Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Buufanni waraanaa Ameerikaa gurguddoon Baha Giddu Galeessaa keessa eessa jiru?
Waa'ee buufataalee waraana Ameerikaa naannawa galoo galaana keessa jiranii maal beekna?
Bahi giddu galeessaa lafa yeroo heddu waraannii irraa hin fagaannedha.
Naannon kun ardii Awurooppa, Afrikaafi Eshiyaa kan wal-qunnamsiisu waan taateef akka naannawa tarsimawaa addunyaatti ilaalama.
Naannoon kun biyyoota akka Saawudii Arabiyaa, UAE, Masrii, Israa'el, Sooriyaa, Iraan, Tarkiifi Yaman dabalatee biyyoota 17 ta'an of keessaa qaba.
Muddama Iraanitti tibbana muudate hordofee, Ameerikaan akka Iraan rukuttu dhaadataa turte.
Iraan ammoo yoo Waashingitaniin haleelamte buufataalee Ameerikaa naannicha keessa jiran irratti boombii roobsuuf dhaadateerti.
Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp lammiileen Iraan mormii isaanii akka itti fufan akkasumas sababa kanaan Iraan haleeluuf akka qophaa'aa jiran beeksisuu hordofeeti Iraan buufata waraanaa naannawa galoo galaanaa jiran kana haleeluuf kan doorsifte.
Ofii buufatni Waraanaa Ameerikaan naannawa kanaa qabdu kam fa'i ?Akkamitti naannawa kanatti humna waraanaa hundeeffachuu jalqabee.
Ameerikaan biyyoota galoo galaanaa jedhaman kana keessatti,bal'inaan hirmaachuu kan jalqabde naannawa bara 1980 fi 1988 gidduutti waraanni Iraan fi Iraaq ka'uu isaatiin ture.
Yeroo Waraana Iraan fi Iraaq Sa'uudii Arabiyaa, Kuweet fi biyyoonni ollaa biroo Iraaq iif deeggarsa gochaa kan turan yoo ta'u Ameerikaa fi biyyootni dhiyaa heddunis gara Iraq goran.
Kanumaan Ameerikaan dhimma naannoo baha giddu galeessaa keessatti hirmaachuu ishee babal'ifattee. Buufata waraanaas naannawa kanatti hundeeffachuu jalqabde.
Iraan Ameerikaan Galoo Galaana keessa jiraachuu ishee mormii fi ibsa lakkoofsa hin qabne kennaa turte.
Qondaaltota siyaasaa fi waraanaa Iraan taatee ykn muddama naannicha keessatti uumamu hunda irratti ''Galoo Galaanaa fi biyyoota naannawa sanaa tasgabbii dhabsiisuu" kan jedhuun Ameerikatti quba qabdii
Hirmaannaa Ameerikaa naannawa sanaa buufata waraanaa dhaabbataa qabaachuu qofa osoo hin taane, doonii waraanaa, xiyyaara fe'umsaa fi kanneen biroo kan hammatudha.
Lakkoofsi loltootaa fi ergamni isaanii yeroo hunda jijjiirama. Gabaasni maddeen adda addaa akka ibsanitti, lakkoofsi loltoota Ameerikaa naannicha keessa jiranii haalaa fi muddama naannawa sanatti muudatu irratti hundaa'uun jijjirama.
Sa'uud Arabiyaa
Loltoonni Ameerikaa Sa'uudii keessa jiran kan bara 2024 akka ibsa Waayit Haawusitti 2,321 ta'u.
Mootummaa Sa'uudii waliin qindoominaan socho'uun dandeettii ittisa qilleensaa fi misaa'elaa kennuu fi hojii xiyyaara waraana Ameerikaa deeggaru.
Gariin isaanii tilmaamaan Kibba Riyaad irraa km 60 fagaatee, Buufata Xiyyaaraa Prinsi Sultan, buufachuun ittisa qilleensaa Waraana Ameerikaa deeggaru.
Akka maddeen heeddutti, tumsi waraanaa Ameerikaa fi Sa'uudii Arabiyaa gidduutti bara 1945 ijaarsa Buufata Xiyyaaraa Dhahran waliin jalqabe.
Humnoonni U.S. Sa'uudii Arabiyaa keessatti sirnaan ykn dhaabbataadhaan buufatanii jiran badee hin beekamu.
Bara 1970 fi 1980 keessa loltoonni U.S. ergama gurgurtaa meeshaa waraanaa fi leenjii deeggaruuf Sa'uudii Arabiyaa keessa buufataniiru.
Yeroo Waraana Galoo Galaanaa bara 1991 loltoonni hanga 550,000 ta'an gara Mootummaatti bobbaasuun humnoota Iraaq Kuweet keessaa baasuuf gargaaran.
Waraanni Ameerikaa dandeettii isaa harka caalu gara Buufata Qilleensaa Al Udeid Kaatar jirutti kan sochoose yoo ta'u, kunis humnoonni Ameerikaa yeroo sanatti Sa'uudii keessaa turan kanneen gurgurtaa fi leenjii waraanaa biyya alaa irratti hirmaatan irraa kan hafe guutummaatti ba'an.
Walakkeessa bara 2019tti Sa'uudii Arabiyaan "nageenyaa fi tasgabbii naannichaa guddisuuf humnoota Ameerikaa keessummeessuu" jechuun waliigaltee taasisuu ibse.
Kana booda humnoonni Ameerikaa keessumaa Buufata Xiyyaaraa Prinsi Sulxaan irratti irra deebiin bobbaase.
