Waayee xiyyaarota xixiqqaa Itoophiyaatti tajaajila taaksii eegalu jedhamee maal beekna?

Taaksiiwwan qilleensaa Archer

Madda suuraa, Archer

Tibba kana Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhaabbata Archer Aviation jedhamu waliin ta'uun Itoophiyaatti sagantaa haaraa xiyyaarota elektirikii tajaajila taaksii kennan eegaluuf waliigalteerra gahuu ibseera.

Sagantaan Midnight aircraft yaada xiyyaarota elektirkii xixiqqa paayilatii qabanii fi namoota hanga afuri yeroo tokkotti fe'uun tajaajila kennan beeksisaa jira.

Sagantaa kun akka addunyaatti kan jalqaba hojiirra ooluuf jiru Yunaayitiid Arab Emireetsittidha.

Itoophiyaan sagantaa kana hojiirra oolchuuf Abuu Daabiitti aantee biyya addunyaa lammataa taati.

Waliigaltee Daandii Qilleensaa Itoophiyaa fi kaampanii teessoonsaa US, Kaalifoorniyaa ta'e Archer Aviation gidduutti gahame doolaara miiliyoona 30 baasa.

Akka waliigaltee kanaatti kaampaniin Aviyeeshinii US kun xiyyaarota xixiqqaa tajaajila geejiba magaalaaf oolan Midnight eVTOL Air Taxi hojjete ogeeyyii balaliisaan, teeknishaanotaa fi injinaroota waliin Itoophiyaatti erga.

Ammoo xiyyaarotni xixiqqaan sagantaa yaalii kanaan Daandiin qilleensaa Itoophiyaa argatu hangam akka ta'an hin ibsamne.

Sooftiweeriiwwan, appilikeeshiniiwwan tajaajila kanaaf tikeetni itti muramuufi kaanis sagantaa yaalii kana keessatti Daandii qilleensaa kanaaf erga.

Dhaabbatni US kun piroojektii xiyyaarota xixiqqaa kana Itoophiyaatti haa eegaluyyuu malee kaayyoonsaa inni guddaan naannicha keessatti babal'isuun walitti hidhamiinsa geejiba kanaa cimsuudha. Ikoo turizimiif oolchuunis kaayyoosaa isa biroodha.

Torban darbe keessa waliigaltee dhaabbileen lamaan Finfinneetti wayita waliigaltee mallatteessan yaada kan kennan hoji gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa Obbo Masfiin Xaasaaw '' sochii qilleensa keessa godhamu hammayyeessuuf murannoo qabaachuu'' dubbatan.

Karoorri Archer Aviation ammaa kun ammoo walitti dhiyeenya jabeessuun Afrikaa keessatti damee aviyeeshinii cimsa jedhan.

Dabaluunis hariiroon aviyeeshinii biyya US waliin uuman kun teknoolojii xiyyaaraa kallattiin asii ol ka'ee kallattiin ammoo asii gadi qubatu kana waliin gahame imala qilleensaa naannoo Baha Afrikaa jijjiiruuf akkasumas mala geeıiba naannoo hin miine ta'uun fayidaa qaba jedhaniiru.

Hundeessaafi hojii gaggeessaan Archer Adam Gooldisteen Daandii qilleensaa Itoophiyaa waliin waliigaltee raawwachuu ji'a tokko dura Aviyeeshinii Abuu Daabii waliin waliigaltee walfakkaataarra gahuu ibsaniiru.

''Afrikaan gama imala qilleensaa ammayyaan bakka waan hedduu itti hojjetamuudha'' jedhan.

Dabaluunis Daandii qilleensaa Itoophiyaa waliin ta'uun tarkaanfii muteessaa kana fudhachuu keenyaaf boonatu natti dhagaahama'' jedhan.

Xiyyaarotni kun akkamiin hojjetu

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka ragaan Archer agarsiisutti kaayyoon sagantaa isaanii haaraa kanaa imala konkolaataadhan daqiiqaa 60-90 fudhatu imala taaksii qilleensa keessa barartuun daqiiqaa 10-20 gidduutti gadi buusuudha.

Xiyyaarotni paayilatiitti dabalataan imaltoota shan qabachuu danda'an kun akkuma konkolaattota tajaajila taaksiif oolanii buufataalee lama gidduu dhaqaa gala hojjetu, kanaafis kaffaltii xiqqaa gaafatu jedhamee yaadame.

