Gatiin tikeettii xiyyaaraa maaliif akka malee qaala'e? Hir'achuu danda'aa?

Madda suuraa, Getty Images
Dhiyeenya kana imaltoonni Daandii Qilleensaa Itoophipaatiin Finfinneetii gara magaalaa Keeniyaa, Naayiroobii deeman mataa mataatti Birrii kuma 28 kaffalleerra jedhu.
Hiriyyoonni kunneen sadan fageenya giddu-galeessaan sa'aatii 1:45 fudhatu balalii 'Ikonoomii Kilaas' ta'eef dhaqaa galatti walumaa gala Birrii kuma 84 kaffalaniiru.
Dhugaadha, gatiin xiyyaaraan balali'uu guyyaafi sa'aatii imalaan itti filatuufi filannoo 'Ikonomiifi Biizinas Kilaasii' isaarratti hundaa'uun adda ta'uu danda'a.
Ta'us garuu erga weerarri COVID-19 mudatee booda keessumaa ardii Afrikaa keessatti xiyyaaraan imaluun warra humna isaa qabaniif qofa ta'eera.
Lammiin Itoophiyaa akka maqaan isaa dhahamu hin barbaadne tokko gatiin tikkeettii xiyyaaraa akka malee waan qaala'eef "karaa Moyyaalee atoobusiidhaan biyya galeen deebiye" jedha. Namni kun kanaan dura garuu xiyyaaraan deddeebiya ture.
Daandiin Qilleensa Keeniyaa bara darbe balali'uuf maallaqa guddaa kaffalchiisuudhaan Afrikaa keessatti adda duree ta'ee ture.
Daandiin Qilleensaa Keeniyaa kun daandiiwwan qilleensaa gurgguddoofi bebbeekamoo akka Daandii Qilleensaa Itoophiyaa, Daandii Qilleensaa Afrikaa Kibbaa, akkasumas Ayir Firaans caalaa gatii tikkeettii kaffalchiisa jedhameera.
Maqaa gabaajee KQ jedhamuun kan beekamu Daandiin Qilleensaa Keeniyaa qaala'aadha kan jedhameef gatii inni yeroo gara biyyoota Afrikaa 24tti balali'u qoratamee liaalameeti.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Weebsaayitiin African Competition jedhamu balalii biyya keessaafi idil-addunyaatiif maallaqa guddaa kaffalchiisa jechuun barreesseera.
Haata'u malee, Daandiin Qilleensaa Afrikaa Kibbaafi Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa daandiiwwan qilleensaa Afrikaa keessa jiran keessaa gatii tikkeettii xiyyaaraan balali'uuf maallaqa guddaa kaffalchiisan keessaati.
Weerara Covid-19 fi waraana Yukireen mudachuu hordofee gatiin balalii xiyyaaraa eessattiyyu dabalus, addatti balaliiwwan Afrikaa keessaa gara malee qaala'uurra darbee 'ibidda buusuun' isaa ijoo dubbii ta'eera.
Yeroo dhiyoo Biriitish Ayirway fayyadamuun Naayiroobii gahee deebiyuudhaaf tikkeettii Paawondii 800tti dhiyaatuun akka bitate dubbata Zuurich. Kun daandii dheeraa, saatii dheeraa fudhatuuf kan kaffalamedha.
Faallaa kanaan ammoo Fiigicha Guddicha (Great Run) Finfinneetti gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaaf gara Itoophiyaatti balali’uudhaaf karoorfattee gatiin tikkeettii dolaara 800 ta’uu fuula tiwiitara isheerratti barreessiteetti Miishel.
Dolaarri 800 ammoo sharafa amma jiruun Shilingii Keeniyaa kuma 97 ta’a.
Weerara COVID dura Daandii Qilleensaa Itoophiyaatiinis ta’e KQ'tiin Naayiroobiitii Finfinnee gahanii deebiyuudhaaf Shilingii kuma 19-25 gaafata ture.
Gatiin tekkeettii xiyyaaraa yeroo gababaa kana keessatti maaliif akkas qaala’ee? Gatiin boba’aa dabaluumoo sababiin biraa jiraa?
