Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni maaliif of-ajjeesuu yaadu?
Of-ajjeesuun sadarkaa addunyaatti sababa ijoo du’a namootaaf ka’umsa ta’an keessaa isa tokko.
Addunyaarratti dargaggoonni sababa ijoo ittiin lubbuu isaanii dhaban keessaa of ajjessuun sadarkaa sadaffaarratti argama.
Itoophiyaa keessatti of ajjeesuun akka dhimma yaaddessaa ta’eetti hin ilaalamu, garuu namoonni lubbusaanii balleessan ni jiru.
Dhimma kanarratti qo’annoon gahaan qoratame hin jiru, akkasuma beeekumsi hawaasni of ajjeesuu ilaalchisuun qabu gadaanaa ta’uu isaatiin duuti namoota hedduu otoo hin himamiin dhokatee hafa.
Miseensi maatii tokko of ajjeese taanaan ''namoonni maal naa jedhu'' jedhanii sodaachuu irraa kan ka’e ni dhofkama ykn sababa biraatiin du’e jedhanii ibsuuf yaalama.
Kun rakkoo of-ajjeesuu ittuu hammeessa. Kanaafuu namni tokko ifatti rakkinicha ibsuu dhabuun namoonni sababa maaliif of ajjeesa jedhanii akka hin gaafannee fi namoonni akka irraa hin baranne taasisa.
Yuunvarsiitii Jimmaatti barsiisaan Saayikoloojii Dr Eliyaas Gabruu akka jedhanitti, qorannoo gahaan gaggeeffame dhabamullee, Itoophiyaa biyya namoonni amantii qaban itti heddumatu keessatti namoonni of ajjeesan lakkoofsi isaanii xiqqaadha jedhan.
Kanaaf sababni ijoon amantaa Islaamaa fi Kiristaanaa biratti of ajjeesuun akka cubbuutti lakkaa’amuu isaati.
Amantiiwwan hundi of ajjeesuu dhorkuu irraan kan ka’e maatiin miseensi isaanii keessa of-ajjeese dhimmicha namoota birootti akka hin himne taasifama.
Weerara Covid-19 hordofee garuu, lakkoofsi namoota of-ajjeesanii haala yaaddeessan dabalee akka ture kan dubbatan Dr Eliyaas, weeraricha hordofee lammileen Itoophiyaa lakkoofsi isaanii salphaa hin taane of- ajjesuuf yaadaniiru, kaan yaalaniiru, kaan isaanimmoo of-ajjessan jedhan.
‘’Naannoon ani jiraadhutti ji’a lama keessatti qofa dargaggoonni torba of ajjeesaniiru. Dabalataan namoonni kan hin himnee fi namoonni biroo kan hin dhageenye lakkoofsi namoota du’anii kanaan olitti galmaa’u akka danda’u, tilmaamuun ni salphata,’’ jedhan.
Maaltu namoonni lubbuusaanii akka balleessan kakaasa?
Ogeeyyiin Saayikoolojii akka jedhanitti, namoota of ajjeessan keessaa harki 90 ol jeeqamuu xiinsammuu yeroof turu ykn itti fufiinsa qabuun namoota miiidhaan irra qaqqabe.
Of ajjeesuu ykn waa’ee of-ajjesuu yaaduun irra caala fayyaa sammuu waliin walqabata.
Dr Eliyaas’’mukaa’uu garamalee fi dhiphinni gara of miidhuutti akka adeemaniif bu’uura ta’u, dhibeewwan sammuu sirnaan hubachuufi wal’aanuu dandeenyaan lakkoofsa namoota of-ajjeesanii hir’isuun ni danda’ama,’’ jedhan.
Mallattoolee ijoo namarratti mul’atu; mukaa’u garmaalee, dhiphinni sababa quubsaa hin qabne, miirri qophummaa namatti dhaga’amuu fi irra deddeebiin of ceepha’uu, ani homaa hin fayyadu jedhanii yaaduu, abdii kutachuu, nama na gargaaru hin qabu jedhanii yaaduu, dadhabuufi humna dhabuu, haalli hirribaa jeeqamuu[sa’aatii dheeraa rafuu ykn hirriba dhabuu], hojiifi dhimma dhuunfaaf xiyyeeffannoo kennuu dadhabuu fi fedhiin soorataa xiqqaachuun fa’aati.
