Ameerikaan qoqqobbiiwwan haaraa 500 caalan Raashiyaarra kaa'uuf akka jirtu beeksiste

Madda suuraa, Getty images
Ameerikaan weerara Raashiyaan Yukireen irratti raawwachaa jirtu akkasumas mormituu beekamaan Aleksii Naavaalnii tibbana mana hidhaatti du'ee argamuun walqabatee qoqqobbiiwwan 500 caalan Raashiyaarra akka keessu beeksiste.
Qoqqobbiiwwan kunneen sirna kaffaltii kaardii,sirna faayinaansii fi humna waraanaa Raashiyaa akkasumas aanga'oota hidhaa Naavaalnii keessaa harka qaban irratti kan xiyyeeffateedha.
Gamtaan Awurooppaas teeknooloojii waraanaan walqabatee Raashiyaarra qoqqobbii haaraa kaa'uuf akka jiru ibseera.
Pirezidant Putiin cimsee qeequun kan beekamu Aleksii Naavaalnii bakka itti hidhamee ture- Arctic Circle jedhamu keessatti erga du'ee torbee tokko boodadha warri lixaa Raashiyaarra qoqqobbii haaraa kaa'uuf akka murteessan kan ibsaa jiran.
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Kamisa darbe haadha warraa fi maatii Naavaalnii Saanfiraansiskootti dubbisanii turan.
Ajjeefamuu mormituu beekamaa Aleksii Naavaalniif Putiin itti gaafatamaa akka ta'an shakkii tokkollee hin qabu jedhan Joo Baayidan.
Qoqqobbii haaraan Ameerikaan Raashiyaarra kaa'uuf deemtu kun dhaabbilee 100 ta'an irratti qiyyaafate, namoonni dhuunfaas xiyyeeffannoo qoqqobbii kanaati.
Sirna kaffaltii kaardii bebbeekamoo kan ta'an Viizaa fi Maastarkaard Raashiyaa keessatti tajaajila dhaabuurraa kan ka'e amma biyyattii keessatti tajaajila walfakkaataa kennaa kan jiru Mir qoqqobbii haaraa kanaan irratti qiyyaafatameera.
Qoqqobbiin kun jaarmiyaalee humna waraanaa Raashiyaa cimsuurratti hojjetan akkasumas dhaabbilee Iraan waliin walta'uun dirooniiwwan waraanaa hojjetan irrattis ni kaa'ama jedhameera.
Raashiyaan alattis biyyoonni akka Chaayinaa, Yunaayitid Arab Imireetis, Veetnaam akkasumas namoonni dhuunfaa akka Leechitanistaayin fi 1jarmiyaaleen dhuunfaa kaan Raashiyaaf meeshaalee waraanaa galchuuf maqaa jedhuun qoqqobbiin kun isaanirrattis xiyyeeffateera.
Qoqqobbiin kun diinagdee Raashiyaa hagas mara ni miidha jedhamee hin yaadamu.
Qoqqobbiin biyyoota lixaa duraanuu Raashiyaarratti walga'eera, jaarmiyaaleen daldalaa ishee qoqqobbiin Ameerikaa fi Awurooppaa irra hin kaa'amne muraasa.
Baankiiwwan fi jaarmiyaaleen waraanaa Raashiyaa qoqqobbii irra kaa'amu dandamachuuf mala hedduu lafa kaa'ataniiru.