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1
COVID fi waraana
Ofisarri Olaanaa Opereeshinii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa (CCO) Obbo Lammaa Yaadechaa sababiin tikkeettiin akka qaala'u taasise tokko "gibira" mootummoonni nu kaffachiisanidha jedhu.
Akka Obbo Lammaan jedhanitti, gatiin balalii xiyyaaraa kan shallagamu baasii baasisu irratt hundaa'uudhaan ta'a.
Akka qondaalli olaanaan kun jedhanitti, Daandiin Qilleensaa yeroo balali'utti baasii baasuufi tajaajilawwan dhiyeessu ilaalcha keessa galchuudhaan gatii baasa.
Kana fakkeenyaan yeroo ibsanitti, namni tokko Daandii Qilleensaa Itoophiyaatiin Afrikaa Kibbaa irraa ka'ee Naayiroobii qubatee gara Finfinnee yoo dhufu itti toluu dhiisuu danda'a jedhu.
"Xiyyaarichi kallattiidhaan dhufuurra magaalaa tokkorraa gara biraatti daddarbaa kan deemu yoo ta'e, kun imalaan tokko akka itti hin tolle godha.
Kanaaf, kallattiidhaan yoo dhufu gatiin isaa ni dabala; magaalaa tokkorraa kaanitti daddarbaa dhufe taanaan garuu gatiin isaa hir'achuu danda'a," jedhu.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa yeroo baayyee biyyoota Afrikaa, Awurooppaa, Eeshiyaafi Ameeriaatti balalii kallattii akka taasisu kan himan qondaalli olaanaa kun, kana jechuun ammoo maamiltoonni osoo hin rakkatiin itti tolee imalu jechuudha.
Kanaaf, akkaataa gabaa jiruutti kaffaltii ol ka'aa ta'e kaffaluu akka danda'an ibsu.
Wanti biraan qaala'insa tikkeettii xiyyaaraatiif sababa jedhanii kaasan gatiin boba'aa gabaa adunyaa irratti qaala'uu isaati.
Kanarra darbee ammoo weerarri COVID mudachuu isaa hordofee kaffaltaan tajajailawwan buufataaleen xiyyaaraa dabaluu akka ta'e kaasu CCOn Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kun.
Dhaabbileen daandiiwwan xiyyaaraafi buufataaleen xiyyaaraatti imaltoota galmeessuurraa kaasee fe'uu, nyaata dhiyeessuu, boba'aa guutuu, hojii qulqulleessuufi tajaajilawwan kaan dhiyeessan gatii isaan kaffalchiisan dabaluun isaa akka tikkeettiin qaala'uuf sababa ta'eera.
"Baasiiwwan kunneen yeroo dabalaa deemanitti nuti ammoo kaffaltaa kana bakka buusu ni gaafanna."

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa kan of bulchu maallaqa ofii isaatiin hojjetee argatuun ta'uu kan himan Obbo Lammaan, "Galii hojjetee argaturraa ammoo baasii isaa danda'achuun isarra jiraata," jedhu.
Kaayyoon dhaabbatichaa tokko, "Maamiltoota gara Itoophiyaa dhufaniifi lammileen Itoophiyaa tajaajiluudha," kan jedhan Obbo Lammaan, "hojii isaa waliigalaa keessatti yeroo bu'a qabeessa ta'u toorawwan balalii tokko tokkotti ammoo kasaaraadhaanis ta'u bu'aa karaa biraan argachuu danda'uun hojjenna," jechuun ibsu.
Warri Daandii Qilleensaa Itoophiyaa dorgoman tokko tokko yeroo tokko tokko gatii gadi aanaa dhiyeessuu akka danda'an kan himan qondaalli olaanaa kun, "Daandii qilleensaa biyyaalessaa yoo ta'u ammoo mootummaa biyya ofii isaatiinillee gargaaramuu danda'a," jechuun ibsu.
"Akkuma beektan wayita weerarri Covid hammaatee [hojiin dhaabbatetti] Daandii Qilleensa Itoophiyaafi kan biraa tokko qofatu addunyaa kanarraa kan maallaqa kasaaraa ittiin dandamachuu [bailout] hin fudhatiin hafe.
Nuti baasiiwwan keenyaafi galiiwwan keenya sirriitti waliin madaalchifneeti kan hojjennu."
