Kaalifoorniyaatti moodeelli konkolaataa balali’uu danda'uu eebbifame

Konkolaataa balalii Model A

Madda suuraa, ALEF

Yunivaritii Diraper, Kaaliforniyaa jirutti sagantaa eebbaa qophaa’e irratti dhaabatti haaraa konkolataan balalii isaa akkamiin akka lafa irraa ol ka’u ibseera. 

Dhaabbati Aleef konkolaataan elekirikii isaa omishamaa jiru, Model A jedhamu, konkolataa balali’uu dhugaa isa jalqabaa akka ta’uu ibseera.

Konkolataan elektirikii bareedaa fakkaatu, kun dandeettii akka lafarraa ol ka’ee fageenya km110’f balali’uu danda’a jedhee abdata.

Dhaabbati kun gabaa dhabbilee gurguddoo akka AirCar fi Pal-v jedhaman kan gyrocopter (xiyyara lafarra oofamu danda’u) waan balali’uu fi oofamu qaban of keessaa qabu keessatti dorgomuu fedha.

Ta’us garuu hogganaa fi hundeessaan Alef, Jim Dukhoonii, konkolaattonni amma jiran akka yaada isaatti konkolaataa balali’u jedhamuu danda’u jedhe akka hin yaadne ibseera. 

“Konkolaataan balali’u konkolaataa ta’uu qaba, kana jechuun akkama konkolaataa kaanii daandiirraa ofuu dandeessa, bakka konkolaataan dhaabuu dandessa jedhee yaada. Sana booda booda asii ol ka’ee balali’uu qaba,” jechuun BBC’tti himeera.

“Yoo balalii eegaluuf buufata xiyyaaraa deemuun si barbaachisa ta’e rakkoo kam furta? Maaliifimmoo kun xiyyaara balali’u jedha? 

Alef konkolaataan Model A yeroo dheraaf akka balali’uu danda’uuf gara xiyyara xiqqaatti biplane jedhamutti akka geeddaramu goochuudha.

Erga lafaa ol ka’ee Model A gara dalgaatti galagaluun, utuu konkolaachisaan (balaliisaan) hin socho’iin fuldurri isa ni galagala, sana booda dheerinni konkolaaticha akka kochoo jalaa fi irraa ta’u godha.

Boci xiyyaara biplane, kochoo lama, tokko irra keessaa fi jalaan kan qabudha. Konkolaataan Model A xiyyaratti yeroo geeddaramu maal fakkaata kan jedhu mul’isuuf Alef viidiyoo jijjiirama kana mul’isuu danda’u agarsiiseera.

Forbes akka jedhutti akkataa itti konkolataan kun balali’u akkataa xiyyarri elektirikaa Pener Blackfly jedhamu itti balali’u fakkaata jedheera.

konkolaataa model A

Madda suuraa, ALEF

Yaada baayyee gaariidha garuu hojiirra ooluu danda’aa?

Konkolaachisuu fi balali’uu walitti fiduun ulfaatina dabala, akkasumas humna elektirikii kana jechuun baatirii ulfaatina guddaa qabu dabala jechuudha. 

Alef akka jedhutti erga bara 2018tii as “balalii xiqqoo” irratti gara biplane’tti jijjiiramuu milkaa’eera.

Dabalataanis yaaliiwwan balaliin milkaa’an qabus, ammatti bifa qulqulluu yaadeeru akka hin qabne hima.

Biplane balaliisuuf, isa daandirra konkolaachisuu danda’ullee balaliisuuf, eeyyama paayileetiin ni barbaachisa.

Angaa’otni konkolaatonni kun eessatti balaliifamuu danda’u kan jedhu irratti seera cimaa baasuu malu. 

Gatiin konkolaataa Model A doolaaraa 300,000’tti tilmaamu eenyutu kaffaluu danda’a kan jedhuuf Dukhooniin “namoota jalqaba argachuu fedhan” jedheera.

Namootni gara waggaa 100 oliif konkolaataa balali’u eegaa turaniiru jedha. Kaayyoon Alef bara 2025’tti konkolaataa kunneen gurguruu eegaluudha.