ibsa.

Booyiing waggoota 75 darbaniif lafee dugdaa imala qilleensaa biyyoota Afrikaa ture. Ardii kana keessaa daandiiwwan qilleensaa maamila ta'aniif 60 kanneen xiyyaara Booyiing 500 caalan fayyadaman qaba.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkuma Booyiin xiyyaarota gosa haaraa oomishuun gabaaf dhiheessaa deemuun hariiroon biyyoonni Afrikaa kubbaaniyyaa kana waliin qabus jabaataa dhufe.

Keessattuu xiyyaaronni Booyiing- 787 Dreamliner fi 737 MAX biyyoota Afrikaa hedduu keessa galaniiru.

Afrikaa keessaa daandiiwwan qilleensaa biyyoota 55 ta'anii gosoota xiyyaaraa 737 ta'an fayyadamaa jiru.

Xiyyaaronni Booyiing haaraan kunneen Afrikaa seenuun, Itoophiya adabalatee biyyoonni Afrikaa hedduun tajaajila qilleensaa daangaa ce'e haala quubsaa ta'een akka kennan daandii saaqeera.

Haata'u malee erga bara 2019 Bitootessa 10 xiyyaarri Booyiing '737 MAX 8' kan lakkoofsi balalii isaa ET-302 ta'e Itoophiyaatti kufee caccabuun namoonni 157 dhumanii as gosti xiyyaaraa kanaa addunyaa guutuutti yaaddoo uumeera.

Xiyyaarri oomisha Boeing ta'e kun baatiiwwan shan gidduutti yeroo lama balaan isa mudateera. Kunis daandii qilleensaa Itoophiyaa fi kan Indoneeshiyaa Laayiin Air turan.

Kana hordofuun kubbaaniyyichi gosa xiyyaara kanaa oomishuu akka dhaabu beeksisee ture.

Hariiroo Booyiing fi Itoophiyaa

Balaa xiyyaaraa 2019 Itoophiyaatti mudate booda hariiroon Itoophiyaa fi Booyiing akka sodaatame hin taane.

Inumaa Itoophiyaan dhihoo kana xiyyaarota Booyiing 67 bitachuuf ajajjee akka jirtu ibsitee turte.

Kana jechuun hariiroon Booyiing fi Itoophiyaa akkuma duraatti itti fufa jechuudhaa? jechuun BBC hoogganaa olaanaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo gaafateera.

Obbo Masfin hariiroon Booying fi Daandii Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaarota bituu fi gurguruu qofaan kan daanga'u miti jedhan.

''Walitti dhufeenyi keenya dameewwan garaagaraa of keessaa qaba. Qaamolee xiyyaaraa keessaa filannee Itoophiyaa keessatti oomishnee Booyingiif ni dhiheessina. Kunis xiyyaarota haaraa oomishuuf oola,'' jedhan.

''Kanaafuu hariiroon keenya baayyee cimaadha.''

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Afrikaa keessaa sadarkaa sadaffaarratti argama. Gabaasi Waldaa Daandiiwwan Qilleensaa Afrikaa bara 2024 ba'e akka mul'isutti Daandiin Qilleensaa Idiladdunyaa Kaayiroo, Masrii, kurmaana jalqabaatti imaltoota miiliyoona ja'atti siqan tajaajiluun isa guddicha ta'eera.

Kanatti aanee kan jiru Daandii Qilleensaa Idiladdunyaa O.R. Tambo, Afrikaa Kibbaatu jira. Sadaffaarratti Daandii Qilleensaa Idiladdunyaa Booleetu argama.

Itoophiyaan daandii qilleensaa Afrikaa keessatti isa guddicha ta'e waggoota afran dhufan keessatti ijaaruuf akka jirtu ibsiteetti.

Daandiin qilleensaa kun bara 2010 keessa wayita galma kaa'atu, bara kanaatti galii waggaa doolaara biiliyoona 10 argachuuf akka hojjetu ibsee ture.

