Fayyaa sammuu: Itoophiyaatti waggaa waggaatti namoonni 8,000 lubbuu ofii balleessu jedhame

Itoophiyaatti wagga waggaadhaan namoonni 8,000 lubbuu ofiisaanii akka ajjeessan aanga'aan ministira fayyaa Itoophiyaa tokko himan.

Ministeerichi namoota miiliyoona tokko keessaa 80 kan tahan lubbuu ofii balleessu jechuun Ejensii Pireesii Itoophiyaatti himeera.

Gochi lubbuu ofii balleessuu kunis dhiibbaa xiin-sammuu, hawaasummaa fi dinagdee qaqqabsiisa.

Ministeera Eegumsa Fayyaatti sagantaa fayyaa sammuu kan dursan Dr. Darajjee Asaffaa miidiyachatti akka himanitti, miseensi maatii tokko of ajjeesuun jiruu hawaasummaasaanii jeeqa.

Dhibeen sammuu of ajjeesuuf harka 95 qooda akka qabus kaasuun, otoo itti hin jabaatiin namoonni wal'aansa argachuu akka qabanis hubachiisan.

Namoonni biyyaaf bu'aa buusaan of ajjeesuun qabeenyaa mancaasuun olitti, maatii keessattis ta'e raafama dinagdee biyyaa keessatti akka uumu heeran.

Qorannoowwan idila-addunyaa akka agarsiisanitti, Itoophiyaatti namoota miliyoona tokko keessaa namoonni 80 tahan of-ajjeesuu jedhan Dr. Darajjeen.

Guddina hawaasummaafis ta'ee hariiroo waliin jireenyaa gaariidhaaf namoonni gumaachan dhabuun hawaasicha qofa otoo hin taane, xiinsammuu miseensota maatiirratti dhiibbaa uumaa jira jedhan.

Dr. Darajjeen of ajjeesuuf dhimmoota ka'umsa ta'u jedhanis tarreessaniiru.

Hariiroon hawaasummaa laafuu, gaa'ilaa keessatti hariiroon sirriin dhabamuu (walsimuu dhabu), gaa'ila dhaabbatanii ilmoo dhabuu, akkasumas nama jaalatan wajjin gargar bahuu ofkeessaa qaba.

Sababoonni biroon ammoo nama miidhuuf ofirratti tarkaanfii fudhachuu, fayyaa dhabuu fi sammuuf keemikaalli barbaachisaan xiqqachuu fa'aa tarreessan.

Ogeeyyiin Saayinsii hawaasaafi xiinsammuufi Baayolojiis dhimmoota kana heeru jedhan.

Aadaa Itoophiyaatti baratameerraa ka'uun garuu muuddama karaa hawaasummaatiin dhufu sodaachuurraa ka'un ifatti waan hin himamneef jecha lakkoofsi namoota of ajjeesanii kana ol ta'uu akka danda'u himaniiru.

Waa'ee fayyaa sammuu haasa'uu

Ogeessi Xiinsammuu Eebbaa Tasfaayee BBCtti akka himetti, ''namoonni rakkina jireenyaa keessaa bahuuf akka boqochuutti fudhatu,'' jedha.

''Akkaataa rakkina keessaa bahan barbaachuu eegalu. Karaa kanaan rakkoo kanaa keessaa bahuun danda'a jedhanii yaadni yoo isaanii dhufuudhaa baate, lubbuu balleessuun boqochuudha jedhanii yaadu.

Yeroo hedduu taatee lubbuu ofii ofiin balleessuu erga taheeti beekama.

'Waa'ee rakkinichaa haasawuu dhiisuun keenya rakkinicha nurraa hin ari'u. Dhoksaan nama nu jalaa fixa,'' jedha Eebbaan.

Gama biraatin ammoo, akka ogeeyyiin jedhanitti namoonni of ajjeesan har'uma ka'anii miti kan godhan. Adeemsa keessa waan dhufudha jedhu.

Kanaafis ''mallattoolee mul'atan irraa ka'uun hubachuu dandeenya,'' jedha Eebbaan.

Namoonni 'Uuf! An jiraachuu hin barbaadu na jibbisiiseera!' jedhan maal akka yaadan gaafachuu qabna jedha. Maaliif kan jette? jennee haasofsiisuun, waan keessasaanii jiru akka baasan gochuu qabna,'' jedha.

Gama idil addunyaatiin yoo ilaalle, UK keessatti bara 1981 as lakkoofsi namoota of ajjeessanii inni xiqqaan keessatti galmaa'us, of ajjeesuun akkuma dhukkuboota namoota ajjeessan biroon walqixa miidhaa qaqqabsiisaa jira.

Akka ragaa Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) waggoota sadiin dura baaseetti namoonni 793,000 ofiin ofi ajjeessaniiru. Kanneen keeysaa hedduunsaanii ammoo dhiiroota.