Raashiyaan meeshaa waraanaa farra saatalaayitii ''yaaddessaa'' hojjechaa jirti - Ameerikaa

Hawaa

Madda suuraa, EPA

Raashiyaan meeshaa waraanaa farra saatalaayitii ''yaaddessaa'' tolchaa jirti jette Ameerikaan. Tahus hamma yoonaa hojiirra akka hin oolchine ibsite.

Dubbi-himaan Waayit Haawus Joon Kirbii dhimma kana kan ibsan miseensi gameessi paartii Rippablikaanaa ''yaaddoon nageenyaa biyyaalessaa ijoo,'' jechuun akeekkachiisuun guyyaa tokko booda dha.

Meeshaan waraanaa kuni teessoon isaa hawaa tahuun niwukilaaraa saatalaayitii irrattii qiyyaafatu dha jechuun miidiyaan BBC waliin hojjetu CBS News gabaaseera.

Haatahu malee Obbo Kirbiin gaafa Kamisaa kana hin mirkaneessine, yaaddoo jiru irrattis odeeffannoo dabalataa kennuu didaniiru.

Raashiyaan meeshaa waranaa fayyadamuu waan jedhu kana Ameerikaan Kongireesiin Yukireeniif deeggarsa dabalataa ''asiifi achi dhooftee'' raggaasuuf dubbii walii dhahuu raawwachaa jirtu dha jedhan.

Kirbiin tibbana Pireezidant Joo Baayidan deeggaruun mul'atan yaaddoon battalaa Ameerikaa irra dhufu hin jiru jedhan.

''Waa'ee meeshaa waraanaa dachee kanarratti dhala namaa haleelu ykn mancaatii uumu haasa'aa jirra miti,'' jedhan.

Pireezidant Baayidan dhimma kana quba qabu jechuun bulchiinsi isaanis meeshaa waraanaa tolfamaa jiru kana ''itti dhimammuun'' hordofaa jira jedhan. Pireezidantichi, ''dubbiin Raashiyaa waliin karaa dippiloomaasii kallattiin akka ilaalamus,'' ajajaniiru jedhan.

Koree Tikaa Biyya Keessaaf dura taa'aa kan tahan Maayik Tarnar Roobii darbe yaaddoon biyyaalessaa ijoo tahe akka jiru haala ifa hin taaneen dubbachuun isaanii jette jettee babal'isee ture.

Ergasii garuu Gorsaa Nageenyaa Biyyaalessaa wajjin wal-gahuun,''dhimmi kuni akka dhimma mummeetti akka fudhatameefi karoorris akka lafa kaa'ame hubanneerra,'' jechuun,''yeroo hojiirra oolfamu deeggaruudhaaf eegaa jirra,'' jedhan Obbo Tarnar.

Meeshaan waraanaa hawaa fuula asoosama saayinsiirraa kan fudhataman haa fakkaataniyyuu malee, ogeessoonni waraanaa garuu addunyaa akkamalee teeknolojiitti hirkachaa jirtu kanatti dirree waraanaa isa itti aanu akka tahu erga akeekkachiisanii turan.

Waa'ee yaaddoo kanaa maal beekna?

Waan Oboo Kirbiin jedhaniin alatti mootummaan Ameerikaa yaaddoo jiru irratti hamma ammatti odeeffannoo dabalataa hin kennine.

Gorsaan Nageenya Biyyaalessaa Jeek Saalivaan, cal jechuun mootummaa beekaadhuma sababiinsaas, dhaabbanni basaasaa yaaddoo kanarratti odeeffannoo walitti qabuuf ''maddeeniifi mala'' fayyadamuuf dursi waan kennamuufi jedhan.

Miidiyaaleen Ameerikaa New York Times, ABC fi CBS jedhaman meeshaan waraanaa kuni yaaddoo kan tahu saatalaayitii Ameerikaa akka hin haleelliifi jechuun gabaasaniiru.

Obbo Kirbiin meeshaan waraanaa hojiirra ooluuf ragaan hin jiru jechuun yaaddoo jiru garuu Ameerikaan ''ittuma dhimmamuun ilaalaa jirti,'' jedhan.

