Waa'ee Xiyyaara Indiyaa gara Landanitti osoo balali'uu kufee cacccabee hanga ammaa kan beeknu

Madda suuraa, Reuters
Xiyyaarri imalootaa Indiyaa gara Landan Gaatwiikitti balali'aa ture Kamisa akkuma Indiyaa Lixaa, Ahimedaabaad irraa ka'een osoo baayyee hin turiin kufee caccabe.
Taatee daandiin xiyyaarichaa "Balaa gaddisiisaa" jechuun ibse kun yeroo mudatetti namoonni 240 ol ta'an xiyyaaricha keessa turan.
Yoo xiqqaate reeffi namoota balaa kanaan du'anii 204 argamuu dursaan poolisii beeksiseera.
Bal'ina taatee gaddisiisaa kanaa ilaalchisee odeeffannoo ammallee bakka sanaa ba'uutti jiru.
Wanti hanga ammaa beeknu ammoo kunooti.
Xiyyaarri kun yoomiifi eessatti kufee caccabe?
Xiyyaarri Indiyaa [Air India] balalii lakkoofsa AI171 ta'e Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Ahimedabaad Sadaar Vaalabhbaa'ii Paatel irraa akka sa'aatii bakka sanaatti 13:39 (08:09 GMT) ka'uu ibse Daandiin Xiyyaara Indiyaa.
Akka jedhametti sa'aatiii 18:25 BST irratti Landan Gaatwick qubachuuf karoorfatee ka'e.
Xiyyaarri kun Ahmedabaad irraa akkuma ka'een kufee caccabe. Kana hordofee ammoo oppereeshiniin hunduu dhaabbate.

Madda suuraa, Central Industrial Security Force/India
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka toora marsariittii balaliii hordofu FlightRadar24 jedhamuutti, siginaaliin xiyyaaricha agarsiisu "akkuma ka'een daqiiqaa tokkoo gaditti bade".
Daataan balalii hordofu xiyyarichaarraa kan addaan cite ol ka'insa 625ft (190m) irratti ture.
Xiyyaarichi warra tiraafika to'ataniif ergaa muddamaa qaqqabsiisuu to'ataan aveeshinii Indiyaa himeera.
Isaan booda garuu deebiin xiyyaarichaan kenname hin turre.
Xiyyaarri kun naannoo mana jireenyaa Meghaanii Naagaa jedhamu keessatti kufee caccabe. Poolisiin akka madda oduu ANI'tti himetti, xiyyaarichi hosteela doktorootaa irratti kufe.
Dubartiin fuula sana turte tokko ANI'tti akka himtetti, yeroo xiyyaarichi kufetti ilmishee darbii lamaffaa hosteela sanarraa utaalee miidhameera.
Viidiyoowwan mirkanaa'an giddu-galeessa Ahmedabaad irraa argaman akka agarsiisanitti aarri gur'aachu samiitti ol ba'u bakka sanarraa ni mul'ata.
The BBC's Roxy Gagdekar akka jedhetti, namoonni naannawaa sana turan "hanga danda'an namoota oolchuudhaaf garasitti fiigaa turan".
Gabaasaan BBC kun akka jedhetti, namoonni tajaajila hojii baraaruutti bobba'an bakka sanatti argamuun abidda mudate dhaamsuuf yeroo yaalan ni mul'ata, akkuma kanas reeffi namootaa bakka sanaa yeroo baafamu argeera.
Akeekkachiisa: Viidiyoon kun kan nama naasisudha
Xiyyaaricha keessa eenyufaatu ture?
Imaltoota 242 fi keessummeessitoota xiyyaaraa xiyyaara kana keessa akka turan Ayir Indiyaan beeksiseera.
Imaltoota xiyyaaricha keessa turan keessaa 53 lammilee Biriiish, 169 lammilee Indiyaa, tokko lammii Kanaadaa, torb ammoo lammilee Poorchugaalidha.
Xiyyaarri -Boeing 787-8 Dreamliner - waliigalatti teessuma 256 qaba.
Ayir Indiyaa akka jedhetti, namoonni madaa'an gara hospitaalota dhiyoo jiraniitti geeffamaniiru.
Aanga'oonni "hojii lubbuu baraaruu hatattamaafi oppereshinii gargaarsa taasisuu" akka hojjetan ajajamaniiru jedhan qonaalli Guaraat,
Hoji-gaggeessaan Ayir Indiyaa Natarajaan Chaandiraasekaraan akka jedhanitti, "wiirtuun gargraasa yeroo hatattamaa qophaa'eera", akkasumas maatiiwwan odeeffannoo barbaadaniifis gareen gargaaru gurmaa'eera.
