Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Feesbuukiirratti maxxansa 'of ajjeesuufin jedha' jedhu yoo agartan maal gootu?
Naaziraawwiit Tasfaayee jedhamti. Fuula Feesbuukii ishee irratti, ''yeroo tokko tokko ...gahaadha,'' barreeffama jedhu qoodde. Barreeffamicha waliin suuraa waraqaa abbaa sararaa maxxansitee ture.
Sarara jalqabaa waraqichaa irratti barreefamni ''Dear Lord'' jedhu mul'ata. Dhumarratti ammoo ''Amen'' waan jedhu barreefameera. Qixxalamaan warqichaa irratti mamoo imimman harca'etu mul'ata.
Naaziraawwiit suura kana maxxansitee guyyaa lama booda ''deemuu nuu wayya...'' barreeffama jedhu maxxansite. Kana booda of ajjeesuu isheetu dhagahame.
BBC'n Naazraawwiit of ajjeesuu ishee maatiisheerraa mirkaneeffachuu hin dandenye garuu oduun du'ashee bal'inaan qoodamaa jira.
Fuula Feesbuukiirratti hiriyootashee kan ta'anis barreeffama isheen barreessite hordofuun kan itti dubbachuun ykn barreessuufiin gorsuu yaalan turaniiru.
Hiriyyootashee karaa Feesbuukii jajjabeessaa turan keessaa tokko BBCtti akka himetti, akka tasgabbooftuufi muddama sammuu keessa jirtu keessaa akka baatuuf yaaleera.
Naaziraawwit kan jalqabaa miti. Erga dhiyootii as namoonni miidiyaa hawaasaa isaaniirratti ergaa 'of ajjeesuu' dabarsanii booda of ajjeessuun mumul'achaa jira.
Taateen gaddisiisaa kun miidiyaa hawaasaa irratti ijoo dubbii taheera.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) waggaatti namonni 700 lubbuu ofii baasu.
Lakkoofsi namoota of ajjeesuuf yaalanis kanneen of ajjeesanitti kan dhiyaatu yoo tahu, namooni kunneenis carraan lammata of ajjeesuf yaaluu isaanii balaadha.
Namoota umriin isaanii waggaa 15 - 29 jiran of ajjeesuun sadarkaa arfaffaa irratti dhimma lubbuu isaanii galaafatu tahee galmaa'era.
Namoota ofajjeesan keessaa harki 77 kanneen galii gadi-aanaa fi gidduugaleessaa qaban tahuu qorannoowwan ni mul'isu.
Akka Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jedhutti namoonni summii dhuguu, of fannisuufi meeshaadhaan waraanaan ofitti dhukaasuudhaani.
Namoonni maaliif of ajjeesu?
Yeroo dhihootiin asitti miidiyaa hawaasaa irratti namoonni ergaa nagaa dhaamuu fakkaatu erga qoodaniin booda akka of ajjeesan dhagahamaa jira.
Kunneen keessaa tokko Naazraawwiit dha. Erga barreefamaafi suuraalee kunneen qooddeeti akka of ajjeeste kan dhagahame.
Ofii namoonni yaada of ajjeesuu keessa akka jiran mallattooleen agarsisan maal fa'i?
Fayyadamtoonni miidyaa hawaasaa namoonni of ajjeesuu akka danda'an barreeffamoota akeekan gaafa argan maal gochuu qabu?
Dhimma kanarratti kan dubbisne ogeessi xiinsammuu Teedroos Dilnassaa yeroo baayyee yaadniifi gochaa of ajjeesuu jeeqamuu fayyaa sammuu waliin wal-qabata jedhan.
''Yaada of ajjeesuu, yaada of ajjeesuu yeelaluu akkasumas gochaa kana raawwachuun fayyaan sammuun jeeqamu waliin hidhata qaba,'' jedhu.
Namoota of ajjeesan keessaa harki 98 murtoo kanarra kan gahan dhukkuba sammuu tahe tokko gatii qabniifi jechuun hubachiisu.
Dhukkubni sammuu akkuma jirutti tahee dhibbaan haala jireenyaa akka jirus hubachiisu. Keessumaa namoonni miira isaanii nama biraatti himuu ykn miira isaanii to'achuu hin dandeenye murtoo biliqaa irra gahu.
''Murtoon kun yeroo baayyee miira mukaa'uu waliinis waan deemuuf yeroo baayyee itti yaadaniiti namoonni murtoo of ajjeesuurra kan gahan,'' jedhu Teedroos.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa of ajjeesuu rakkoo fayyaa yaaddessoo jedhaman jalatti ramadeera.
Namoonni mira gidiraa lubbuun jiraachuu keessa yeroo tahan sababaaf bu'aatiin yaaduun murteessuu keessaa akka bahan kan hubachisan Teedroos, yeroo kanatti mallattoo namoonni agarsiisuu danda'an keessaa deeggarsi akka taasifamuufi harka bal'isuu dha jechuun ibsu.
Tahus namoonni kunneen yeroo gargaarsa gaafatan kanatti badaa hubatamuu akka hin dandeenye faa ibsu.
''Gaaffii gargaarsaa baramaa ''na gargaaraa'' osoo hin taane ergaa nagaa dhaamu fa'i kaa'u. Fakkeenyaaf bilbila biliblanii, ''akkam jirtu jedhanii erga gaafataniin booda ''nagaatti,'' akka jechuu waan fakkatu, waan durii faa kaasanii ''dur akkaa ture, akka san ture,'' jechuu faa danda'u'' jechuun hubachiisu.