Itoophiyaan galma kaa'ame kana bira geesseettii? Hoogganaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo akkas jedhu:

''Bara darbe (2023/24) galii waggaa doolaara biiliyoona torba arganneerra. Bara kana ji'a Waxabajjiitti doolaara biiliyoona saddeet eegna.''

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Afrikaa keessatti saffisaan guddataa jira, daandiiwwan qilleensaa kaan kanneen akka Maalaawii, Toogoo, Zaambiyaa faana hariiroon uumuun hojjetaa jira.

Garuu gatiin geejjibaa toora kanarra jiru akkaan dabaleera, kun maaliif ta'e jennee Obbo Masfin gaafanneerra.

''Daandiiwwan qilleensaa iddoo buufatanitti maallaqa guddaa kaffalu. Gatiin boba'aa kan Afrikaa keessa jiru kan addunyaa kaanii hunda caala. Daandiiwwan qilleensaa Afrikaa keessa jiranirra gibirri kaa'amu bakka biraa hin jiru.Baayyee guddaadha. Kun hundi Afrikaa keessatti gatiin imala qilleensaa akka dabaluuf sababa ta'an,'' jedhan.

Waa'ee Buufata Xiyyaaraa haaraa...

Hoogganaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo waa'ee buufata xiyyaaraa haaraa irratti BBCtti dubbatan
Ibsa waa'ee suuraa, Hoogganaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasoo waa'ee buufata xiyyaaraa haaraa irratti BBCtti dubbatan

Itoophiyaan buufata qilleensaa amma jiru- Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Booleetiin alatti buufata xiyyaaraa akka Afrikaatti isa guddaa ta'e waggoota afran dhufan keessatti ijaartee xumuruuf karoorfachuu ibsiteetti.

Obbo Masfin Xaasoo buufati xiyyaaraa kun marsaa lamaan hojjetama jedhan. Waliigalatti garuu waggaatti imaltoota miiliyoona 110 tajaajila jedhan.

''Marsaan jalqabaa imaltoota miiliyoona 60, marsaan lammataa imaltoota miiliyoona 50 tajaajila. Marsaan jalqabaa bara 2029 xumurama.''

Buufati Xiyyaaraa Idiladdunyaa Boolee waggoota kurna hedduuf tajaajila kennaa kan ture ta'uu fi waggaa waggaan daandiin qilleensaa Itoophiyaa daran guddachaa jiraachuun buufata haaraaf ijaaruuf akka isaan dirqamsiise BBCtti himan Obbo Masfin.

''Buufata ture kana babal'isaa turreerra. Garuu daangaa tajaajiluu danda'u ga'eera. Humnasaa ol ta'e. Waggaatti imaltoota miiliyoona 25 ol tajaajiluu hin danda'u.''

Sababa pirojektii kanaa qonnaan bultoota lafti irraa fudhatameef beenyaa kaffaluu ilaalchisee waan daandiin qilleensaa kun hojjetaa jiru irratti BBCn Obbo Masfin gaafateera.

Yeroo ammaa abbootiin warraa 2500 ta'an lafa kana fayyadamaa jiru kan jedhan Obbo Masfin, lafti kunis heekataara 3500 ta'a jedhan.

''Qonnaan bultootaaf manneen jireenyaa ijaaraa jirra. Akkasumas akkaataasaan ittiin jireenyasaanii gaggeeffatanirrattis haala mijeessaafii jirra,'' jedhan.

Misooma qonnaa fi oomishaalee qonnaa, daldalaa fi maloota diinagdee kaan mijeessaa jirra jedhan hoogganaan kun.

''Sadaasa dhufurraa kaasnee qonnaan bultoota iddoo jireenyaa haaraa qopheessinetti dabarsina. Xumura ji'a Sadaasaatti ammoo ijaarsa eegalla.''