Saayintistoonni Raashiyaa Buufata Hawaa Idil-addunyaa gahan haalluu Yukireen uffachuun mul'atan

Madda suuraa, Reuters
Astiroonomistoonni Raashiyaa Buufata Hawaa Idil-addunyaa gahan halluu Yukireen uffachuun mul'achuun, weeraricha mormuu ibsachuu fakkata.
Qorattoonni sadan erga Raashiyaan biyya ollaashee irratti baatii darbee keessa waraana banteen asi buufaticha yoo qaqqaban kun kan jalqabaati.
Isaanis wayita buufaticha qaqqabanitti waahillan isaanii lammiilee Ameerikaa, Raashiyaa fi Jarmaniitiin hammatamuun haalaan simatamaniiru.
Buufanni Qorannoo Hawaa Idil-addunyaa projaktii Raashiyaa, Kaanaadaa, Jaappaan fi biyyoota Awurooppaa biraati.
Biiyyoota jajjaboo lamaan jidduutti muddamnii darbee darbee jiraatulleen pirojektichi garuu walta'insa US-Raashiyaatiin waggoota 20 ol itti fufeera.
Qorattoonni hawaa Raashiyaa sadan- Oleeg Artemyeev, Deeniis Maatveev fi Sergeey Korsaakoov erga balaliinsii sadii-afur dhaabbata Raashiyaa kan Kaazaakhstaan jiruu irraa fashalaa'een booda nagumaan buufata hawaa qaqqaban.
''Nagaan qubachuu keessaniif baga gammaddan,'' jedhee sagaleen to'annoo ergama Raashiyaa battaluma isaan qubataniitti.
Sa'aatii muraasa booda ammoo, saanduuqnisaanii saaqamuun namoonni fuula ifaa sadii munyuuqaa gara buufata hawaatti tokko tokkoon asi bahan. Isaanis uffata dambii hawaa keelloo sarara cuquliisa qabu uffatan.
Uffanni dambii Raashiyaa cuquliisa qulqulluu ture. Osoo imalicha hin eegaliin duras yoo xinnaate namni tokko kana uffachuun mul'ateera.
Yeroo sanattis Naasaa, eejjansiin hawaa Ameerikaa fi eejjansiin Raashiiyaa lamaanu kallattiin dabarsaa turan.

Odeessaalee walfakkaatan:

"Halluu kaasuun dabaree keenya ta'e'' jedhan Mr Artemyev wayita dhimma uffata dambii kanaa ilaalchisuun konfaransii kallattii irratti gaafatamanii turanitti.
''Meeshaalee keelloo baayyee waan waliitti qabnuuf itti fayyadamuu barbaadne, sababii kanaaf keelloo kan uffanne.''
Erga weerara yukireeniin as namoonni addunyaa bakka garaa garaatti argaman deeggarsaafi waliin ta'usaanii mul'isuuf halluu alaabaa Yukireen fayyadamu.
Lammiileen Raashiyaa sadanis buufata hawaa idil-addunyaarratti ergama saayiinsii baatiiwwan jahaaf turu eegaluuf gara sanatti imalan.
Isaanis miseensoota garee sadan ammaan tana achi jiraniif Biteettoota 30tti gara dachiitti deebii'uuf karoorfaman bakka kan bu'aniidha.

Madda suuraa, Roscosmos