Dhaamsa nagaattii iidiyaa hawaasaa gubbaatti maxxanfamu
Lubbuusaanii harka ofiin baasuu namootni yaadan yeroo dhiyoo as iddoon itti gargaarsa gaafatan miidiyaa hawaasaa ta'aa dhufeera.
''Dur namni xalayaa barreessee akka lafa kaahaa ture san bara kana namni miidiyaa hawaasaarratti dhaamsa nagaattii kahuu danda'a'' jedhu ogeessi kun.
Namni waayee lubbuu ofii baasuu yaadaa jiraachuu maxxansaalee miidiyaa hawaasaa isaarraa beekuun ni danda'amaa? gaaffii jedhu ogeessa kanaaf dhiyeessine.
Namootni miirri itti dhagaahamu gara lubbuusaanii baasuu akka isaan geessuu danda'u wantoota akeekan calaqqisuu akka danda'aniifi kana keessaa ammoo inni ijoon amala jijjiirrachuu akka ta'e dubbatu.
''Maxxansaalee miidiyaa hawaasaarratti yaada dukkanaa'aa, abdii kutannaa, kophummaa, lubbuun gatii hin qabu yaada jedhu, jiraachuun maal godha yaaa jedhu, kana qofa osoo hin taane addunyaanuu gatii hin qabu yaada jedhu calaqqisuu danda'u.''
Mallattoolee kanaan kanneen ''tasaafi baayyinaan mul'atani'' jechuun ibsu.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa akka jedhutti hanqinni maallaqaa, rakkoon fayyaa, jeeqama hariiroo jaalalaa keessatti mudatu , miidhamaaf saaxilamuu, waraanaa ykn dhibdee keessa jiraachuu, miira kophummaa, qollifamuu fi nama jaalatan dhabuun sababoota namni lubbuu ofii akka galaafatu taasisan keessaati.
Ogeessi xiinsammuu Obbo Tewidiroos namootni miirota kana keessa taa'anii maxxansi miidiyaa hawaasaarratti dhooban miira keessa jiran tilmaamuuf ni dandeessisa jedhu.
''Keessumaa namoota beeknu yoo ta'an barreefamasaaniin miirasaanii beekuu dandeenya'' jedhu.
Inni biraan ogeessi kun agarsiistuu guddaadha jedhan, du'af gatii guddaa kennuun barreessuudha. Namootni lubbuu ofii baasuu yaadan namni tokko du'e wayita jedhamu ''lubbuu haa maaru'' jechuurra, ''ni boqote, innoo aara galfate''fi jechoota kana fakkaataniin haala du'aaf gatii kennuun ibsuudha jedhan.
Mallattooleen mul'atan garuu yeroo hunda ifa ta'uu dhiisuu akka malan Obbo Teewidiroos ni dubbatu. Takka takka mallattichi iccitii ta'uu danda'a. Ifa yoo ta'uu baate ammoo haala nama sanaa qulqulleessuun nurra jira.''
Maaltu mudate?, maal si gargaaru? jechuun qofaasaatti rakkinicha furuu baatus namoota rakkoo keessa jiraniif boqonnaa kennuu danda'aa jedhu ogeessi kun.
''Achii booda maatiitti ykn nama dhiyoo jirutti himuun ni barbaachisa. Karaa namni ittiin of miidhu hanqisuun ni barbaachisa.''
Maal haa godhamu?
Maxxansaalee miidiyaa hawaasaan namni tokko lubbuu ofiirratti miidhaa geessisuuf akka jedhu wanta akeeku yoo argine maatiifi nama dhiyootti erga beeksisnee booda ''wantoota ittiin of miidhuu danda'an naannoo saaniirraa dhabamsiifamuu qabu. Milaacci, haada, shugguxiifi qorichoota achii fagessuun barbaachisa'' jedhu Obbo Teewidiroos.
Itti fufinsaan hordofuufi waliin ta'uun atattamaaniis ogeeyyii gorsa xiinsammuu kennanittis geessuun akka fayyadu dubbatu. Yoo didan dirqisiisunillee akka barbaachisu himu.
''Sababiin isaas yaadni of miidhuu kan nagaa miti'' jedhu.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaas meeshaalee namootni ittiin lubbuusaanii balleessuu danda'an fageessuun cinaatti gorsa xiinsammuu akka argatan gochuun gahee murteessaa akka qabu ibsa.
Dhaabbilee fayyaan cinaatti manneen barnootaafi waajiraleen tumsa gochuun akka irraa eegamus ni ibsama.
Waayee lubbuu ofii galaafachuu namootni yadanis ta'e kanneen yaalii godhan rakkoosaanii ifatti sababni hin dubbanneef hawaasa keessa rakkoo kanaaf xiyyeeffannon kenname xiqqaa ta'uun ogeeyyii hedduu waliigalcha.
Akka Dhabbatni Fayyaa Addunyaa jedhutti hojimaata ittisa lubbuu ofii balleessuu biyyootni sagantaa fayyaasaanii keessatti hammatan xiqqaadha.
Sagantaa ittisa lubbuu ofii balleessuu biyyootni qaban 38 qofa.
Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii biyyoota Baha Afrikaa keessatti waggaa waggaan lakkoofsi namoota lubbuu ofii balleessanii uummata 100,000 keessaa 5-12 akka gahu agarsiisa.
Waldaan Waldhaansa Fayyaa Itoophiyaa gabaasa marsariitiisaa gubbaatti maxxanseen ammoo waggaatti namoota 100,000 keessaa gidduugalaan namootni 9.2 lubbuu ofii akka baasan agarsiisa. Akka ragaa kanaatti guyyaattti namootni 30 luubuusaanii balleessuu jechuudha.