Ameerikaatti namtichi kanfaltii Covid argachuuf of ajjeesuu akkeesse hidhaan adabame

Ameerikaatti namtichi kuta biyyaa Maasaachuuseetis sagantaa deeggarsaa Covid-19 burjaajeessuuf yaaleefi aanga'otarraa baqachuuf jecha sobaan of ajjeesuu akkeesse, hidhaa ji'a 56n adabame.

Namichi maqaan Deevid Staveley jedhamu kun daldaloota gurguddoo afur qaba jedhee sobaan beeksisuun, sagantaa mootummaarraa qarqaarsa doolaara $544,000 argachuuf yaalii godhe.

Namni kun hojiisaa burjaajeessuu kanaan otoo dhaabee dassas tureyyu, inni garuu sarmuu dide.

Jennaan yaalii burjaajessuu kana hordofee bara dabre keessa mootummaan bira gahuun himate.

Himannaa kana jalaa miliquuf jecha, ofiin of akka ajjeese yookaan akka lubbuu ofii baase fakkeesse. Kana callaa miti - eenyummaa sobaafi taargaa (gabatee) hatame qabachuun fiiguutti ka'e.

Kanaanis namni kun nama jalqabaa sagantaa liqii kana burjaajeessuuf yaaluun himatame isa taasiseera.

Abbootiin alangaa murtee isaa ilaalchisuun ergaa barreessaniin: ''Muddama diinagdee sababa weerara [Koroonaavaayirasiin] uumame akka carraa badhaadhinaatti fudhate. Kanneen qarqaarsi isaan barbaachisu osoo jiranii, of sooreessuutti ilaale.''

Ameerikaatti sagantaan qarqaarsaa ''Paycheck Protection Program (PPP)'' jedhamu kun Bitootessa 2020 hanga Caamsaa 2021tti hojiirra oole. Sagantaan kunis biizinasoonni xixiqqaa weerarichaan haalaan miidhaman, liqee dhala gadaanaa qabu fudhachuun baasii isaanii akka haguuganiif kan yaadame ture.

Namni ganna 54 kun kophaasaa hin turre burjaajii kan kan yaale, namni waliin dhawuu kanarratti isa gargaare David Andrew Butziger jedhamuufi kan ganni isaa 53 tahe wajjin kana tolchan.

Akka Waajirri Haqaa jedhutti lammiin gochaan burjaajii kun yaaddesse, mootummaatti beeksisuu hime.

Haala kanaan jarri lamaan kun Caamsaa 2020 keessa to'annoo jala kan oolan oggaa tahu, Obboo Istaaviliin erga himatame booda manaa akka hin baane itti murtaa'e.

Yeroo muraasa boodas meeshaa elekitiroonikii ittin to'atamu ciree, barreeffama dhumaa of itti ajjeese kaa'uun, akkasumas kinkolaataa isaa qarqara galaanaatti banaa dhiisee baqate.

Boodarras Adooleessa 23, 2020 qaamoleen nageenyaa 'US Marshals' jedhaman Atilaantaa Joorjiyaatti deebisanii qaban.