Hogganaan kun akka jedhanitti, gatiin tikkeettii yeroo tikkeettichi bitamurratti hundaa'uunis qaalii ta'uu ni danda'a.
Fakkeenyaaf, maamilli tokko tikkeettii kan bitate balali'uudhaaf ji'a ja'a dura yoo ta'e gatiin isaa hir'achuu danda'a.
Kun ammoo kan ta'uuf Daandiin Qilleensichaa maallaqa sana fudhatee waan ittiin hojjetuuf kun ilaalcha keessa galee hir'achuu akka danda'u addeessu.
Faallaa kanaan ammoo tikkeettichi kan bitame balal'uudhaaf yeroon gabaabaan wayita hafutti ykn dhiyaatetti taanaan gatiin isaa ol ka'aa ta'uu danda'a.
Kana nuti 'bid pricing' jenna jechuun ibsan Obbo Lammaan.
'Bid pricing' maala akka ta'e yeroo ibsan, maamiltoonni teessuma hafan irratti yeroo dorgomanitti kan gatii caalu kaffale ni argata jechuudha jedhu.
Bara 2022 keessa gatiin tikkeettii industirii aveeshinii akka dabalu kan taasisan sababoota garagaraati jedhu aanga'aan KQ BBCn dubbise.
Itoophiyaatti manaajera KQ kan ta'an Feliiks Miwaangaang gatiin tikkeettii fedhii gabaarra jiruufi dhiyeessii jirurratti hundaa'uun kan murta'udha jedhu.
Feliiks akka jedhanitti, weerara Covid dura industiriin kun tumsa [diggomaa] ni argata ture; haata'u malee, 'diggomaan' kun Covid booda baayyee hin jiru.
Aanga'aan kun akka himanitti taanaan, keessumaa ardii Afrikaarra dhiyeessiin jiru daandiiwwan qilleensaa murtaa'anirratti kan hirkate ta'uun isaa gatii tikkeettiirratti jijjiiramni akka mul'atu taasiseera.
"Daandiiwwan qilleensaa Afrikaa keessa hojjetan muraasadha. Kana jechuun ammoo dhiyeessiin jiru murtaa'aadha jechuudha. Kan ammoo karaa biraatiin akka gatiin balalii qaala'u taasisa."
Qondaallii KQ kun weerara Covid booda fedhiin dabaluu eeruun, kana hordofee gatiin tikkeettii ol ka'uusaa dubbatu.
Itti dabaluunis, maamiltoonni balalii Afrikaa keessa taasisaniif kutaa addunyaa kamirrayyu taa'anii tikkeettii yoo muratan gatiin isaa wal fakkaataa ta'a jedhu.
Feliiks itti dabalauun akkuma Ofisara Olaanaa Oppereeshinii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Lammaa, maamiltoonni yeroo balali'uun dhiyaatutti tikkeettii kan bitatan yoo ta'e gatiin isaa ol ka'uu akka danda'u ibsu.
Gibira [high tax ykn high government tax] jedhamuun kan beekamu gosti gibiraa akka gatiin tikkeettii qaala'uuf gahee qabaachuu BBC'tti himu.
Kana jechuun ammoo, biyya daandiin qilleensaa sun keessa qubatu keessatti tajaajila kaffalchiisudha.
"Fakkeenyaaf, Naayiroobiirraa gara Entebee yeroo deemamutti kaffaltaan ka'umsaa mootummaatif kaffalamu jira. Kun gatii balaliirratti jijjiirama fida. Yeroo tokko tokko gibirri mootummaa gatii tikkeettii dhibbentaa 30 ta'a."
"Gibira mootummaa"
Dhuma bara 2022 keessa sababiiwwan balaliin karoorfame haqamuu, miini dhabamuufi balaliiwwan boodatti harkifachuun bara maamiltoonni baayyee itti rakkatan ta'ee galmaa'eera.
Daandiiwwan qilleensaa hedduun weerara Covid dura galiifi baayyina balali'uu karooratanii turan qaqqabuuf jecha tarkaanfii fudhataniin industiricha keessatti gatiin dabaluun akka malee mul'ateera.
