Taaksiiwwan qilleensarra balali'annitti fayyadamuu yoom eegalla?

Madda suuraa, Getty Images
Dhimmi taaksii qilleensa irra babali'anii namoota hedduuf kan filmii qofaan ilaalamu fakkaachuu mala.
Garuu dhaabbileen akka Ubar fi Boyiing fakkaataan taaksiiwwan humna elktirikaatiin hojjataniifi kanneen keessattuu wayita tiraafikiin baayyatuutti daqiiqaawaniif ol ka'uun qilleensa keessa balali'an hojjataa jiru.
Bara 2040 keessaa taaksiiwwan balali'an kuma 430n addunyaa guutuutti tajaajila akkasiin kennuuf akka jiraatan tilmaamama.
Kun dhugoomusaatiif carraa olaanaa kan kennu ammoo yeroo dhoyoon asiitti kampaaniiwwan teeknolojii adda addaa konkolaatawwan balala'an hojjachuuf yaalaa jiraachusaaniiti.
Qorannoon tokkoo akka mul'isuutti dameen kun bara 2028tti dandeettii doolaara biliyoona 5.6 sochoosuu akka qabaatu hima.
Gabaa akkasii gara fuula duraa kana to'achuuf ammoo taakisiwwan balali'an kan amma jalqabamaniif dirooniiwwan gahee olaanaa qabaatu.
Waggoota dhiyoo keessatti konkolaataawwan balali'an kan baayyatan yoo ta'e, magaaloonni gurguddoon buufataalee qilleensaa 'Skyports' jedhaman ijaaruun dirqama akka itti ta'u oggeessonni damee sanaa ni dubbatu.
Taaksiiwwan qilleensarraa kunneen maamiltoota fe'uufi buusuudhaaf buufataalee qilleensaatti fayyadamu jechuudha.
Teessoo isaa Ameerikaa Kaaliiforooniiyaa kan taasifate Joobii Aviyeeshin konkolaatawwan balalii'an omishuun dhaabbata jalqabaa ta'eera. Hanga maattis nageenyummaafi bu'aa qabeessummaa konkolaataawwan kanneenii sakkata'uf yaaliiwwan balaliinsaa kumaa olii taasiseera.
Dhaabbatichi dhiheenyatti aviyeeshinii Ameerkaa irraa hayyama akka argatu abdii godhateera. Bara 2024tti ammoo konkolaataawwan balali'an faayiidaarra oolchuuf karoorfatee hojjataa jira.
Konkolaataawwan balali'an joobii hana namoota afurii qabachuu akka danda'anitti kan hojjataman yoo ta'u, sa'aatiidhaanis hanga Km 322 ni balali'u jedhameera.
''Taaksiiwwan balali'an kunneenis kan namoonni waloon itti fayyadamaniifi mana jireenyaasaanii yon bakka hojiisaaniitti akka ka'an taasiifamaniidha,'' jedhu dubbi himaan Oliivar Wookar Joonsan.
''Konkolaataawwan balali'an keenya filmaatawwan geejjibaa biroo waliin kan mijatan akka ta'aniif yaadamuun ammummaanu bulchinsoota magaaloota waaliin hojjatamaa jira.
Buufataalee qilleensaa xixiqqoos buufataalee buubbuuraa, buufataalee daandii qilleensaa fi qaamoolee biroo waliin ta'uun akka hojjataman barbaadna."
Kana malees, Joobiin Teeknolojii Riif kan tajaajila bakka konolaataan dhaabbatu kennu waliin hojjachuu kan eegale yoo ta'u, gubbaa gamoowwan dhaabbatichi konkolaataawwan dhaabuuf itti fayyadamu gara jiddugala Joobiitti geedaruuf hojjatamaa jira. Kana malees, dhaabbilee kaan biraa waliinis haaluma wal fakkaatuun hojjataa jiru.

Madda suuraa, Bradley Wentzel
''Deeggartoota kanneen waliin ta'uun Skyport ijaaruufi tajaajila maamiltootaaf haaluma salphaatiin kennudha karoorri keenya. Tiraafikii daandii irra ture haala olaanaa ta'een ni hirrisa.''
Haata'u malee dhaabbatichi haala yaaduun buufataalee qilleensarraa xixiqqaa ijaaruun kan hinyaadamne fakkaatulleen, magaalootifi bulchinsoonni Ameerikaa baayyeen dhimma kana yaaluudhaaf fedhiisaanii ibsaa jiru.
Isaan keessaa Hiiwustan, Loos Anjalas fi Orilaandoon buu'uraalee misoomaa taaksiiwwan balalii'aniif ka'umsaafi qubbannaaf ta'an ijaaruuf sochii irratti akka ragaman beeksiisan.
Kantiibaan Loosanjalas Eriik Gaarseetii akka jedhanitti, karoorri magaalattiif dhiyaate gara fuula duraatti kan bulchiinsoota kaan waliin attamiin akka deemuu danda'u agarsiisuudha.