Waa'ee xiyaarichaa maal beekna?
Xiyyaarri balaan kun mudate Boeing 787-8 Dreamliner yoo ta'u, xiyyaarri Ayir Indiyaa akkasitti kufuun kun isa jalqabaati jedhameera.
Moodeliin xiyyaara kanaa kun waggaa 14 dura hojii jalqabe. Torban ja'a dura, Boeing imaltoota biliyoona tokko geejjibsiisuurra gaheera jechuun ibsee ture.
Boeing ibsa baaseen, "waa'ee Xiyyaara Balalii 171 ilaalchisee Ayir Indiyaa dubbisaa kan jirru yoo ta'u, isaan gargaaruudhaafis qophiidha. Qalbiin keenya imaltootaa, keessummeessitoota, namoota biramataniifi warra miidhaman hunda waliin jira," jedheera.
Daandiin qileensichaafi aanga'oonni maal jedhan?
Ayir Indiyaa X irratti ergaa barreesseen xiyyaarri kun "har'a akkuma ka'een balaan mudateera," jechuun mirkaneesse.
Aanga'oota balaa amudate kana qorachaa jiran guutummaatti gargaaraa akka jiraniifi waanta haaraa jiru yeroo yerootti akka ibsan waadaa galuun, toora odeeffannoo ittiin dhiyeessan 1800 5691 444 kaa'eera.
Dura taa'aan daandiin xiyyaaraa Natarajan Chandrasekaran ibsa kennaniin, "Gareewwan deebii hatattamaa bakka sanatti argaman gargaaruu fi namoota dhiibbaa irra ga'eef deeggarsa fi kunuunsa barbaachisaa ta'e hunda kennuudhaaf waan humna keenyaa hunda gochaa jirra" jedhan.
Dubbi himaan buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Sardar Vallabhbhai Patel hanga beeksisa biraa kennamutti hojiin hundi akka addaan cite kan himan yoo ta'u, imaltoonni gara buufata xiyyaaraatti osoo hin imalin dura daandiin xiyyaaraa isaanii akka ilaalan gorsaniiru.
Ministirri aviyeeshiniiIndiyaa ''dhaabbileen aviyeeshinii fi deebii hatattamaa hundi tarkaanfii ariifataa fi qindoomina qabu akka fudhatan qajeelfama kennuu isaanii dubbataniiru.
Ram Mohan Naidu Kinjaparu X irratti itti dabaluudhaan: "Gareen baraarsaa socho'eera, gargaarsi yaalaa fi deeggarsa gargaarsaa gara bakka sanaatti akka ariifamu mirkaneessuuf tattaaffiin hundi taasifamaa jira."
Buufanni Xiyyaaraa Gaatwiick akka jedhetti, wiirtuun simannaa firoota imaltootaaf qophaa'aa jira, bakka odeeffannoon itti kennamu, akkasumas Air India waliin walitti dhiyeenyaan walitti dhufeenya qaba.
Fuula X irratti akkas jedhe: "Lammiileen Biriteen gargaarsa qoontsilaa barbaadan ykn waa'ee hiriyoota ykn maatii yaaddoo qaban karaa 0207 008 5000 bilbiluu qabu."
Indiyaa fi UKn deebii akkamii kennan?
Ministirr Muummee Indiyaa Naareendiraa Moodiin balaa xiyyaara kanaan ''akka malee gaddeera, rifadheeras'' jedhan.
''Caba laphhee jecha ittiin ibsan hin qbnedha,'' jechuun ibsa fuula X irratti kennaniin, aanga'oota namoota balaa kanaan miidhaman gargaaran waliin wal qunnamtii qabaachuu isaanii ibsaniiru.
Ministirri Muummee UK Sir Kiir Istaaermer akka jedhanitti, wanti Ahimedabaad irraa dhaga'ame ''gadda guddaadha'' jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Deeviid Laamii akka jedhanitti, UKn aanga'oota Indiyaa waliin ta'uun ''dhugaa jiru hatattamaan mirkaneessuu'' fi deeggarsa kennuuf hojjechaa jirti.
Masaraan Baakiinghaam akka jedhetti, Mootichi waa'ee balaa xiyyaaraa kanaa odeeffannoon isaan qaqqbaa jira.