Hoji-gaggeessaan Waldaa Tajaajila Daandii Qilleensaa Idil-addunyaa (IATA) Wiilii Weliish sababa gatiin boba'aa dabaleef tikkeetiin balalii "shakkii tokko malee ni dabala" jechuun BBCtti himanii turan.
Waldichi akka jedhutti, bara 2021 keessa industiriin aveeshinii dolaara biliyoona 15 ol kasaareera.
Akka Qondaalli olaanaa Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Lammaan eeranitti, yeroo weerara Covid sana mootummaa irraa 'diggomaa' kan hin fudhatiin hafe 'ET'n xiyyaarawwan fe'insaatiin tajaajila kennuun bu'a-qabeessa akka ture himeera.
Haata'u malee, ardii Afrikaa irratti guddinaafi milkaa'ina isaatiin kan itti gitu kan hin jirre Daandiin Qilleensaa Itoophiyaas ta'e daandiiwwan qilleensaa biroon gatiin tikkeettii isaanii humnaa ol qaala'eera.
Komii maamiltoota hedduu kan ta'e ammoo balaliiwwan fageenya gabaaboo ta'an hanga yaadamaniin ol qaala'uu isaaniiti.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa kanaaf deebii qabaa laata?
Kanaaf sababiin 'Revenue management' ta'a jedhu Obbo Lammaan.
"Fakkeenyaaf, Finfinnee irraa gara Asmaraatti yeroo balaliinu kaffaltaawwan Asmaraatti kafalu ni jiru. Gibira mootummaan muru jechuudha.
Ingilizitti taaksiin buufata xiyyaaraatiif kaffalamu guddaadha kan jedhan aanga'aan kun, bishaan jijjiiruu, boba'aa guutuufi hojiiwwan lafarratti buufata keessatti hojjetaman dhaabbileen hojjetan kaffaltaan isaanii guddaa akka ta'e ibsu.
Yeroo baayyee Daandiin Qilleensichaa gara biyyoota fagoo akka Awurooppaafi Ameerikaatti yeroo imalutti filannoowwan waan qabuuf dhaabbileen gatii salphaa dhiyeessan waliin hojjechuu danda'a kan jedhan qondaalli kun, biyyoota Afrikaatti garuu dhaabbata tokkoon ykn muraasaan waan dhuunfatamuuf [monoppoliidhaan] waan qabatamuuf garaa garummaa gatii uumuu danda'a.
"Carraa dhabnee Daandiin Qilleensichaa ardii adda-durummaan keessa hojjetu Afrikaa keessatti baasiin biizinasa hojjechuu[cost of business] baayyee ol ka'aadha kan jedhan Obbo Lammaan, sababa kanaan gatiin tikkeettii akka qaala'u ta'eera jechuun ibsu.
Seerawwan taaksii biyyoota gara garaas gatiin tikkeettii akka ol ka'uuf gahee qabaachuu kan himan Obbo Lammaan, biyyoonni tokko tokko gibira galii dabalatee dachaa akka kaffalchiisan dubbatu.
"Mootummaa Itoophiyaafi mootummaa biyya gara balaliin itti taasifamuu gidduutti waliigalteen 'taaks avooyidaansi' jiraannaan gibiricha Itoophiyaa keessatti malee biyya alaatti hin kaffalu."
'Taaks avooyidaans' jechuun gibira ykn taaksii fudhachuu dhiisuu akka jechuuti.
Haata'u malee, waliigalteen 'taaks avooyidaansi hin jiru taanaan gatiin tikkeettii akka dabalu taasisuu mala jedhu.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2
Aanga’aan Itoophiyaatti hogganaa KQ ta’an Feliiks sababa balaliin fageenya gabaabaa isa dheeraa ta’e caalaa itti qaala’aa ta’e ibsu.
“Fakkeenyaaf, balaliin gara Dubaayitti taasifamu sa’aatii dheeraa fudhata. Kanaaf ammo balalii gabaabaa sa’aatii tokko ykn lama fudhatuun ol gatiin isaa qaala’uu qaba jechuu miti.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii Naayiroobiirraa gara Finfinneetti taasisu caalaa Naayiroobiirraa gara Dubaayitti taasisu gatii gadi aanaatiin tikkeetii gurgura.”