Yeroo hedduu egereen keenya maaltu ta’a jedhanii yaadda’uun dhiphina cimaaf ta’uu mala.
Yeroo tokkotti waa’ee dhimmoota hedduu yaadanii dhiphachuu garuu hojii dhiisanii taa’anii yaadda’uun amma jireenya keenya jeequutti gahuu mala.
Rakkooleen fayyaa sammuun kunneen hojii, barnoota, hariiroo jaalalaa fi hariiroo maatii fi hiriyoota keenya waliin qabnu garmalee balleessa.
Dhiphinni hamaa fi mukaa’u garmaleen walqabate kan dhufu yoo ta’u, yeroodhaan wal’aansa yoo hin arganne garuu namoonni gara of ajjeesuutti geessuu mala.
Qaama hawaasaa kamtu of ajjeesuuf saaxilamaadha?
Dr Eliyaas akka himanitti, namoonni umrii dargaggummaa gara jalqabaarra jiranii fi gaheeyyiin umriin isaanii ganna 40 fi 50 keessa jiru of namoota of –ajjeeesan keessaa lakkoofsaan olaanaa qabu.
Ijoolleen umriin isaanii ganna 10 ol jiran eenyummaa isaanii baruu yeroo itti jalqabanii fi gaaffiiwwan jireenyaa deebiisu yeroo itti jalqaban waan ta’eef dhiibbaa guddaa keessa seenu jedhan.
‘’Ijoollee ol adeeman hanga umriin isaanii ganna 20 guututti ofii isaanii kan itti baran, eenyummaan isaanii yeroo itti qaramu waan ta’eef haala keessa jiran hubachuuf rakkisuu mala.
Keessaattuu gama barnootaa, hariiroo maatii, koorniyaa faallaa waliin hiriyummaa horachuu ilaalchisee haalonni geeddaramuufi hubachuuf isaan rakkisuu mala,’’ jedhan.
Jijjiramoota fi adeemsa of barbaadanii argachuurratti kanarratti ijoolleen ol guddata jiran miira isaanii to’achuu dadhabuu, dafanii abdii kutuu fi namni na gargaaru hin jiru jedhanii yaadu eegalu malu.
Ijoolleen ol guddatan kunneen umrii isaanii kanatti waa baayyee yaalu, akkasumallee ni gaafatu.
Ijoolleen ol adeeman kunneen sadarkaa hubannoo isaanitti gaaffii gaafataniif deebii yoo hin arganne hiikaan jireenyaa harkaa baduurraan kan ka’e dhiphina kanarra otoon du’e wayya jedhanii murtessuutti gahuu malu.
‘’Umrii kanatti hawaasni to’annoofi dhiibbaa guddaatu isaanirra gaha, ijoolleen ol guddatan ofii isaanii caala hiriyummaa fi hariiroo maatii waliin qabaniif bakka guddaa kennu.
Gabaabummaatti, umrii kanatti dhiibbaa namoota naannoo isaanii jiranii jala seenu, ‘‘ofii isaanitiif waa baayyee murteessuu hin danda’an‘’ jedhan.
Kana irraa kan ka’e waanti isaan dhiphisuu to’annoo isaanii ol yoo ta’e, dafanii abdii kutanii of ajjesuutti deemu malu jedhan.
Gama biraatiin, naannoo umrii kanatti gosonni dhibee sammuu hedduun yeroo mul’achuu itti eegalanidha.
Dhibeewwaan sanyiidhaan daddarbaniifi dhibeewwan sammuu biroon dhibee ta’uun isaanii mul’achuu kan eegalan umrii kanatti.
Seensa umrii dargaggummaa kanarratti dhiibbaa hiriyaatiin dargaggoonni araada gara garaa keessa seenuun dhiibbaa jireenya isaaniirratti akka uumu dagatamuu hin qabu jedhan Dr Eliyaas.