Kaataar
Buufatni qilleensaa Al Udeyid hektaara 24 kan gammoojjii magaalaa guddoo Doohaatiin alatti argamu yoo ta'u, kunis lafa guddaa dhihaan Masrii irraa kaasee hanga bahaan Kaazaakistaanitti diriiree jiru keessatti hojii waraanaa Ameerikaa qajeelchu.
Buufata guddaan Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa loltoota gara kuma 10 ta'antu keessa jira.
Miidiyaaleen heddu buufata xiyyaaraa Ameerikaa guddaa Baha Giddu Galeessaa keessatti argamu jechuun ibsu.
Buufatni Xiyyaaraa Al Udeyid kun buufata Xiyyaaraa Abu Nakhlah jedhamuunis ni waamama.
Bara 1996 kan hundeeffame yoo ta'u, akka Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa jedhutti, Ameerikaan alatti dhaabbata humna qilleensaa Ameerikaa isa guddaadha.
Jalqaba bara 2024tti, Rooyitars akka gabaasetti, Ameerikaan Kaatar waliin waliigaltee irra gahuun, waraanni Ameerikaa Buufata Xiyyaaraa Al Udeyid irratti waggoota kurnan dhufaniif dheeressuu ishee gabaase ture.
Akka Tajaajilli Qorannoo Kongireesii ibsutti humnoonni Ameerikaa Kaatar keessa buufatan Iraaq fi Siiriyaa keessatti duula garee Islaamummaa irratti hirmaatan.
Baahireen, Kuweet fi UAE
Baahireen
#Baahireen keessas buufatni humna galaanaa Ameerikaa naanoo magaalaa Manamaa keessa jira. Buufata doonii Kalifa Bin Salman, baha Manamaatti argamu, bakkeewwan humna galaanaa muraasa Galoo Galaanaa keessatti xiyyaarota fe'umsaa Ameerikaa fi dooniiwwan keessummeessuu danda'an keessaa tokkodha.
Akka waraqaa qorannoo Tajaajila Qorannoo Kongireesii ibsutti, humni galaanaa Ameerikaa Baahireen keessatti kan hundeeffamea bara 1948 irraa eegalee ture.
Baahireen fi Ameerikaan bara 1991 waliigaltee tumsa ittisaa kan mallatteessan yoo ta'u, bara 2017tti waggoota 15f haaromfame.
Kuweet
Dhaabbileen waraanaa babal'atan hedduun Kaampii Arifjan, waajjira muummee fuulduraa Giddugaleessa Waraana Ameerikaa fi Buufata Xiyyaaraa Ali Al Salem, daangaa Iraaq irraa tilmaamaan km 40 fagaatee argama.
Kaampii Buehring bara 2003 waraana Iraaq keessatti kan hundeeffame yoo ta'u, kutaalee waraana Ameerikaa Iraaq fi Sooriyaa keessatti bobba'aniif bakka waltajjii ta'uun akka tajaajilu ragaan marsariitiin waraana Ameerikaa ni mul'isa.
Akka odeeffannoo Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaatti jalqaba bara 2025tti haaromfame ibsutti, loltoota Ameerikaa 13,000 ol keessummeessaa jirti.
Lakkoofsi kun Kuweet baay'ina loltoota Ameerikaa biyya alaa keessummeessuun Jarmanii, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa booda sadarkaa 4ffaa irratti argamti.
Akka Tajaajilli Qorannoo Kongireesii US jedhutti, waraanni U.S. Kuweet keessa jiraachuun Ameerikaan humna lafa irraa ishee saffisaan naannawa sanatti bobbaasuuf dandeessisa.
UAE
Gamtaa Immireetotata Gamtoomanii keessatti humnoonni Ameerikaa Buufata Xiyyaaraa Al Dhafra naannoo Abu Daabii, akkasumas baha biyyattii Fujairah keessatti buufata humna galaanaa qabdi.
Buufanni doonii Jebel Alii Dubaayi irraa gara dhihaatti argamu xiyyaara fe'umsaa Ameerikaa to'achuu akka danda'u Tajaajilli Qorannoo Kongireesii ni mul'isa.
Buufatni Xiyyaaraa Al Dhafraa hojjettoota waraanaa Ameerikaa 3,500 kan keessummeessu yoo ta'u, buufataaleen UAE humna galaanaa Ameerikaatif deeggarsa loojistikii "barbaachisaa kan kennaniidha
Walumaagalatti dooniiwwan galaanaa Ameerikaa buufata doonii Ameerikaan ala jiran kamiyyuu caalaa isa baay'ee guddadha.
Jordaan
Magaalaa guddoo omaan irraa gara kaaba bahaatti km 100 fagaatee kan argamu Azraq keessatti kan argamu Buufatni Qilleensaa Muwaffaq al Salti, Humnoota Qilleensaa Ameerikaa keessummeessa akka jiru ragaaleen kan ibsan.
Turkii
Turkii fi US waliin ta'uun buufata qilleensaa Incirlik kan bulchiinsa Adaana kibbaa keessatti argamu gaggeessu.
Meeshaa waraanaa niwukilaraa Ameerikaa kan keessummeessitu yoo ta'u, tumsa idil-addunyaa garee Islaamummaa Siiriyaa fi Iraaq keessatti lolu deeggaruuf itti fayyadamaa tureera.
Akkasumas miseensonni waraana Ameerikaa 1,465 Turkii keessa buufatachu ragaaleen adda addaa kan ibsan