Naayiroobiirraa gara Finfinneetti balaliin taasifamu sa’aatii tokkoofi walkkaatii hanga sa’aatii lamaa yoo fudhatu, Naayiroobiirraa gara Dubaayitti ammo balalii sa’aatii ja’a fudhachuu danda’udha.
Balaliin Keeniyaa Ayirways haaluma walfakkaatuun, balalii fageenya gababaatiif gatiin kaffalchiisu kan ol ka’edha komiin jedhu irratti ni dhiyaata.
Kun kan ta’eef ‘value based pricing’ waan fayyadamnuuf kaffaltaan ol ka’uu danda’a jedhu Feliks.
“Gatiifi gabaan tajaajila ani dhiyeessurra gatiin jiru hangamidha? Kan jedhuti ilaalama.Gatiin kun ammoo dorgommii gabaarra jiruun kan murtaa’u ta’a. Kanaaf, balaliiwwan fageenyatti taasifaman kanneen dhiyeenyatti ykn gabaabaatti taasifaman waliin yeroo ilaalaman gatiin isaa gadi aanaa akka ta’u kan taasisu dandeettii dhiyeessii jirudha.”
Balaliin dhiyeentatti taasifamu isa fagootti taasifamu akka caalaa qaala’u sababiin taasise biraan lakkoofsi dhaabbileen tajaajila kennan xiqqaachuu isaati jedhu itti gaafatamaan kun.
Balalii Finfinneetii gara Naayiroobiitti; Naayiroobiirraa gara Finfinneetti taasifamu akka fakkeenyaatti kan kaasan Feliiks, kun kan tajajaila kennan ‘KQ’ fi ‘ET’ waan ta;aniifidha jedhu.
Daandiiwwan qilleensaa biro biyyoota birootii ka’an tajaajila kana kennuu danda’anis sa’aatiin fudhatu garuu dheeraa ta’uu akka danda’u eeru.
Daandiiwwan qilleensaa balalii gabaabaa tajaajilan muraasa ta’uu isaaniitiin dorgommiin waan jiraatuuf gatiin isaa akka ol ka’u taasisu malas jedhu.
Maamiltoonni garalafa itti imalaniitti kallattiidhaan osoo hin taane daddabarsaan yeroo imalanitti gatiin isaa kan hir’atuuf sa’aatiin isaan fudhati isa kallattiidhaan ta’e caalaa waan itti fudhatuuf akka ta’es ibsu.

Gatiin balali'uu gara fuula duraatti hir'achuu danda'aa?
Haala amma jiru kanaan wanti akka gatiin tikkeettii xiyyaaraa akka hir'atu taasisan argachuun rakkisaadha jedhu xiinxaltoonni industirii kana keessa beekan.
Emiratis, Daandiin Qilleensaa Jaappaan, Aiy Eeshiyaa.... daandiiwwan qilleensaa gatiin tikkeettii isaanii akka dabalu taasisan keessaa eeramu.
Sababa weerara Covid, gatiin boba'aa dabaluufi sababa walitti bu'insa kutaalee addunyaa gagar agaraa irraa kan ka'een gatiin balalii qaala'uurra darbee 'ibidda buuse' yeroo dhiyoo keessatti gadi bu'a jedhamee hin eegamu.
Feliiks garuu tarii "waggaa tokkoon booda" hir'achuu mala tilmaama jedhu kaa'u.
Gabaa kanatti daandiiwwan qilleensaa akka dhufan gochuun gatii jiru tasgabbeessa amantaa jedhu qabu Feliiks.
"Kun imaltoonni waggaatti si'a lama deemaa turan dachaan akka deeman dandeessisa jechuudha. Haata'u malee, gatiin balalii tarii waggaa tokkoof akkuma jirutti kan itti fufu natti fakkaata.
Sababiin isaa ammoo daandiiwwan xiyyaaraa bu'aa isaanii deebifachuu barbaadu."
Haata'u malee, maamiltoonni filannoowwan lama fayyadamuun gatii balalii foyyaa'aa ta'e argachuu akka danda'an eeru.
Tokkoffaan, 'Promotional Fair' [of beeksisuuf yeroo hir'ifamu] fayyadamuu yoo ta'u, kan biraan ammoo imala ofii dursanii karoorfachuun tikkeettii gatii hir'ataan bitachuudha.