Ijoollee ol adeemaniifi seensa umrii dargaggummaarratti argaman warri isaaniifi hawaasni haala irra jiran hubachuun deeggarsa gochuufi akka qaban Dr Eliyaas akeekkachisaniiru.
‘’Ijoolleen ol adeemaan kunneen waan barbaadan akka qabaniifi waa wal bira madaaluu akka danda’an hawaasni hubachuu qaba. Waan haaraa akka hin yaaalle seeran ala dhorkuu fi garmalee to’achuun murtoo sirrii hin taane akka fudhatan isaan dhiiba,’’ jedhan.
‘’Ijoolleen ol adeeman jireenya isaanii keessatti kallattii ofii barbaadan akka argatan deeggaruu irra kan darbe, duchuumatti dhorkuu fi kan nuti jenne qofa raawwadhu jechuun miidhaa fidutu caala, ijoollee umriin isaanii seensa dargaggummaarratti argamuuf amantii fi bilisummaan isaaniif murteessaadha’’ jedhan ogeessi kun.
Ijoolleen ol guddataa jiran sammuun isaanii bilchataa wayita adeemu dhimmoota amantii, barnootaa, hariiroo jaalalaafi karoora isaanii gara fuulduraarratti gaaffiin dhiyeessan hubachuuf isaan rakkisuu mala. Maatiifi hawaasni kana hubachuun yoo hin deeggarre abdii kutachuu malu.
Umriin namoonni of ajjeessan guddaan galmaa’u kan biraan ga’eeessummaadha. Namoonni umrii kana keessa jiran yeroo hedduu jireenyi isaanii keessatti waan dalaganitti gammadoo kan hin taanee fi gaabbii keessa seenuutu irraa mul’ata.
‘’Dubaati deebi’anii jireenya isaanii ilaalanii gaddu, murtoo fudhatanitti gaabbuun dhiphina fi muk’aa’uu garmalee keessa seenu,’’ jedhan.
Itti gaafatama jiruu hawaasummaa
Dr Eliyaas akka jedhanitti, namoonni of ajjeesan ykn kan of balleessuu yaadaniif sababoota ijoo lamarraa ka’uuni jedhan.
Sababni jalqabaa jeeqamuu fayyaa sammuu asii olitti ibsaman yoo ta’u, inni lammaffaan garuu ta’iin gaddiisiisaa ykn riifaasisan tasa yoo uumamedha jedhan.
‘’Akka tasaa namni tokko namoota biraa waliin yeroo waldhabutti ykn waanti isa dhiphisu yeroo isa mudatu kanaa manna du’a wayya jedhu yoo isin mudate akka laafutti bira hin tariina. Maatii ykn hiriyoonni itti dhiyaatan sababa yeroo heddu du’a hawwan itti dhiyaatanii hubachuu qabu, sana booda gargaaruu yaaluu qabu,’’ jedhan.
‘’Hawaasa keessatti akka qoosaatti fakkeenyaaf yaa rabbii ati na fudhu kana caala nagahe, wayita jechuu wayita baayyisan amufii yeroo muraasaafi du’a barbaadeti jedhanii qorachuu ‘’ jedhan. Gama biraatiin kanaan dura nama of ajeessuuf yaale yoo ta’e maatiifi namoonni itti dhiyoo jiran biroon dammaqisan eeguu qabu.
Namoota amalli isaanii haala duraan hin baratamneen gegeeddaramu, callisa baayyisan, hirriba dhaban fi hedduu dhiphatan itti dhiyaatanii gaafachuun ifatti waliin haasa’uun barbaachisaa akka ta’e ogeeyyiin ni hubachiisu.
Namoonni nama jaalatan of biraa dhaban, qabeenyi isaanii jalaa manca’e ykn qormaata kufan carraan of-ajjeesuu yaaduu isaanii guddaa waan ta’eef namoonni isaaniitti dhiyaatan hordofuutu irraa jira jedhan ogeessi kun.