Xiyyaarotni xixiqqaan kun eVTOL jedhamu. Kana jechuun guutummaatti elektiriikiin kan hojjetan, kallattiin bakka qubatanii jiran irraa asi ol bararuufi kallattii samiirraa lafatti bararuunis kan qubatan ta'uu ibsa.

Xiyyaarotni xixiqqaan kun kan hojjetamaa jiran takkaatti hanga km 100 akka imalan yaadameeti. Saffisni isaaniis sa'aa tokkotti hanga km 241 ta'a. Hanga kg 3,500 baatanii bararuus danda'u.

Karoorri Archer inni jalqabaa magaalota imalli konkolaataa sababa tiraafikni heddumatuuf rakkisaa ta'e keessatti furmaata ta'ee argamuudha. Fuula duratti ammoo magaalota biyyoota adda addaa gidduu hidhamiinsa uumuun akkuma xiyyaarota daldalaa biroo hojjechuudha.

Dhaabbatichi marsariitiisaa gubbaatti Aviyeeshinii Federaalaa US irraa hayyama balali'uu argachuuf hojjechaa akka jiru hima.

Kaayyoonsaas magaalota addunyaa gurguddoo keessatti mala imalaa filatamaa ta'uu akka ta'e yoo ibsu, ''osoo bararuu dandeessanii maaliif tiraafikni(bayyina konkolataan) qabamtanii teessu?'' jedha.

Yaadni xiyyaarota kanaa erga dhufee waggoota afur darbaniif yaaliiwwan balalii gaggeeffamaa turan.

Yaadni xiyyaarota xixiqqa elektikaan hojjetanii tajaajila geejiba magaalaaf oolchuu bara 2016 keessa dhaabbata beekamaa tajaajila geejiba magaala keessaa kennu UBER'n eegale.

Ergasii dhaabbilee piroojektii kana eegaluu fedhan hedduun hojii eegalaniiru. Isaan keessaa garuu yaada kana gara dhugoomsuutti warra siiqan keessaa tokko dhaabbata Aviyeeshinii Archer dha.

Magaalaa UAE Abuu Daabii keessatti taaksiiwwaan imaltoota afur yeroo tokkotti baatanii buufataalee magaalittii filataman keessa bararan dhuma bara 2025 kana dura hojii eegalu jedhamee eegama.

Taaksii qilleensaarraa Uber karoorse

Madda suuraa, Uber

Taaksiiwwan qilleensarra balali'an yoom hojii eegalu?

Bara 2040 keessaa taaksiiwwan balali'an kuma 430n addunyaa guutuutti tajaajila akkasii kennuuf akka jiraan tilmaamama.

Kun dhugoomusaatiif carraa olaanaa kan kennu ammoo yeroo dhoyoon asiitti kampaaniiwwan teeknolojii adda addaa konkolaatawwan balala'an hojjachuuf yaalaa jiraachusaaniiti.

Qorannoon tokkoo akka mul'isuutti dameen kun bara 2028tti dandeettii doolaara biliyoona 5.6 sochoosuu akka qabaatu hima.

Teessoo isaa Ameerikaa Kaaliiforooniiyaa kan taasifate Joobii Aviyeeshin konkolaatawwan balalii'an omishuun dhaabbata jalqabaa ta'eera.

Dhaabbanni daandii qilleensaa Virjiin Atilaantiik jedhamu tajaajila taaksii qilleensaarraan magaaloota gurguuddoo irraa gara buufata xiiyyaarraatti deddeebisu akka eegalu kan beeksise bara 2021 ture.

Sana dura ammoo kaampaniin tajaajila taaksii kutaalee addunyaa garaagaraa keessatti kennuun beekamu, Ubar, balalii yaalii taaksii qilleensarraa bara 2020 tti Awustraaliyaatti akka eegalu beeksisee ture.

Ubar sochiin qilleensarraa magaalota keessatti rakkoo traafikaa hamaa mudatu hambisuuf gahee qaba jedha.

''Hanguma magaalonni guddatan hirkannaan konkolaattota dhuunfaarra jiru fala biroo barbaada'' jechuun hoogganaan damee aviyeeshinii dhaabbatichaa Eriik Alisan dubbatanii turan.

'Uber Air' rakkoo traafikaa furuuf humna guddaa qabaatas jedhan bara 2019 keessa.