Naasaan yeroo kamiyyuu caalaa Aduutti dhihaachuuf seenaa galmeesse

Madda suuraa, NASA
Xiyyaarri qorannoo hawaa (Naasaa) kan yeroo kamuu caalaa Aduutti maxxanuudhaan dandamattee seenaa galmeessiteetti.
Saayintistoonni xiyyaar Parker Solar Probe jedhamurraaKamisa halkan walakkaa EST (Jimaata 05:00 GMT) dura, erga guyyoota hedduu wayita ho'aa gubaa keessa balalii'aa tureetti qunnamtiin ala erga tureen booda mallattoo argataniiru.
Naasaan, xiyyaratiin erga fuula soolaarii irraa maayilii miiliyoona 3.8 (kiilomeetira miiliyoona 6.1) fagaatteen booda, ''nageenya'' fi akkuma idileetti hojjechaa jirti jedhe.
Xiyyaarri tunis gaafa jala bultii ayyaana Qilleetti ture kan urjii keenyaa keessa lixuundhaan, akkaataa Aduun itti hojjettu irratti hubannoo keenya fooyyessuuf jecha ho'a garmalee ficarrallaa cimaa kan dandamatte.
Kana dura kan gabaafne
Xiyyaarri qorannoo hawaa (Nasa) seenaa keessatti yeroo jalqabaatiif aduu (biiftuu)tti dhihaachuudhaaf yaalii taasisaa jirti.
Xiyyaarri Paarkar Solaar Piroob jedhamun moggaafamte tunis ho'aa fi carallaa baayyee cimaa akkasumas haala qilleensa ho'aa naannichaa dandamachuudhaan biiftuutti maxxanuudhaaf yaalii taasisaa jirti.
Xiyyaarri tunis tibba balaliinsa ho'a garmalee kanatti guyyoota hedduudhaaf quunnamtiidhaan ala kan taatee yoo ta'u, qorattoonni ergaa argachuudhaaf eeggataa jiru.
Carraa hafuu xiyyaara tanaatis Mudde 28 akka sa'aatii Ameerikaatti sa'aa 05:00 GMT irratti ni barama jedhameera.
Xiyyaarri gara garasiitti ergamte tunis biiftuun attamiin akka hojjattu hubachuuf akka gargaartu abdatameera.
Ittigaafatamaan kutaa saayinsii Naasaa, Dr Niikolaa Fooksi, ''Jaarraawwaniif namoonni waa'ee biiftuu qorataa turan, garuu haala naannoo eddoo tokkoo hanga itti dhiyaattee agartuutti hubachuu hin dandeessu'' jechuun BBCtti himan.
''Kanaafu haala naannoo urjii keenyaa baruuf naannawicha keessa balali'uu qabna'' jedhan.

Madda suuraa, NASA
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Paarkar Solaar Pirob bara 2019tti ture kan gara jidduugala sirna solaariitti kan imalte.
Hanga ammaattis yeroo 21'f aduu kan naannoofte yoo ta'u, yeroodhaa gara yerootti gara aduutti maxxanaa jirti.
Gaafa jala bultii Gannoo faranjootaatti ammoo yeroo kamuu caalaa gara Biiftuutti maxxanteetti.
Xiyyaarri tunis fageenya kiloomeetira miiliyoona 6.2 (maayil miiliyoona 3.8) irratti biiftuutti kan dhiyaatte.
Dursaan kutaa Saayinsii Nasa Dr Niikolaa Foksi akka jedhaniitti, fageenyi kun baayyee dhiyoo fakaachuu dhiisuu danda'a ta'a, haata'u malee nuti "Nuti Aduu irraa maayilii miliyoona 93 fagaannee jirra. Kanaaf Aduu fi Lafarraa meetira tokko kan addaan fagaatan osoo ta'e, Paarkar Solaar Pirob Aduu irraa seentimeetira afur fagaatti jechuudha. Kanaaf hangas dhiyoodha."
Xiyyaarri tunis wayita gara Aduutti maxxantu ho'a diigrii seentigireedii 1,400 dandamatteetti. Ho'i aduu qaamoolee xiyyaaratii baqsuudhaaf humna qaba.
Xiyyaarri hawaa tunis kaarban-kompoostii bal'ina seenti meetira 11.5 qabuun kan haguugamte yoo ta'u, kaayyoonshees saffiisaan seente bahuudha.
Xiyyaarri tunis meeshaale ilmaan namaa hojjatan keessaa baayyee saffistuu yoo taatu, sa'aatii tokkootti fageenya maayiilii kuma 430 imalti. Kana jechunis Landanii hanga Niiw Yoorki sakondii 30 keessatti imalti jechuudha.

Madda suuraa, NASA
Ofii biiftuu bira gahuuf hangana imaluun maaliif barbaachise?
Saayintistoonni xiyyaarri tunis akkuma karaa kutaa alaa urjii keenyaa, kan koroonaa jedhamutiin dabartu, iccitii baroota dheeraaf ture akka furtu abdatu.
''Koronaan dhuguma, dhuguma baayyee ho'aadha. Maaliif akkas akka ta'es yaada hin qabnu," jechuun ibsu Dr Jeniifar Miilaard, ogeettiin qorannoo hawaa Fifth Star Labs Weels.
"Ho'i fuula Aduu gara seesheelsii 6,000 fi sanaa ol ta'a, garuu koroonaan, qilleensi alaa dadhabaan kan yeroo aduu fi Jiinni wal gaaddideessan arguu dandeessan gara digrii miliyoonaan lakkaa'amu ga'a. Kunis Aduu irraa fagaatee argama. Kanaafuu qilleensi sun akkamitti ho'aa jira?."
Kana maleessa qorattoonni waa'ee bubbee hawaa (solar wind) hubachuuf yaalaa jiru.
Bubbeen hawaa kunis yoo diree maagneetii (magnetic field) lafaa waliin walitti makamu ifa samiirratti ifuufi auroras jedhamu kenna.
Garuu qilleensi hawaa jedhamu kun rakkoollee fiduu danda'a. Dhaabbilee madda anniisaa, elektirooniksii fi sirna komunikeshinii jeequu danda'a.
"Haala aduu, sochiishee, haala qilleensa hawaa, qilleensi aduu hubachuun jireenya keenya guyyaa guyyaa lafarraatiif baay'ee barbaachisaadha," jedhu Dr Miilaard.

Madda suuraa, NASA
Saayintistoonni qorannoo hawwa (Naasaa), tibban ayyana gannoo kanatti dhimmi xiyyaarri hawaa kan qunnamtiishee waajira lafaa waliin adda citeetiin yaada'aa jiru.
Niikoolaa Fooks, battaluma mallattoon gara lafaatti deebi'een ergameen, gareen wanti hundi Sirrii ta'uu ibsu akka isheef ergan dubbatti.
Xiyyaarri tunis yaalii ija jabinaan godhame kanaan kan yaaddoofte yoo ta'u, garuu qorannoo kana irratti amantaa qabdi jedhan.
"Waa'ee xiyyaara hawaa kanaa nan yaadda'a. Garuu dhuguma haala cimaa, gara jabeessa kana hunda akka dandamatutti dizaayinii gooneerra. Xiyyaarri hawaa xiqqoo fi cimaadha."
Qormaata kana hunda yoo dandamate, xiyyaarri tunis gara fuulduraatti ergama qorannoo naannoo Aduu itti fufti jedhan.












