Maanguddoo ganna 60 olii 'narsii ta'uuf' qormaata kutaa 8ffaa qoraman

Adde Halkanee Shuuttoo

Madda suuraa, Kominikeeshinii Godina Arsii Lixaa

Addee Halkanee Shuuttoo Godiina Arsii Lixaa Anaa Nageellee Arsii keessa jiraatu. Baruumsa osoo jaalatanuu umurii dargaggummaatti dhiisan bara dullumaa yeroo rifeensa lama biqilchanitti itti deebi'anii barataa jiru.

Inumaayyuu barana qormaata kutaa 8ffaa fudhatanii jiru. Qormaata kana yoo darban hanga lubbuun jiranitti baruumsa akka itti fufanis dubbatu.

Addee Halkaneen turtii BBC waliin taasisaniin, sababa barnoota adda kutaniif yoo ibsan "[bara] 1973 tumanii na gurguran [heerumsiisan" jechuun fedhiisaanii malee baruumsa akka adda kutan ibsu.

Baruumsa addaan kutanii akka heeruman godhamanis, Aadde Halkaneen bakka itti heerumanii badanii baruumsatti deebi'an.

"Jaarsa wayiitti tumanii na gurguran. Animmoo biraa badeetan barsiisota tokko biratti gale," hanga kutaa jahaatti barsiisota bira taa'anii akka baratan himu.

Boodara bara ALItti 1984 qormaata kutaa 8ffaa erga fudhatanii booda gara magaala Baatuu deemun achitti barnoota sadarkaa lammaffaa eegaluu dubbatu.

"Warra kiyya kan qara bira taa'u bira Ziwaay [Baatuun] dhufe. Warri ani bira taa'u sun Bulbula irraa jijjiirraa [hojii argatanii] Baatutti galan. Achumaan mana baruumsa Sadarkaa lammaffaa Baatuun seene," jedhu.

Haa ta'u garuu baruumsa itti fufuuf haalli mijachuufii waan dideef hojii humnaa hojjachuu eegalan.

"Haalli naa mijachuu dinnaan addaan kuteen [Giddu Gala] Qonna Ziwaay kan jedhamu seenee waan akka hojii haramaa fa'aan hojjataa ture," jechuun yeroo dheeraa booda hojicha dhiisun gara Nagaallee Arsiitti deebi'uun baruumsa sadarkaa lammaffaa itti fufuu himu.

Nageellee Arsitti deebi'anii baruumsa kutaa 11 seenanis, baay'ee fulla'uu hin dandeenye; addaan kutuun dirqama itti ta'e.

"Nageellee Arsiitti daree 11 seenee osuman barataa jiruu haalli naa mijachuu dinnaan ammallee addaan kutee galeen daldala jalqabe. Mana illee ijjaarradhee foyya'een amma itti deebi'e," jechuun waggoota heddu booda akkamiin baruumsatti akka deebi'an himu.

'Afaan Oromoo barbaachaa jedheen gadi deebi'ee baradhe'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Adde Halkanee Shutoo osoo barnoonni qubeen hin eegalin sirna barnootaa durii keessatti barnoota hanga sadarkaa lammaffaa baratanis, jaalala qubee Afaan Oromoof qabaniin duubatti deebi'anii baruumsa akka eegalan himu.

"Afaan Oromoo barbaachaa jedheen gadi deebi'e," jechuun waggaa shan dura baruumsa akka eegalaniifi barana qormaata kutaa 8ffaa qoramanii bu'aasaa eeggataa akka jiran himan.

Umurii dullumaatti maalif baruumsatti akka deebi'an yoo gaafannu, baruumsa osoo boo'anuu addaan kutan sana barachuuf amma haala mijataa akka ta'eef himu.

"Dur osoon boo'un dhiise; amma immoo boqonnaan fudhadha," jechuun ijoollee illee akka hin qabne kaasanii "carraan kiyya erga akkas ta'ee, yoon achi [mana baruumsaa] dhaqe yaadi narraa bada. Yoo ijoollen [barattoonni] gurratti na waccu illee natti tola," jedhu Adde Halkaneen.

Hanga lubbuun jiranitti barnoota itti fufuuf fedhii akka qaban kan dubbatan manguddoon kun, gara fuulduraatti narsii ta'uu akka barbaadan himan.

Bara darbes manguddoon ganna 76 Godina Arsii Aanaa Roobeetti dhalatanii guddatan Obbo Haayiluu Lamma jedhaman, magaalaa Finfinneetti qormaata kutaa 8ffaa qoramuusaanii gabaasun keenya ni yaadatama.