Bu’aa filannoo Keeniyaa Odiingaafi Ruutoon irratti kokkee walqabaa jiran irratti komiin yoo dhiyaate maaltu ta’a?

Raayilaa Odingaa fi Wiiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, Getty Images

Filannoon pirezidaantummaa Keeniyaa Kibxata Hagayya 9, 2022 gaggeeffame amma sagaleen lakka’aamaa, lammiileenis hawwiidhaan bu’aa isaa eegataa jiru.

Waggoota shanan dhufan biyyattii hoogganuuf kaadhimamtoonni afur kan dorgoman yoo ta’u, ammatti qabxii olaanaa argachuun baayyee walitti dhiyaatanii dursaa kan jiran Pirezidaantii Itti-aanaa yeroo ammaa Wiiliyaam Ruutoofi Ministira Mummee duraanii Raayilaa Odingaa dha.

Walitti dhiyaachuun qabxii dorgomtoota gameeyyii siyaasaa kanneenis deeggartoota isaanii takka gammachuun, takka ammoo gaddaan mataa naannessaa kunoo guyyaa sadaffaa qabateera.

Biyyi sirna haqaa foyya’aa akka qabdu himamu Keeniyaan, adeemsa lakkoofsa sagalee filannoo miidiyaalee biyyattii garaa garaatiin kallattiin dabarsaa jirti.

Guyyoota muraasa keessattis bu’aan filannoo kanaa aangoon kan kennameef Komishinii Filannoo (IEBC) tiin ni ibsama jedhamee eergama.

Waa’ee filannichaa hanga ammaa maal beekna?

Lammiileen biyyattii miiliyoona 22 ta’an filannoo kanarratti sagalee kennuuf kan galmaa’an yoo ta’u, isaan keessaa miiliyoona 14 kan ta’an namoota bakka nu bu’u jedhaniif sagalee kennuu isaanii odeeffannoon Komishinii Filannoo biyyattiirraa argame ni mul’isa.

Dorgomtoota pirezidaantummaan alattis, seenaataroonni, miseensoonni bakka bu’oota ummataa biyyattifi kaawuntiiwwanii, akkasuma bulchitoonni kaawuntiis filatamaniiru.

Kanneen keessaa baayyee qalbii lammiilee hawwataa kan jiru dorgommii cimaa maanguddoo Raayilaa Odiingaa kan yeroo shanaffaaf pirezidaantummaaf dorgomaa jiruufi pirezidaantii itti-aanaa Wiiliyaam Ruutoo jidduutti gaggeeffamuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Lakkoofsa sagalee hanga ammaatti taasifameen lamaan isaanii olaantummaan dursaa jiraachuu alatti sagaleen dorgomtoonni kunneen lamaan argatan baayyee walitti siquun isaa ammoo caalaa lammiileen hawwiin akka itti baha iaa eegattan taasiseera.

Ministirri Mummee duraanii Keeniyaafi maqaa masoo Baabaa jedhamuun kan beekamn Raayilaa Odingaan yeroo shanaffaaf aangoo pirezidaantummaatiif dorgome.

Sagaleen filannichaa lakkaa’amuu erga eegalee kaasees Raayilaan itti-aanaa Pirezidaantii kan ta’an Wiiliyaam Ruutoo waliin wal jijjiruun wal dursaa turan.

Bu’aan filannichaas guyyoota muraasa keessatti ifa ni ta’a jedhamee yaadama.

Kunis filatamaan filannicha mo’atu tokko injifataa ta’uun isaa baramuuf yoo xinnaate naannoolee filannoo 47 jiran keessaa 24 irratti sagalee parsantaa 25 argachuunsaa mirkanaa’u qabaata.

Haata’u malee, haala amma qabxiin dorgomtoota namoota siyaasaa lamaan jidduutti mul’ataa jiruun tarii erga kan injifate Komishinii Filannootiin labsamee booda carraan qaama kaaniin dhimmicha mana murtiitti dhiyeeffachuu olaanaa akka ta’e himu xinxaltoonni siyaasaa tokko tokko.

Komiin qaama injifatameen yoo dhiyaate hoo?

Bu’aan filannoo kaadhimamaa filannicha injifatee erga ifatti labsameen booda torban lama keessatti sirna muudama aangoo ifatti kakuu raawwata.

Haata’u malee, dorgomaa lammaffaan erga bu’aan filannichaa Komishinii Filannoofi Daangaawwan Walabaatiin ifa taasifameen booda komiin dhiyaachuu mala.

Yoo akkas ta’e ammoo kan injifate KKomishinii Filannoofi Daangaawwan Walabaatiin ibsamulleen qaamni komii dhiyeeffatu guyyoota torba keessatti mana murtii Waliigalaatiif iyyata dhiyeeffachuu qaba.

Manni murtii Waliigalaa biyyatti ammoo iyyanni dhiyaatee guyyoota 21 keessatti murtee bu’aa sana mirkanneessu ykn kuffisu kennuu qaba.

Manni murtichaa bu’aa filannichaa kan kufisu yoo ta’e ammoo guyyoota itti aanaan 60 keessatti filannoon biraa akka gaggeeffamuuf murte dabarsuu mala.

Gama walabummaa mana murtii Olaanaatiin Keeniyaan biyyoota Afriikaa keessaa akka fakkeenyaatti kanneen eeraman keessaa tokko.

Filannoo 2017tti maaltu mudate?

Filannoo pirezidaantummaa bara 2019 Keeniyaan gaggeessitee turteen garaagarummaan (irregularities) mul’achuu eeruun akka irra deebiin gaggeffamu ajajuun isaa ni yaadatama.

Yeroo sanattis Komishiniin Filannoo biyyatti dorgomaafi kan waggoota kudhan darbaniif biyyattii hogganan Uhuruu Keeniyaataa sagalee miiliyoona 1.4 argachuun filannicha injifachuu labse.

Haata’u malee, mormataan Uhuruu waliin bara 2017tti dorgomaa turan Raayilaa Odiingaa, komishinichi ‘’tortoree jira’’ aangoo akka gadhiisu jechuun iyyata dhiyeeffatan.

Biyyoota Afriikaa biraa keessattilleen bu’aan filannoo yoo haqamu ni dhagahama.

Haata’u malee, dorgomaan mormituu tokko sagalee pirezidaantii irratti komii dhiyeeffachuun mana murtiin komiin dhiyaatee dhugaa ta’uu yoo mirkanneessu kan jalqabaati jedhamee ture.

Kanaanis Pirezidaantiin Mana-murtii Waliigala Keeniyaa yeroo sanaa Deeviid Maragaan filannoo Hagayya 8, 2017 gaggeeffame ‘’kan akka heera mootummaa biyyatiin hin deemnedha’’ jechuun akka haqamuufi kufuu murtee dabarsan.

Dorgomaafi pirezidaantii yeroo sanaa kan turaniifi amma aangoo isaanii nama filannoo ammaatiin injifatuutti dabarsuuf qophiirra kan jiran Uhuruu Keeniyaataanis, abbootiin seeraa ‘‘namoota nagaa miti’’ (crooks) jechuun aarii isaanii haa ibsa malee, murtee manni murtii olaanaa biyyattii filannoo haquun dabarse akka kabajan himan.