Qondaalota Ameerikaafi ogeessoonni xiyyaar-samii waggootaaf Raashiyaa fi Chaayinaan humna waraanaa hawaa irratti jabeessuun Ameerikaatti qaqqabuuf walitti fufinsaan hojjechaa akka jiran akeekkachiisaa turan.

Uummanni yaadda'uu qabaa?

Af yaa'ii Maayik Joonsan dabalatee miseensonni paarlaamaa gameeyyiin waanti uummata yaaddessu hin jiru jedhaniiru.

Maayik Tarnar yaaddoo jiru haala ifa hin taaneen beeksisuu isaaniif qeeqamaa jiru. Miseensi paartii Rippaabliikaanaa Andii Ogiilis, ''xiinsammuufi fayyaa uummata Ameerikaadhaaf kan hin oogne dha,'' jedhaniin.

Ogeeyyiifi qondaaloti duraanii garuu yaaddoon saatalaayitii Ameerikaa irraa dhufu hundi dhiibbaa murteessaa tahe qabaachuu mala jedhan.

Waraanni Ameerikaa diinota akka addunyaatti jiru jedhaman caala odeeffannoo sassaabuuf, misaayela darbachuuf galaanaafi qilleensa qorachuuf akkasumas boombii GBS'n hojjetu fayyadamuufi waliindubbii dirree waraanaa irratti taasifamu hundaaf saatalaayitii fayyadama.

Qarqara galaanaa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Meeshaa waraanaa hawaa irratti seerri jiraa?

Ameerikaa, Raashiyaa fi Chaayinaan saatalaayitii addunyaarra jiru haleelluuf humna qabu. Tahus sadarkaa yaad-rimeetti meeshaa waraanaa fayyadamuu hin danda'an.

Biyyoonni sadeenuu waliigaltee Outer Space Treaty bara 1967 jedhamu mallatteesaniiru. Kunis ''meeshaa, meeshaa waraanaa niwukilaaraa baatu kamiyyuu akkasumas meeshaa waraanaa kaan kan badii jumlaa qaqqabsiisuu danda'u akka gara orbiitiitti hin ergine dhorka.

Qondaallii ittiisaa Ameerikaa duraanii Miik Muulrooy haala siyaasa amma jiruun waliigalteen kuni nageenyaaf wabii miti jedhaniiru.

''Raashiyaan waliigalteewwan mallatteessite, akkaa hin mallatteessnetti cinatti dhiisuun, humna waraanaa Yukireen keessatti fayydamuuf fedhii agarsiisaa turte, kunis faallaa seeraafi qajeelfama idil-addunyaatiini. ''Jecha isaanii hin eegan, dirqama waliigalteen kaa'eefis hin bitaman,'' jedhan.

Hawaan dirree waraanaa haaraa tahaa?

Nama alaabaa Humna Hawaa Ameerikaa qabate

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Maatiiw Kooreeng bara bulchiinsa Buush, Obaamaafi Tiraampitti ministira ittisaafi basaasaa keessa qondaala hojjetan yoo tahan, ''hawaan akkuma addunyaatti xiyyeeffannoo waraanaa murtessaa tahaa dhufeera,'' jedhan.

''Hamma har'aatti dhalli namaa hawaa qo'achaa tureera,'' jedhan. Haa tahu malee boodana hawaan dhimma daldalaa yeroo tahu argineerra, kuni reef jalqabusaati,'' jedhan.

Tarkaanfiin ittaanu, biyyoonni hawaa irratti ''iddoo ofii qabachuu irratti,'' xiyyeeffatu jedhan,

'' Samiifi galaanni eessayyuu hin dhaqan daldalaa bilisaafi banaa dha jennee yaadna ture,'' jedhan Obbo Kooreeng, waggaa 30 har'aa daldalaafi imalaaf jireenyaafillee otoo hin hafiin gara hawaa deemuun keenya hin oolu,'' jedhan.

''kanaaf iddoo nageenyisa eegame akka tahuuf mirkana kennuu qabna,'' jedhan.